Qophii duree baallii walharkaa fuudhuu Gadaa Booranaa

Akkuma aadaan ofii adda ofiiti jedhamu aadaan maalummaafi eenyummaa saba tokkoo ibsuu keessatti shoora olaanaa qaba.

Jiruufi jireenya ummata Oromoo keessatti walittidhufeenya uumaafi uumamaa wajjin walqabatee walitti hidhamiinsi aadaan achii dhuftee waliin qabu daran olaanaadha.

Oolii bultii ummatichaa keessatti sirni Gadaa wiirtuu guddaadha. Sirni Gadaa bu’uura ittiin bulmaata uumaafi uumamaa wajjin jiru cimsuu bira darbee akeektuu waliin jireenya dhala namaa cimsuufi qajeelchuun kan gabbisuudha.

Sirni Gadaa ummata Oromoo ijaaruufi utubuu bira darbee ka’umsa sirna bulchiinsa ammayyaa ta’ee hariiroo waloomaa jajjabeessuun nageenya, dimokraasiifi bulchiinsa haqaa mirkaneessuun dhala namaatiif bu’uura cimaa ta’uun har’a gaheera.

Sirni Gadaa qajeeltoo waan hundaa ta’e kun sirnoota gara garaa keessatti dhiibbaawwan adda addaatiif saaxilamaa turus osoo sirna caaseffamaasaa gadi hinlakkisiin irraafi keessaan dagaaguun marsaa marsaadhaan abbootii Gadaa walharkaa fuudhiinsaan sirnicha cimsanii qabachuun dhalootaaf darbaa dabareen as qaqqabeera.

Bu’uuruma kanaan Gadaa Booranaa 71ffaan sagantaa qophii baallii kennuufi jiloota garagaraatiif yaamicha taasisuun yeroo ammaa sagantaa qophii baallii kennuu geggeeffamaa jiruun hanga ammaatti jiloota aadaa gurgura naqaa geggeessuun xumuranii jila Odaa Buuluutiif Godina Boorana Bahaa, Aanaa Areerootti Yaa’i Hawaxxuu Ardaa Jilaa Bulee Harsoogidootti, Yaa’i Koonnituu Ardaa Jilaa Dhaddacha Dambala buleetti, Yaa’i Harbooraafi Qaalluun Odituu Ardaalee Guutoofi Dureettiitti galma dhaabuun jilachaa jiru.

Jila odaa geggeessaa jiraniin boodatti jiloota galma maxxaarrii, galma dhawaa dhaamsaafi baalliif ji’oota sadii hincaalle keessatti kan xumuramuuf hojiiwwan garagaraa raawwatamaa jiru.

Kanaafis qophii baalliif dooriifi caasaaleen sirna Gadaa ardaalee jilaa garagaraatti jilachaa kan jiraniifi gama yaa’a sadeen Booranaatiin baallii ji’a Gurraandhalaa keessa dabarsaniif Onkoloolessa 2 bara 2017 irraa eegalanii jila odaa buluutiif qophii ijaarsa galmaa guyyoota 27f geggeeffamuu jalqabameera.

Jila guddaa qophii baallii walharkaa fuudhinsa Gadaa Booranaa 71ffaa Abbaa Gadaa Kuraa Jaarsoorraa gara Gadaa Booranaa 72ffaa Guyyoo Booruutti darbaa jiruuf qaamoleen hundi xiyyeeffannoo olaanaa kennuun Gadaafi Laduu Booranaa gama hundaan biraa dhaabachuun milkaa’ina sirna kanaatiif ummanni Oromoo biyya keessaafi alaa dabalatee hayyoonniifi dhaabbileen dhimmi ilaallatu keessatti hirmaachuun qooda irraa eeggamu bahachuun murteessaadha jechuun Kominikeeshiniin Godina Booranaa odeeffannoo Bariisaaf ergeen eereera.

BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 9 Bara 2017

Recommended For You