Beenishaangul Gumuzitti qonna gannaarraa callaa kuntaala miliyoona 45 sassaabuuf hojjetamaa jira

  • Hektaarri kuma 220n kilaastaraan faca’eera

Finfinnee: Qonna gannaa 2016/2017 irraa callaa kuntaalli miliyoona 45 sassaabuuf hojjetamaa jiraachuu Biiroon Qonna Naannoo Beenishaangul Gumuz beeksise. Kunuunsaafi hordoffiin biqiloota ashaaraa magariisaan dhaabbatan ittifufee jiraachuun ibsameera.

Hogganaan biirichaa Obbo Babakir Haliifaa Kibxata darbe Gaazexaa Bariisaaf akka ibsanitti, raawwii qonna ganna bara 2016/2017tti hektaara miliyoona 1.3 sanyiidhaan uwwisuuf karoorfame hunda sanayiidhaan uwwisuun danda’ameera. Kanarraas callaa kuntaalli miliyoona 45 kan eegamu yoo ta’u, yeroo ammaa haalli omisha oyiruu irra jiruu gaariidha.

Akkasaan jedhanitti, hojii qonna naannichaa milkeessuuf aanaalee naanniichaa hundatti ogeessota qonnaa ja’a ramaduun qindoomina hawaasa waliin uumuun lafa sanyiidhaan uwwisuuf karoorfame hundaa sanyiidhaan uwwisuun danda’ameera. Midhaan zayitaa, dheedhii dabalatee omisha oyiruu irra jiru keessaa %54 midhaan agadaati. Isaan keessaas bisingaan hektaara kuma 352, boqqolloon ammoo hektaara 291dha.

Raawwii qonna gannaa keessatti qonna kilaastaraan hektaara kuma 370fi 229 sanyiidhaan uwwisuuf karoorfame kessaa hektaarri kuma 220 sanyiidhaan uwwifamuu eeranii, aanaalee Uuraa, Baambasii keessatti qonnaan bultootni oyiruu isaanii % 60-70 kilaastaraan waan facaasaniif hektaara kuma 16 ol ta’u utuu addaan hincitin bakka tokkotti boqqolloon uwwifamuu ibsu. Qonnaan bultootaafi ogeeyyiin qonnaa aanaalee hunda irraa dhufanii bakka kana irraa muuxannoo fudhachaa jirachuus ni kaasu.

Hojiiwwan kunneen raawwachuufis guddistuu callaa Daappii (Nps) kuntaala kuma 74fi 672, Yuuriyaa (Urea) kuntaala kuma 61fi 789, kompostii kuntaala miliyoona afuriifi Vermii kompostii kuntaala miliyoona sadii ol faayidaa irra oolchuun danda’ameera.

Dhibeewwan omisha huban kanneen akka kotaariyemiifi waagii naannichatti mul’achuu himanii, hordoffii hanga ammaatti taasifameenis qamadii hektaara kuma torba irratti keemikaalli biifamuusaa kaasu. Torbee lamaan ittaanutti gara boqonnaa omisha ga’e sassaabuutti ce’ama jedhaniiru. Haaluma walfakkaatuun sangantaa ashaaraa magariisaan biqiltuu gosa addaa addaa miliyoona 60 dhaabbatan kunuunfamaa jiraachuus eeru.

Akkasaan jedhanitti, raawwiin ashaaraa magariisa bara kanaa Ministirri Muummee Abiyyi Ahmad (PhD) bakka argamanitti waan gaggeeffameef kan duraanii caalmaatti milkaa’aa ture. Yeroo ammaa kanas hojii misooma biyyeefi bishaaniin walqabateen bakkeewwan biqiloonni dhaabbatan hundatti gurmaa’iinsa dargaggootaafi dubartootaa, biiroleetiin kunuunsaafi hordoffiin taasifamaa jira.

Hanga Sadaasa xumuraatti roobni roobuu waan danda’uuf midhaan akka boloqqee, saalixii ga’aniifi kanneen biroon hawaasi akka sassaabu dhaamanii biiroonis hordoffiifi to’annoo omishalee sassaabamanii hordofuudhaan kallattii kennamuun ittifufa jedhaniiru.

Gammachuu Kadiriin

BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 23 Bara 2017

Recommended For You