“Biyyoota Afrikaa magaalotasaanii midhaagsanii misoomsuu barbaadaniif fakkeenyi Finfinneedha” – Dargaggoota Afrikaa

Bulchiinsi magaalaa Finfinnee misooma koriidarii marsaa lammaffaa, iddoowwan seensa magaalattii ta’aniifi bu’uuraaleen misooma reefu keessatti babal’ataa jiran kanneen akka addababa’ii Koyyee, Gooroofi Sammiit jedhamanitti hojjechuudhaan kutannoo magaalattii giddugala turizimii Afrikaa taasisuuf qabate qabatamaan hojitti hiikaa jira.

Misoomni koriidarii marsaa lammataa kun kiiloomeetira 43 kan dheeratuufi misooma magaalaa Shaggar faana walitti hidhamiinsa akka qabaatutti kan hojjatamu yemmuu ta’u, kunis magaalotni guguddoon daangaa dheeraa waliin qaban kunniin gama misooma turizimiitiinis qindoomanii akka hojjatan kan dandeessisuudha.

Bulchiinsi magaalaa Finfinnee maqaa ”Misooma koriidarii” jedhuun daandiiwwan guguddoo magaalattii haaressuufi babbareechuu, daandii lafoo babal’isuu, iddoowwan boqonnaa babal’isuufi ibsaawwan daandiirraa akkasumas sararoota teeleefi ibsaa haala ammayyaatiin diriirfamaa jiruun magaalattiin jijjiirama keessa galteetti.

Iddoowwan tanaan dura balfi itti gatamaa turan har’a misoomanii iddoo bareedaafi aara galfii keessummootaafi namoota magaalattii daawwatanii ta’aa jira. Misoomni koriidarii marsaan jalqabaa iddoowwan bebbeekamoo magaalattiirraa eegalee kallattiiwwan shaniin kan ittifufe yoo ta’u, iddoowwan misooma koriidarii marsaa jalqabaatiin misooman kunniinis; Birbirsa Gooroo (Piyaassaa), Daalattii (Araat Kiiloo), Boolee, Magganaanyaa, Caffee Aannanii (Meksikoo)fi ‘CMC’ dha.

Wayita misoomni koriidarii Birbirsa Gooroo hojjetamu namoonni kuma 11 ta’an qe’eesaanii moofaafi bu’uuraalee misoomaa sadarkaa magaalattii hingitneen miidhamaa turan sababa misoomaa kanaan iddoo sanaa ka’anii bakka haalli jireenyaa mijataa ta’e qabu akka qubatan taasifamanii turan.

Misooma koriidarii marsaa jalqabaa kiiloomeetira 42 haguugu hojjachuun kan danda’ame yemmuu ta’u, hojii babal’inaafi midhaagina daandii kanaaf immoo qarshii biliyoona 33 baasuu bulchiinsi magaalaa Finfinnee ibsee ture.

Bulchiinsichi sagantaa misooma koriidarii marsaa jalqabaan giddugaleessa magaalattiirratti kan xiyyeeffate yoo ta’u, amma ammoo iddoowwan seensa magaalattii jedhamaniifi babal’inarratti argamanitti misooma koriidarii marsaa lammataa eegaluun kan jalqaba hojjetame waliin walitti hidhuuf kan gargaaruudha.

Sagantaa misooma koriidarii marsaa lammataan iddoowwan misooman waliigalaan kiiloomeetira 43 ta’u kan uwwisan yemmuu ta’an, kunis kutaalee magaalaa Boolee, Lammii Kuraafi Aqaaqii Qaallittii akka dabalatu ragaan Biiroo Pilaaniifi Misooma Magaalattii ni mul’isa.

Misoomni marsaa lammataa kun sararoota shanirratti kan hojjetamu yoo ta’u, kanneen keessaa dheerina guddaa kan qabu toora “Anbassaa Gaaraaj- Maabraat Hayil-Gooroo- Boolee” qabatee kan deemuudha. Kunis dheerina daandii kiiloomeetira 14.8 kan uwwisuudha.

Booleerraa ka’ee karaa Bulbulaa gara addababa’ii Koyyeetti kan fulla’u ammoo bal’inaan lammaffaa yemmuu ta’u, dheerinnisaa kiiloomeetira 12.8 ta’a.

Qaama misooma koriidarii marsaa lammataa kan ta’e keessaa kan biraan isa balbala guddaa seensa buufata xiyyaaraa Boolee/Riqicha Boolee/ irraa ka’ee karaa ”Boolee Hoomsi” seensa ‘VIP’ daandii xiyyaaraa irraan darbuun hanga Goorootti fulla’uudha.

”Addababa’ii Gooroo” irraa kan ka’u ammoo sarara afraffaadha. Dheerinni isaas kiiloomeetira shan akka ta’e qorannoon ni mul’isa.

Toorri kun ”Addababa’ii Gooroo” irraan karaa naannawa ”Sabaa Hulet” irra darbee Warshaa Lallaafaa Peepsii Sammiit keessa qaxxaamuree hanga naannawa ”Fiyyal Bet”fi ”CMC” kan uwwisuudha. ”Fiyyal Betirraa Fiigaa- Addababa’ii Sahaaliita Mihrat- Jaakroos” kan ga’u sararri shanaffaan ammoo kiiloomeetira 5.9 dheerata.

Iddoowwan daangaa bulchiinsa magaalaa Finfinneerratti argaman kan of keessatti hammate misoomni koriidarii marsaan lammataa kun, misooma magaalaa Shaggar kan amma hojjetamaa jiru waliin walitti hidhuun kan hojjetamu ta’uu qorannoon gaggeeffame ni mul’isa.

Magaalaan Shaggaris baatii Waxabajjii darbe “Koridariiwwan misoomaa sagal” adda baasuudhaan gara hojiitti seenuuf qophiirratti akka argamu beeksisee ture.

Sanadni qorannoo Biiroon Misoomaafi Pilaanii Magaalaa Finfinnee qopheesse kunis, hojiiwwan misooma koriidarii naannawa daangaa bulchiinsaa Finfinneefi Shaggariitti argaman akka waloon misoomaniif hojjetamaa jira. Kanaafis dizaayiniin walfakkaatu qophaa’eera.

Misoomni koriidarii naannoolee marsaa lammaffaa keessatti hammataman kan akka marsaa jalqabaatti karoora daandii imala miilaa bal’isuu qaba. Naannoleen fuullee daandii aspaaltii guddaa biratti argaman akka bal’ina meetira 10 akka qabaatan yaadamuu qorannichi kaa’eera.

Isa keessaayis meetirri shan kan imala miilaatiif kan oolu yoo ta’u, sararri saayikiilii ammoo bal’ina meetira sadii qabaata. Meetirri hafan lamaan qarqara aspaaltii ammoo bakka misooma magariisaa akka ta’u qorannichi kaa’eera.

Misoomni koriidarii sararawwan shaniin ijaaramu kunis akkuma iddoowwan kaanii bakka taaskiiwwan dhaabatan, bakkawwan qulqullinaafi bashannannaa akkasumas paarkiiwwan sadarkaa magaalaa, kutaa magaalaafi aanaatti ijaaraman kan hammatu ta’a.

Ijaarsi maneen jireenyaatis qaama karoorichaa akka ta’e kan ibse qoranichi, naannawa ”Boolee Hoomsi, Anbassaa Gaaraajii- ‘ICT paarkiitti” argamaniitti iddoon itti qubatamu (relocation site) ni jiraata.

Dhimma iddoowwan sababii misooma koriidarichaatiin guutummaatti kaafaman irratti murteen akka kennamu kanneen tarreeffaman keessaay.

Ijaarsi duraan turan haalli misooma keessatti hammataman uumamuu kan qabaatu yemmuu ta’u, gamoowwan sararawwan misoomni koriidarichaarratti hojjatamurratti argaman filmaatawwan lama qabu.

Filmaanni akaakuu kanaa kan gamoowwan misooma koriidarii boqonnaa jalqabaarratti argaman irratti hojiirra kan oolfame yoo ta’u, gamoowwanis darbii lafaa gara fuulduraatiin diiguudhaan imala miilaatiif banaa godhaniiru.

Filmaanni gamoowwan darbii lamaa gadiif kaa’ame ammoo haaluma qorannootiin misooma keessatti hammachuu kan jedhudha.

Finfinneen haala kanaan miidhagdee magaalota Afrikaa daandiiwwan babbareedoofi mijataa qaban, iddoowwan aara galfiifi boqonnaa mijataa qaban, akkasumas paarkiiwwan keessoo magaalaatti miira bosona keessaa namatti horan qabaachuun sadarkoota jalqabaa keessa galuu dandeesseetti.

Magaalaa daandiiwwan gaggaarii qabduufi hawwata turizimii ta’aa jiraachuunshee kun immoo osoo ijaarsi marsaa lammataa hinxumuramiin magaalattiin gama konfiransii turizimiitiin walga’iiwwan idiladdunyaa hedduu al tokkotti akka keessummeesituuf carraa kenneera.

Itoophiyaas ta’ee Finfinnee fageenyarraa yemmuun dhagahu biyya hiyyeettiifi ummannishee rakkoo keessaa hinbaanetti hubachaa kan ture ta’uu walga’ii Dargaggoota Afrikaarratti hirmaachuuf gara Finfinnee kan dhufe Dargaggoo Abigal Uttaa, yeroo Finfinnee gahee xiyyaararraa bu’u garuu akka waan Itoophiyaa dhufeetti osoo hintaane biyya Awurooppaa wayii galeetti waan ijaan argaa jiru amanuuf kan itti ulfaate ta’uu dubbata.

Kanaan dura gara Itoophiyaatti dhufee kan hinbeekneefi imallisaa kan ammaa kun isa jalqabaa ta’uu kan himu dargaggoon Naayijeeriyaa irraa dhufe kun, walga’ii irratti hirmaachuuf dhufe caalaa wanti magaalaa Finfinnee keessa naanna’ee arge miira addaa kan itti uume ta’uu ibsa.

Akka yaadasaatti; Finfinnee dhufuu kootiin dura Itoophiyaan walqabatee odeeffannoon ani qabu; Itoophiyaan biyya argama dhala namaa keessaa ishee tokko ta’uu, biyya sirna kolonii Awurooppaatiin hin qabamne ta’uufi biyya yeroo jalqabaatiif weerartoota adii gurraacha ta’ee injifachuudhaan seenaa gaarii qabu ta’uu qofa ture. Boodarra garuu sababoota gara garaatiin ummanni biyyattii rakkoo keessa galee yemmuu fakkeenya hiyyummaa itti taates akka ture seenaarraa dubbiseera.

Garuu wanti yeroo ammaa Finfinneetti hojjatamaa jiruufi naannawee daawwadhe kun waan biyyoota biyya keenya Naayijeeriyaa dabalatee biyyoota Afrikaa hedduu keessatti hin yaadamneedha.

Biyyisaa ollaa Itoophiyaa taatus sababa barnootaatiin biyya Faransaayitti imalee achitti guddachuu kan himu immoo Dargaggoo Jibuutii bakka bu’uudhaan walga’ii Dargaggoota Afrikaarratti hirmaachuuf Finfinnee dhufe dargaggoo Abduu Sa’idi. Innis Itoophiyaan biyya guddoofi ummata miliyoona dhibbaa ol qabattee jirtu ta’uushii qofa kan beeku ta’uu dubbata.

Magaalota Itoophiyaatti argaman keessaa Finfinnee dabalatee kanneen akka Jigjigaa, Harar, Dirre Dhawaafi Jimmaa maqaadhaan kan beeku ta’uu kan himu dargaggoon kun, Finfinneen magaalota biyya Faransaay keessatti argaman hedduun kan walfakkaatu ta’uu ragaa baha.

Biyyootni Afrikaa kanneen biroo magaalota guguddoosaanii midhaagsanii qalbii namaa akka hawwattuufi jireenyaaf mijattuu akka taatu yoo barbaadan fakkeenyisaanii Finfinnee ta’uu akka qabu kaasa.

Walumaagalatti; magaalattiin hojii magaalaa midhaagsuufi daandiiwwan babal’isuuf misooma koriidarii jalqabaatiin hangana miidhagdeefi turistoota hedduu harkisuu eegalte tun gaafa marsaan lammataa magaalaa Shaggariin walitti hidhamee hojjatame immoo maal fakkaachuu akka dandeessu gamanumaan tilmaamuun salphaa ta’a.

Bayyanaa Ibraahimiin

BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 16 Bara 2017

Recommended For You