Ammas yoo ta’e ejjennoon mootummaa waldhabdee hunda karaa nagaan furuudha

Finfinnee: Mootummaan waldhabdee hunda akkuma kanaan duraa karaa nagaa ta’een furuuf ejjennoo kan qabu ta’uu, Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) beeksisan.

Doktar Abiyyi gaaffii miseensotni Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa, Walga’ii Idilee 3ffaa bara hojii 4ffaa waggaa 6ffaa gaggeeffamerratti isaaniif dhiyeessaniif deebii kennaniin akka jedhanitti, biyyattiin waraana waan itti beektuuf, hinbarbaaddu. Waldhabdee humnaan furuurra karaa nagaa furuun bu’aa olaanaa qaba. Mootummaan walitti bu’iinsi jiru karaa nagaan akka furamu dursa kennee hojjeteera; ammallee ejjennoon isaa waldhabdee jiru karaa nagaa furuudha.

Haa ta’u malee, qaamni kamiyyu humna, jibbaafi wal balleessuutiin kaayyoosaa galmaan ga’uu waan hindandeenyeef tasgabbiin yaaduun barbaachisaa ta’uu hubachiisu.

Dippilomaasii wajjin walqabatee Doktar Abiyyi akka jedhanitti, ejjennoon Itoophiyaa biyyoota hunda waliin qajeeltoo kennanii fudhachuutiin jiraachuudha. Itoophiyaan giddugala humna Afrikaati, mataashee bira darbitee misooma Afrikaaf kutannoo qabdi. Eenyuuma duuka osoo hinhiriiriin dippilomaasii kennanii fudhachuutiin faayidaa biyyaalessaaf nihojjetti.

Lammileen Itoophiyaa hundi kana beekanii faayidaa biyyaaf dursa kennuun hojjechuu akka qaban himanii, nageenyi keessoo jabina dippilomaasiif gahee olaanaa akka qabu ibsu.

Itoophiyaa keessatti nagaa waaraa fiduuf, seenessa waloo dagaagsuufi, akka heera biyyaatti buluu akka barbaachisu eeranii, Itoophiyaan biyya sabaafi sablammootaa ta’uushee amanuufi mirkaneessuu, dogoggorawwan kaleessa turan sirreessuu, ciminoota turan ittifufsiisuu, waliigaltee biyyaalessaa uumuu, Itoophiyaa guddatteefi misoomte arguuf mul’ata waliinii uumuu, yaadama paartii bira darbee dhaloota ceesisuu danda’u qabaachuutu barbaachisa jedhaniiru.

Waldhabdee biyyattii keessatti mul’atu Marii Biyyaalessaatiin furuuf miseensotni mana mariichaa Komishiinii Marii Biyyaalessaatiif deeggarsa cimaa taasisuu akka qaban kaasanii, Komishiinii Haaromsaafi Cehumsa haqaatiifis deggarsi taasifamuu qaba jedhaniiru.

Haala nageenya Naannoo Amaaraa ilaalchisee Doktar Abiyyi akka ibsanitti, naannichatti mootummoota darban hunda caalaa mootummaan ammaa hojiilee misoomaa gurguddaa hojjechaa jira. Naannichatti hojiileen ijaarsa daandii, warshaaleefi misoomni turizimii hojjetamaa jiru. Naannicha giddugala turizimii gochuuf hojjetamaa jira. Masaraan Mootummaa Faasil haaromfamaa jira, magaalota gurguddoo naannichaa keessatti hojiileen misooma koriidarii hojjetamaa jiru. Ijaarsi Hidha Magac waggooa dheeraaf erga adda cite turee booda bajata qarshii biliyoona torba ramaduun halkaniifi guyyaa hojjetamaa jira.

Akka isaan jedhanitti, hojiileen kunneen hundi hojjetamaa kan jiran ta’us, hojiileen misoomaa naannichatti akka hinhojjetamne gufachiisuuf qaamotni yaalii godhan jiru. Qaamota kunneen waliigallee gochaasaaniirraa akka deebi’an gochuu qabna. Ummatni Amaaraa ummata safuu qabu, ummata eenyu akka isaaf hojjetuufi eenyummoo isaaf akka odeessu adda baasee beekudha jedhanii naannichatti mootummaan hojiilee misoomaa cimsee kan itti fufu ta’uu ibsaniiru.

Taammiruu Raggaasaatiin

BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 23 Bara 2017

Recommended For You