Biiroon Bishaaniifi Inarjii Oromiyaa rakkoo bishaan dhugaatii Magaalaa Yaa’abal’oo furuuf xiyyeeffannoo olaanaa kennee hojjechaa jira.
Baay’inaa ummata magaalattii yeroodhaa gara yerootti dabalaa dhufeen hanqinni bishaan dhugaatii humnaa ol dabaleera jedhu Hojigaggeessaan Dhaabbata Bishaan Dhugaatiifi Dhangala’aa Magaalaa Yaa’abal’oo Obbo Halakee Jaarsoo.
Yeroo dhaabbanni kun bara 1962 hundaa’etti baay’inni ummata magaalattii jiddugalaan kuma 15 hanga kuma 20 ture. Duraan aanaa jalatti mana qopheessaatiin bulaa kan turte Yaa’abal’oon ammaan tana magaalaa guddoo Godina Booranaa taatee ofdandeessee kantiibaan bulaa jirti.
Yeroo ammaa baay’inni ummatashii kuma 124 olitti tilmaamama. Dhaabbileen mitmootummaafi mootummaa yeroo bishaan dhugaatii magaalattii hojjetamu hinturre, amma dhaabbileen mootummaa kanneen akka Yunivarsitii Yaa’abal’oofi kolleejjiiwwan adda addaa kan mootummaafi dhuunfaa, hospitaalaafi dhaabbilee fayyaa dabalatee jaarmiyaaleen garagaraa magaalattiitti argamu.
Baay’ina ummata magaalattii yeroo gara yerootti dabalaa dhufe faana pirojektiin bishaanii dabalame waan hinturreef hanqinni bishaanii bal’inaan mudateera.
Dhaabbatnni Tajaajila Bishaan Dhugaatiifi Dhangala’aa magaalattii sababa hanqinni bishaanii bal’aan jiruuf hawaasaaf tajaajila bishaanii gahaa kennaa hinjiru. Ummanni bishaan torbanitti al tokko dabareedhaan akka argatu dirqame. Innumtuu wayita bonaa ummanni lafa tabbaarra jiraatu bishaan argachaa hinjiru.
Maamilli lakkooftuu bishaanii qabu kan ji’aafi waggaa guutuullee hinarganne jira. Kanaafuu gaaffiifi komii ummataa bal’ootu jira.
Rakkoo kana furuuf mootummaan bara 2007 pirojektii bishaanii tokko eddoo Utaalloo jedhamutti qorachiisuun boolli 4 qotamee bishaan gahaan argamullee sababoota adda addaatiin bishaan bahe kana omishuun ummata qaqqabsiisuu hindandeenye.
Ummanni bishaan baheefitti gammadee abdiin eeggachaa turus osoo irraa hinfayyadamiin har’a erga waggoota 10 lakkoofsisee booda bara 2017 kanatti furmaata argachuuf deemaa jira.
Sababa magaalattiin bishaan gahaa hinqabneef invastimantii gahaa hawwachuu dadhabuun guddinnisheellee quucaruu Obbo Halakeen nidubbatu. Gaafa rakkoon kun furame guddinni magaalattiis saffisuu akka danda’u abdii qaban ibsaniiru.
Kallattii Mootummaan Naannoo Oromiyaa pirojektota buleeyyii akka kanaa jiran xumursiisuuf kaa’e bu’uura godhachuun Biiroon Bishaaniifi Inarjii Oromiyaa Pirojektii Bishaan Dhugaatii Magaalaa Yaa’abal’oo dabalatee kanneen biroo xumursiisuuf xiyyeeffannoo olaanaa kennee hojjechaa jira.
Pirojekticha xumursiisuunis hojiitti galchuuf Korporeeshinii Ijaarsaa Oromiyaa (‘OCC’)fi dhaabbata tajaajila gorsaa, Korporeeshinii Injinariingii Oromiyaa (‘ECO’) waliin walharkaa fuudhinsa gaggeessuuf haaldureen xumuramaa jira.
Biiroo Bishaaniifi Inarjii Oromiyaatti Injiinara Pirojektii Bishaan Dhugaatii Magaalaa Yaa’abal’oo ta’uun yeroo ammaa hojjechaa kan jiran Injiinar Jaarraa Mul’ataa rakkoo bishaan dhugaatii magaalattii furuuf yeroowwan adda addaa yaaliin gaggeeffamaa turus sababoota adda addaatiin hanga yoonaatti turuu ibsan.
Baasiin pirojektii kana xumursiisuuf gaafatus guddaa waan tureef hanga bajanni kun argamutti harkifachaa turuu yaadachiisuun, yeroo ammaa xiyyeeffannaafi murtee guddaa biirichi fudhateen rakkoon kun akka furamuuf hojiitti galeera jedhan.
Yeroo ammaa dhaabbata ijaarsaafi gorsaa hojiitti galchuuf hojiilee teknikii dabalatee haaldureewwan xumuramuu qaban xumuruuf gareesaanii waliin garasitti bobba’anii hojjechaa jiru.
Boolliwwan bishaanii afur qotamee sakondii tokkotti bishaan liitira 114 waan kennuuf yemmuu xumuramutti rakkoo bishaan dhugaatii magaalattii guutummaatti nihiika jedhan. Pirojektiin kun waggoota 40f tajaajila akka kennuu danda’utti qoratamuusaas ifoomsan jechuun Biiroon Bishaaniifi Inarjii Oromiyaa odeeffannoon Bariisaaf ergeen eereera.
BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 16 Bara 2017