Akka ragaan Waajjira Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Magaalaa Shaggar irraa argame mul’isutti, magaalattiitti dargaggoota waldaadhaan gurmaa’anii damee hojii gara garaa irratti hirmaachaa turan keessaa 381 gara intarpiriinaraatti (abbaa qabeenyummaatti) ce’uun waldaalee kuma 18fi 20 ta’an of jalatti miindessanii jiru.
Ittigaafatamaan waajjirichaa Obbo Wandasan Taammiree akka jedhanitti, dargaggoonni gara abbaa qabeenyummaatti ce’an kunneen duraan miindeffamtoota kan turan yoo ta’u, ogummaa horataniifi carraa hojii isaaniif uumametti fayyadamuun cimanii hojjechuun gara abbaa qabeenyummaatti ce’uu danda’aniiru. Omishaalee Faayibar Gilaasii koriidarii misoomaa Magaalaa Finfinneefi naannawaa Masaraa Mootummaatti argaman omishee kan dhiyeesse dargaggoota Magaalaa Shaggar waldaan gurmaa’anii hojjechaa jiraniidha. Waldaaleen gara abbaa qabeenyummaatti ce’an waldaalee biroof fakkeenya gaarii kan ta’aniifi dargaggoota biroofis carraa hojii bal’aa kan uumanidha.
Dargaggoo Yoonaas Geetuu Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Furiitti Waldaa Yoonaas, Saaraafi Hiriyootasaanii jedhuun gurmaa’uun omisha Faayibar Gilaasiirratti bobba’ee hojjechaa jira. Waldichi bara 2012 kaappitaala qarshii kuma 70fi miseensota sadiin kan hundaa’e yoo ta’u, yeroo ammaa kaappitaala qarshii miliyoona 15 ol horachuufi dargaggoota 60 oliif ammoo carraa hojii uumuu dubbata.
Geggeessaan Hojii waldichaa Dargaggoo Yoonaas Geetuu torban darbe Gaazexaa Bariisaatti akka himetti, waldichi Faayibar Gilaasiirraa omishaalee abaaboon keessa dhaabaman omishee dhaabbilee mootummaa federaalaafi naannoleef dhiyeessaa jira. Waajjiraaleen mootummaa federaalaafi naannolee haareffamuufi misoomni koriidarii magaalotaa jalqabamuun omishaaleen waldichaa gabaarratti daran akka barbaadamu taasisuun walittihidhamiinsa gabaa bal’aa uumuun galiin waldichaa akka dabalu taasisisaa jiraachuus eereera.
Waldichi dhaabbilee mootummaa federaalaa guguddoo kanneen akka Daandii Qilleensaa Itoophiyaa, Artifiishaal Intalajansii, Godambaa Yaadannoo Injifannoo Adwaa akkasumas biirolee naannoleef omishaaleesaa dhiyeessaa jira. Waldichi dhaabbilee mootummaa federaalaafi naannolee hedduuf ajajaan omishaalee gara garaa hojjechafii jiraachuus himeera.
Waldichi misooma koriidariin walqabatee omishaalee sheedota asiifi achi socho’an, mana to’attoonni tiraafiikaa keessa taa’an, qodaa balfi ittigatamu babbareedoo miidhagina magaalotaa waliin deeman dhiyeessaa jira. Waldichi dhiyeenya kana kutaa magaalaa Shaggariifi aanaalee bulchiinsa magaalattiif sheedota 50 hojjetee kan dhiyeesseef yoo ta’u, sheedonni kunneen dargaggoota gurmaa’an 150 oliif carraa hojii uumaniiru jedha Dargaggoo Yoonaas.
Akka ibsasaatti, waldichi yeroo ammaa gara invastimantiitti ce’uun lafa invastimantiif oolu gaafatee jira. Gara fuulduraatti omishaaleesaa gabaa biyya keessaaf qofa utuu hintaane gabaa biyya alaatiifis dhiyeessuufi dargaggootaafis carraa hojii bal’aa uumuuf karoorfatee hojjechaa jira. Omishaalee kanaan dura gatii guddaadhaan alaa galaa turan biyya keessatti omishuun gatii madaala’aadhaan gabaaf dhiyeessaas jira.
Omishaaleen waldichaa qulqullinaanis ta’e ciminaan dorgomaa waan ta’eef gabaarratti daran filatamaafi barbaadamaa ta’uu kaasee, dhaabbileen guguddoon omishaalee gara garaa ajajaan akka isaaniif hojjetaniif gaafachaa jiraachuu hima. Fulduraattis gara industirii olaanaatti guddachuufi omishaaleesaa gabaa biyya alaaf dhiyeessuuf karoorfatee hojjechaa jiraachuufi omishaalee misooma koriidarii waliin deemaniifi miidhagina magaalaa dabalanis bal’inaan hojjechaa jiraachuu dubbata.
Magaalaan Shaggar erga hundaa’ee as humni omishuu waldichaa dachaadhaan dabaluu kan dubbatu Dargaggoo Yoonaas, Waajjirri Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Magaalaa Shaggariifi kutaa Magaalaa Furiis to’annoofi hordoffii barbaachisu taasisuun waldichi bara darbe Baankii Siinqeerraa tajaajila liqii qarshii miliyoona sadii akka argatu taasisuusaanii ibsa. Kana malees leenjii kennuufi lafa waldichi irratti hojjechaa jiru bal’isuufiin deeggarsa barbaachisu kan taasiseef ta’uus himeera.
“Dhoksaan milkaa’ina isaanii abdii utuu hinkutatiin jabaannee hojjechuu keenya. Hojicha yeroo jalqabnus bu’aa buufachuu utuu hintaane baay’ee beekuurratti xiyyeeffannee hojjechaa turre. Guddinni adeemsa keessa dhufa waan ta’eef altokkotti sadarkaa guddaarra gahuun hindanda’amu. Hojii kamiyyuu kutannoon abdii utuu hinkutatin hojjennaan itti milkaa’uun ni danda’ama. Dargaggoonni dameewwan hojii gara garaa irratti hirmaatanis rakkoolee hojiirratti isaan mudataniin abdii utuu hinkutatin cimanii hojjechuun akka milkaa’aniif dhaamsa dabarseera.
Hojii utuu hintuffatiin carraawwan hojii argaman hundumaatti fayyadamuun hojii xiqqaarraa ka’anii sadarkaa guddaarra ga’uufi qabeenyaa guddaa horachuun ni danda’ama kan jedhu dargaggoon kun, waanti guddaan hojii utuu hintuffatin kaka’umsa guddaafi qulqullinaan hojjechuu ta’uu hima. Hojiin irratti bobba’an hawaasa naannawaafi biyyaaf bu’aa maalii akka qabu sirriitti ilaaluun barbaachisaa ta’uufi dargaggoonni hojii dhuunfaasaanii uummachuuf yaada qaban dura fedhii hawaasa naannawaa ilaaluu akka qaban yaadachiiseera.
Dargaggoonni ilaalcha hojii tuffachuufi filachuu keessaa ba’uun carraa hojii argame hundumaatti fayyadamuun ofiisaanii, maatiifi biyyasaanii jijjiiruuf cimanii hojjechuu qabu kan jedhu Yoonaas, hojii dhuunfaa ofii uummachuuf bu’uurri kaka’umsaafi fedhii hojii uummachuudha jedha.
Miseensaafi suparvaayizara waldichaa kan ta’e Dargaggoo Ahmad Jaafar gamasaatiin akka jedhutti, waldichi dargaggoota achii hojjetaniif akka dhaabbata leenjii teknikaafi ogummaa ta’ee ogummaa gara garaa akka horatan taasisaa jira. Dargaggoota haaraa mindessu hojiitti galchuun duras ni leenjisa. Innis ogummaa gaarii horachuu horateera.
“Waldichi dargaggoota 60 oliif carraa hojii uumee ogummaa gara garaa akka horatan taasisaa jira. Dargaggoonni har’a waldicha keessaa hojjechaa jiran bor hojii dhuunfaasaanii uummatanii hojjechuufi dargaggoota biroofis muuxannoosaanii qooduu danda’u. Hojii gadaanaarraa ka’anii muuxannoo horachuun omishaalee gara garaa omishaa kan jiran hedduudha. Hojjetaa haaraan mindeffamus isa muuxannoo qaburraa barachaa deema. Waldichis dargaggoonni ogummaa akka horataniif daran kan jajjabeessu ta’uu dargaggoonni waldichatti mindeffamanii hojjechaa turan baay’een muuxannoo horataniin ofdanda’anii bahanii hojii dhuunfaasaanii kan uummatanis jiru” jedha.
Dargaggoo Nagaasaa Warqinaa dargaggoota waldichi carraa hojii uumeef keessaa isa tokko. Erga waldichatti mindeffamee waggaa sadii ta’uu kan himu dargaggoon kun, turtii kanaan muuxannoo, ogummaafi dandeettiisaa kan gabbifate ta’uu hima.
Waldaaleen akkasii utuu babal’atanii dargaggoota biiroof carraa hojii bal’aa uumuudhaan dargaggoonni araada adda addaan akka hinqabamne, bakka hinmalle akka hinoolle, hojii malee akka hinteenye taasisuun hojiin qabamanii sammuunsaanii boqonnaa gahaa akka argatu taasisuu keessatti gahee olaanaa kan qaban ta’uus eereera.
Waldichatti mindeffamtee waggoota shaniif hojjechaa kan jirtu Shamarree Heelen Guutamaa akka jettutti, hojiin qabamuun boqonnaa sammuu namaaf kenna. Namni hojii qabu yeroo hundumaa waa’ee hojii yaada. Namni hojii hinqabne garuu boqonnaa sammuu hinqabu. Bulee ka’ee hojii waan hinqabneef akka salphaatti araada gara garaan qabamuu danda’a. Xiqqaatus guddatus hojiin qabamuun gaariidha. Hojii xiqqaan jalqabanii muuxannoo, ogummaa, dandeettiifi sadarkaa hojii guddifachaa deemuun kan danda’amu ta’uu dubbatti.
Hojiin jireenya kan jettu shamarreen kun, yoo hojjetan malee jiraachuus ta’e tajaajila barbaachisu argachuun hindanda’amu. Kanaafuu dargaggoonni carraa hojii argame hundumaatti fayyadamuun hojjetanii jiraachuu akka qaban gorsiti.
Natsaannat Taaddasaatiin
BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 23 Bara 2017