“Buusaa Gonofaan Oromiyaa hojii gargaaramtummaa jalaa ba’uuf raawwatamaa jiruuf fakkeenya gaarii ta’a” – Obbo Mogos Ida’ee

Keessummaan Bariisaa maxxansa kanaa Hogganaa Buusaa Gonofaa Oromiyaa Obbo Mogos Ida’ee Odaati. Hojiilee guguddoo Buusaa Gonofaan Oromiyaa raawwachaa tureefi jirurratti gaafdeebiin Obbo Mogos waliin taasifne akka armaan gadiitti dhiyaateera.

Bariisaa: Hojiilee guguddoo Buusaa Gonofaan Oromiyaa erga hundaa’ee as raawwateefi raawwachaa jiru akkamitti ibsama?

Obbo Mogos: Buusaan Gonofaa Oromiyaa utuu hinhundaa’in dura ummata keenya rakkoo uumamaafi namtolcheen saaxilameef falli kennamaa kan ture gargaarsa biyyoota gara garaarraa argamuuni.

Haala qabatamaa amma jiruun biyyoonni addunyaa hedduun rakkoo nageenyaafi uumamaaf waan saaxilamaniif akka kanaan duraatti gargaarsa taasisaa hinjiran. Sababuma kanaan Mootummaan Naannoo Oromiyaa hojii misoomaa hojjetu cinaatti yaada haaraa haala kamiin rakkoo ummata keenyaa hiikuu dandeenya jedhu maddisiisuun aadaa walgargaarsa Oromoo ilaaluu jalqabe.

Ummanni keenya yeroo rakkoon uumamaafi namtolchee isa quunnamu akaakuu rakkinichaarratti hundaa’uun aadaa walgargaarsaa cimaa qaba. Ummanni Oromoo qabeenya qaburraa kan hinqabneef qooduurra darbee hanga ilmoo waliif kennuutti aadaa walgargaarsaa cimaa qaba.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa rakkoo ummata keenya mudatu hiikuuf harka namaa ilaaluurra rakkoo keenya ofuma keenyaan furachuuf aadaa walgargaarsa keenya ganamaatti deebi’uu qabna jechuun Buusaa Gonofaa Oromiyaa akka hundaa’u taasise. Kanarraa ka’uun maqaan Komishinii Hoggansa Sodaa Balaa Oromiyaa jedhu ‘Buusaa Gonofaa Oromiyaa’ jedhamee akka moggaafamu ta’e.

Buusaa Gonofaa jechuun ummanni waan qabu walitti buusee kan hinqabne gonofuu ykn deebisee dhaabuudha. Buusaa Gonofaan Oromiyaa sektara bara 2014 Caffee Oromiyaatiin labsiidhaan hundaa’eedha. Sektarichi qabeenyaafi fandiiwwan adda addaa walittiqabuuf miseensa horachuu akka qabu labsichaan tunameera.

Maddi galii sektarichaa mootummaan hanga danda’uun gargaarus ummata gurmeessuun miseensa horatee qabeenya walittiqabuudha. Qabeenya walittiqabuu qofa utuu hintaane aadaan walgargaasaa akka cimuufi ummanni bakkuma jirutti akka walgargaaruufis ni dadammaqsa.

Aadaan kennuu, qusachuu, walgargaaruu ummata keenyaa caalaatti akka cimuufi aadaa hojii keenyarrattis jijjiiramni akka dhufu taasisuun kaayyoowwan guguddoo manni hojichaa hundaa’eef keessaa isaan ijoodha.

Buusaa Gonofaan Oromiyaa mana hojii mootummaa ta’ee ummata naannichaa gargaaruurra darbee ummata naannolee biroos gargaaruudhaan sadarkaa addunyaatti beekamtii argachuuf sektara hojjechaa jiruudha.

Sektarichi hojiilee waggoota lamaan darbanitti raawwateen ummata miliyoona 30 ol Buusaa Gonofaarratti hubannoo akka argatu taasiseera. Baranas namoota kanaan dura hubannoo argataniifi haaraa dabalatee miliyoona 30 bira ga’uuf karoorfannee hojjetamaa jirra.

Ummanni Buusaa Gonofaarratti hubannoo akka qabaatu taasisuu qofa utuu hintaane kanneen kaayyoo mana hojichaa hubatan miseensa akka ta’aniif gaaffiin ni dhiyaataaf. Buusaa Gonofaan waggoota lamaan darbanitti miseensota miliyoona 24.4 kan horate yoo ta’u, barana ammoo baay’ina miseensotaa gara miliyoona 30tti guddisuuf karoorfannee hojjechaa jirra.

Bariisaa: Buusaa Gonofaan haala kamiin miseensotarraa gumaata walittiqaba? Barana qabeenya hangam ta’u walittiqabuuf karoorfatee hojjechaa jira?

Obbo Mogos: Buusaa Gonofaan miseensotaafi qaamolee gara garaa miseensa hintaanerraa gumaata walitti ni qaba. Barana gumaata biliyoona ja’a ta’u walittiqabuuf karoorfannee hojjechaa jirra. Gamoowwan gara garaa galii argamsiisanis ni qabna.

Buusaa Gonofaan gargaarsa kennuu qofa utuu hintaane barattoota naannoo Oromiyaa oolmaa daa’immanii hanga kutaa 8ffaatti jiraniif sagantaa nyaata barattootaatiin cireefi laaqana dhiyeessaa jira.

Sagantaan nyaata barattootaa kun barattoonni barnootasaaniitti akka cimaniifi hanqina nyaataa isaan mudatu furuu keessatti gumaacha olaanaa taasisaa jira. Bara darbe sagantaa nyaata barattootaaf qarshiin biliyoona saddeet baasii ta’eera.

Buusaa Gonofaan sagantaa nyaata barattootaaf bara darbe biliyoona saddeet dhiyeesseera. Barana ammoo qarshii biliyoona 15tti shallagamu walittiqabuun akkasumas lafa qonnee midhaanota gara garaa omishuudhaan nyaata barattootaa dhiyeessuuf hojjechaa jirra.

Sagantaa kanaan barattootaafi barsiisota miliyoona 9.4 tajaajiluuf hojjechaa jirra. Sagantaa kana milkeessuurratti ummanni keenya ni hirmaata, galiiwwan gara garaas ni maddisiifna. Kana malees barana manneen barnootaatiif lafa hektaara kuma lamaafi 600 ta’u qotuufi lukkuu horsiisuudhaan buuphaa omishnee manneen barnootaatti nyaata barattootaa dhiyeessaa jirra.

Buusaa Gonofaan galiisaa caalaatti maddisiisuudhaan gargaaramtummaa keessaa bahee gara omishtummaatti ce’uuf marii babal’aa taasiseera. Ummata hojjetu, lafa omisha kennuufi qabeenya bishaanii gahaa waan qabnuuf kadhaa jalaa baanee ofdanda’uu qabna jennee hojjchaa jirra.

Kana jechuun namni gargaaramuu qabu hinjiru jechuu miti. Namoonni sababa umuriitiin hojjechuu hindandeenye, kanneen miidhamoo qaamaa ta’aniifi balaawwan gara garaatiin miidhaman gargaaramuu qabu. Namni hojjechuu danda’u garuu ittifufiinsaan gargaaramuu hinqabu. Kanneen gargaaramuu qaban qofa adda baafnee gargaaruu qabna.

Kan gargaaramuu hinqabne omisha keessa galee of danda’ee jiraachuu qaba. Buusaa Gonofaan dhimma ofdanda’uu, gargaarsa jalaa ba’uufi harka namaa eeggachuu jalaa ba’uurratti ummata miliyoona ja’aa ol bira gahee mariisiseera.

Naannoo Oromiyaa bakkawwan hundatti yaada gargaarsi nu hinbaasu, hojjennee of danda’uu qabna jedhurratti waliigalameera. Misooma qonnaatiin hundumtuu bakka jirutti akka of danda’uuf sagantaan bahee hojiirra oolaa jira. Hojiin namoota gargaaramuu qaban calaluufi dhimma kanarratti hubannoo gabbisuus bal’inaan kennameera.

Buusaa Gonofaan bara omishaa 2016/17 lafa heektaara kuma 43fi 581 qotuun omisha lafa kanarraa argamuun namoota balaa uumamaafi namtolchee gara garaaf saaxilaman gargaaruuf hojjechaa jira. Sektarichi barana qonnaan bultoota kakaasuudhaan midhaan kuntaala miliyoona tokkoo ol walittiqabuuf karoorfatee hojjetaa jira.

Midhaan walittiqabamu gargaarsaaf kan oolu ta’uurra darbee mootummaa federaalaaf gurgurtaan dhiyeessuuf hojjechaa jira. Godinaalee Oromiyaa hundatti mankuusawwan sadarkaasaanii eeggate qabaachuuf hojjechaa jirra. Karaa Biiroo Qonnaa Oromiyaatiin inisheetiivonni gara garaa namoonni ofdanda’anii akka jiraatan taasisanis hojiirra oolaa jiru.

Buusaa Gonofaan miseensa horachuu, miseensotarraa gumaata walittiqabuu, barataa nyaachisuufi midhaan ofeeggannoof gargaaru omishuurratti xiyyeeffatee hojjechaa jira. Bara darbe gargaarsi biyya alaarra argama hanqachuusaatiin qarshii walittiqabamuun midhaan bituudhaan lammiilee sababa rakkoo nageenyaatiin buqqa’aniifi balaa uumamaatiif saaxilaman gargaaraa turreerra.

Naannolee balaa gara garaaf saaxilamanis gargaaruuf yaalleerra. Buusaa Gonofaan Oromiyaa lammiilee dhiyeenya Naannoo Itoophiyaa Kibbaa, Godina Goofaatti balaa sigiga lafaatiin miidhamaniif deeggarsa midhaan kuntaala kuma 10 taasiseera.

Naannolee Amaaraa, Tigraay, Affaariifi Somaaleefis yeroowwan gara garaatti deeggarsa taasiseera. Baranas qabeenya guddaa walittiqabuufi hojii bal’aa raawwachuuf karoorfatee hojjechaa jira.

Bariisaa: Buusaa Gonofaan Oromiyaa haala kamiin miseensotaafi dhaabbilee gara garaa irraa gumaata walittiqaba?

Obbo Mogos: Buusaa Gonofaan Oromiyaa miseensotasaa miliyoona 24.4 ture raawwii hojii kurmaana tokkoffaa kanaan gara miliyoona 25.5tti guddiseera. Miseensonni keenya akkaataa amala hojiisaaniitiin gumaata taasisaa jiru. Hogganaafi hojjetaan mootummaa naannichaa sadarkaa sadarkaan jiru ji’a ji’aan mindasaarraa dhibbantaa meeqa kaffaluu akka qabu seeraan tumameera.

Qonnaan bultoonni keenyas qonnaan bulaa adda duree, giddugaleessaafi gadaanaa jedhamanii bakka sadiitti qoodamuudhaan akkaataa humna isaaniitti gumaata akka taasisaniif seeraan tumameera. Daldaltoonniifi abbootiin qabeenyaas akkasuma akka dandeettiisaaniitti gumaata akka taasisaniif seeraan tumameera.

Qonnaan bulaan gumaata waggaa tokkoo yeroo omisha galfatu kaffala. Aanaaleefi godinaaleen waan walittiqaban keessaa %10 of biratti hambisanii kan hafe gara naannootti ergu. Gumaatni aanaaleefi godinaaleerraa gara naannootti dhufu ammoo aanaaleefi godinaalee balaa namtolcheefi uumamaaf saaxilaman gargaaruuf oola.

Qabeenya walittiqabamu keessaa irrajireessisaa nyaata barattootaatiif oolaa jira. Barana buusii miseensaa qofarraa qarshii biliyoona ja’a walittiqabuuf karoorfamee hojjetamaa jira. Gumaata barana walittiqabamu keessaa qarshii biliyoona 15 kan ta’u nyaata barataatiif oola. Miseensa Buusaa Gonofaa kan ta’e, kan hintaanes midhaan, qarshii, beelladoota, meeshaafi waan qabanirra gumaata taasisuudhaan dhaabbatichaa bira dhaabbachaa jiru. Qabeenyi kun nagaheedhaan walittiqabama. Qabeenya walittiqabamurratti kan murteessu ammoo gaaddisa.

Buusaa Gonofaan Oromiyaa yaa’ii qaba. Yaa’ii jalatti ammoo gaaddisa qaba. Hojii guyyaa guyyaa dhaabbatichaa kan hordofuufi kallattii hojii kaa’u gaaddisa. Qabeenyi walittiqabame murtee gaaddisaatiin hojiirra oola.

Buusaa Gonofaan gara fuulduraatti miseensotarraa galii walittiqabuu qofa utuu hintaane galii maddisiisuurrattis xiyyeeffatee hojjetaa jira. Qarshii walittiqabamuunis hojiilee misoomaa gara garaa hojjechuun galiisaa guddisaa deemuurratti xiyyeeffatee hojjechaa jira.

Bariisaa: Buusaa Gonofaan Oromiyaa aadaafi dhuudhaa walgargaarsa Oromoo ganamaa eegee hojjechuurratti maal fakkaata?

Obbo Mogos: Ka’umsi keenya aadaa walgargaarsa Oromoo ganamaa deebisuudha. Dhaabbilee siyaasaas ta’e dhaabbileen misoomaa waggaa lama keessatti miseensa miliyoona 25 horatan hinjiran. Kun ummanni Oromoo aadaa walgargaarsasaa ganamaatti deebi’uuf fedhii guddaa qabaachuusaa agarsiisa.

Ummanni Oromoo miseensa Buusaa Gonofaa taanee ijaaramnee walgargaaruu qabna jechuun qabeenya guddaa buusaa jira. Buusaan Gonofaa Oromiyaa yeroo ammaa ofeeggannoof midhaan kuntaala kuma 100 ta’uufi qarshii biliyoona sadiitti hiiqu kuufatee qaba.

Bariisaa: Buusaa Gonofaan Oromiyaa wayita balaan uumamaafi namtolchee mudatutti lammiilee miidhaman gargaaruu qofa utuu hintaane balaa dursanii ittisuufi odeeffannoo kennuufi akeekkachiisuurratti maal hojjechaa jira?

Obbo Mogos: Manni hojii kun erga balaan mudatee booda gargaarsa kennuu qofa utuu hintaane balaa dursanii ittisu, dursanii odeeffannoo kennuufi akeekkachiisuurrattis hojjechaa jira.

Buusaa Gonofaan Oromiyaa damee ummata kakaasuufi miseensa horachuun galii cimsu, damee qabeenya walittiqabamu seeraan bulchuufi damee soda balaa ofjalatti qaba. Dameen sodaa balaa kun kan rakkateef deeggarsa kennuu qofa utuu hintaane rakkoo dursanii qolachuufi yoo rakkoon uumame ammoo ummanni maal gochuu akka qaburratti hojjeta.

Buusaa Gonofaan Oromiyaa dhaabbilee gara garaa waliin qindoominaan hojjechaa jira. Inistiitiyuutii Meetiworolojii Biyyaalessaa Itoophiyaa waliinis ni hojjeta. Dhaabbanni kun rakkoo dhufuu malu teknolojii fayyadamuun dursee yeroo yeroon odeeffannoo kennaa jira.

Buusaa Gonofaan Oromiyaas odeeffannoo inistiiiyuuticharraa fudhachuudhaan ummanni ofeeggannoo barbaachisu akka taasisu hubannoo uuma. Fakkeenyaaf ganna darbe waan bokkaan ittifufiinsaan roobaa tureef sigigni lafaa daran hammaatee ture.

Bakka rakkoon kun uumamuu malutti ummanni dursee ofeeggannoo barbaachisu akka taasisu, bakka balaan itti hammaachuu malurraa ka’ee iddoo biraa akka qubatu taasisuun hojii ofeeggannoo duraa raawwatamee lubbuu lammiilee hedduu baraaruun danda’ameera.

Waan bokkaan hir’achaa deemuuf ummanni marga nyaata beelladaaf ganna darbe facaafate akka tursiifatuufi bishaanis kuufatuuf hojii bal’aan hojjetamaa jira. Ummanni rakkoo uumamuu maluuf dursee ofeeggannoo barbaachisu akka taasisuuf hojii bal’aan raawwatamaa jira.

Buusaa Gonofaan Oromiyaa siistama gandarraa kaasee odeeffannoo ittiin argatuufi odeeffannoo gadibuusun qaba. Siistamicha fayyadamee ummata waliin odeeffannoo waljijjiiraa jira.

Bariisaa: Buusaa Gonofaan Oromiyaa sektaroota kamfaa waliin qindoominaan hojjechaa jira?

Obbo Mogos: Yaa’iin Buusaa Gonofaa Oromiyaa Pirezidaantii ykn Pirezdaantii Ittaanaa Oromiyaatiin walittiqabama. Yaa’icha jalatti hojii dhaabbatichaa kan geggeessu gaaddisni jira.

Biiroleen Qonnaa, Barnootaa, Fayyaa, Misooma Jallisiifi Horsiisee Bulaa, Hojjetaafi Dhimma Hawaasummaafi Dubartootaafi Daa’immanii miseensa gaaddisaa ta’anii Buusaa Gonofaa Oromiyaa waliin qindoominaan hojjechaa jiru. Sektaroonni kunneen karooraafi gabaasa Buusaa Gonofaa qorachuun rakkoolee mudatan furuurratti qindoominaan hojjechaa jiru.

Gaaddisaa gaditti ogeessonni mana hojii keenyaas miseensa gaaddisaa ta’anii yeroo yeroon walarganii waliin hojjechaa jiru. Buusaa Gonofaan Oromiyaa qofaasaa rakkoo mudatu hiikuu waan hindandeenyeef hojii sektaroonni qindoominaan hojjechaa jiran kun cimee ittifufuu qaba. Qabeenyawwan gara garaa dabalataan argachuufis sektaroota kunneen waliin hojjechuun murteessaadha.

Bariisaa: Buusaa Gonofaan Oromiyaa hojiilee irraa eegaman guutummaatti akka hinraawwanneef wantoonni akka hudhaatti ka’an yoo jiraatan?

Obbo Mogos: Hubannoo ummatni Buusaa Gonofaarratti qabu gabbisuun hojii yeroo tokkotti raawwatamee bira darbamu waan hintaaneef hojiin hubannoo gabbisuu ittifufiinsaan raawwatamuu qaba.

Manni hojii kun ergama guddaa qaba; qabeenya guddaas walittiqaba waan ta’eef teknolojiidhaan deeggaramuu qaba. Baay’inni miseensa keenya yeroo ammaa gara miliyoona 30tti deemaa jira.

Waa’ee miseensa kanaa guyyaa guyyaan beekuufi hordofuu akkasumas qabeenya mana hojii kanaan walitti qabamu beekuufi hordofuuf teknolojiin deeggaramuu qaba. Daataa keenya teknolojii fayyadamuun ammayyeessuunis hojii xiyyeeffannaan irratti hojjechuu qabnuudha. Humna namaa ga’oomes ta’e teknolojiin walbeeku qabaachuunis daran barbaachisaadha.

Lojistiksiiwwan gara garaa guuttachuunis barbaachisaadha. Manni hojii keenya waan guyyaa guyyaan bal’aa raawwachaa jiruuf loojistiksiiwwan sadarkaa sadarkaan barbaachisan mankuusa, konkolaataafi kkf guuttachuurratti xiyyeeffannaan hojjechuu qabna.

Barana Mootummaan Naannoo Oromiyaa caasaa mootummaa hanga gandaatti gadibuuseera. Hoggansi aanaas sadarkaa gandaatti muudamee hojii keessa galeera. Achi keessaa dameen dinagdee hojii Buusaa Gonofaa dabalataan hojjeta. Hojiin keenya kanaan dura aanaarratti rarra’ee ture yeroo ammaa sadarkaa gandaatti gadibu’eera. Kun kan bara darbeerra hojii caalu akka hojjennuuf haala gaarii nuu uumeera.

Qabeenya guddaa ummatarraa walittiqabnu seeraan kaa’uufi dhimma barbaadamuuf ittifayyadamuu qabna. Kanaafuu qabeenyi nagahee malee walittiqabamuu hinqabu. Ummanni keenyas kana beekuu qaba. Yaa’ii waggaatti altokko sadarkaa naannootti, al lama sadarkaa godinaatti, alsadii sadarkaa gandaatti adeemsifamurratti gabaasni hojii ummataaf ni dhiyaata. Kun iftoominni akka jiraatu taasisuu keessatti gahee olaanaa qaba.

Buusaa Gonofaan Oromiyaa rakkoo sababa balaa uumamaafi namtolcheetiin ummata naannichaa mudatu utuu harka namaa hineegin furuurratti xiyyeeffatee hojjechaa jira. Dhaabbatichi naannoo Oromiyaa qofa utuu hintaane naannolee biroo biras dhaabachuun gargaaruurratti argama.

Bariisaa: Naannoleen biyyattii biroon Buusaa Gonofaa Oromiyaarraa maal baratu ykn muuxannoo akkamii qooddachuu danda’u?

Obbo Mogos: Dhimmi gargaaramtummaa keessaa ba’uu akkuma biyyaattuu xiyyeeffannaa guddaadhaan irratti hojjetamaa jira. Buusaa Gonofaan Oromiyaa hojii gargaaramtummaa jalaa ba’uuf raawwatamaa jiruuf fakkeenya gaarii ta’a.

Naannoleen biyyattii biroon dhufanii Buusaa Gonofaa Oromiyaarraa muuxannoo fudhachaa jiru. Naannoleen Buusaa Gonofaa hundeessuuf jalqabiirra jiranis jiru. Naannoleen kaan ammoo maallaqa walittiqabachaafi seera tumachaa jiru.

Mootummaan federaalaas muuxannoo Buusaa Gonofaa kana hojiirra oolchaa jira. Baay’inni dhaabbileen deeggartootaa kanaan dura gargaarsa kennuuf duubatti harkifatan tattaaffii Buusaa Gonofaan Oromiyaa taasisaa jiru ilaalanii bira dhaabachuuf fedhii agarsiisan dabalaa jira. Buusaa Gonofaan sadarkaa biyyaarra darbee biyyoota addunyaa biroofillee muuxannoo gaarii qoodaa jira.

Dhaabbanni kun kana caalaa cimee hojjechuun hanga ‘Oro Aid’ ijaaruutti deemuu danda’a. Dhaabbani kun mana hojii mootummaa jalaa ba’ee qofaatti of danda’ee ummata keenya rakkoo keessaa baasuuf hojjetamaa jira.

Bariisaa: Dhumarratti dhaamsa ykn ergaa dabalataa yoo qabaattan?

Obbo Mogos: Naannoon Oromiyaas qabeenya guddaa, humna namaa gahaa, lafaafi lageen hedduu waan qabuuf ummanni keenya xiiqiidhaan hojjetee jijjiirama fiduu qaba. Utuu qabeenyawwan kunneen qabnuu kadhachuufi gargaarsaaf qaama biraa eeggachuun qaaniidha.

Ummanni keenya harka namaa eeguurraa gara ofdanda’uutti ce’uu qaba. Kana gochuuf ammoo omishatti galuun dirqama ta’a. Ofii qofa guddatanii ollaan ofii rakkatee waliin jiraachuun waan hindanda’amneef harkaqal’eessa keenyas rakkoo keessaa baasuu qabna.

Aadaa walgargaaruu, walcina dhaabachuufi walceesisuu keenyaas daran cimsuu qabna. Harkaqal’eessa keenya deeggarree gara omishtummaatti ceesisuufi hojjetee akka of jijjiiru taasisuu qabna. Kanarratti ummanni keenya waliigaluu qaba. Hojiin kun haala bittinnaa’een osoo hintaane karaa ijaarameen hojjechuu gaafata.

Ijaarsi amma qabnu ammoo Buusaa Gonofaa Oromiyaati. Ummanni keenya miseensa Buusaa Gonofaa ta’uun qabeenya, humnaafi qabeenya qabuun yoo dhaabaticha deeggare, innis qabeenya miseensotarraa walittiqabeen deebi’ee harkaqal’eessa keenya ittiin gargaara.

Nyaata barattootaa dhiyeessuun deeggarsa Buusaa Gonofaan taasisaa jiru keessaa isa tokko. Deeggarsi kun hanqina nyaata barattootaa guutuurra darbee fayyummaasaanii eegsisuu keessatti gahee olaanaa qaba.

Ummanni keenyas kaayyoo Buusaa Gonofaan Oromiyaa hundaa’eef hubachuun maddiisaa dhaabachuu qaba. Caasaaleen mootummaa sadarkaan jiranis tumsa taasisaniif cimsanii ittifufuu qabu.

Natsaannat Taaddasaatiin

BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 16 Bara 2017

Recommended For You