Ummanni Oromoos ta’e sabni kamuu nagaa barbaada. Nagaa isaa mirkaneeffachuufi injifannoo argates tikfachuuf bu’aa ba’ii hedduu bu’ee ba’ee aarsaa hedduus kaffalaa jira. Mootummaan Naannoo Oromiyaas Qe’ee Oromootti qilleensi nagaa akka bubbisuuf mareefi marabbaan duudhaa ganamaatiin masakamee waamicha nagaa obsaan guutame irra deddeebiin taasisaa jira.
Manii guddichi nagaa waaressuufi misooma ittifufiinsa qabu mirkaneessuun injifannoo aarsaa qaaliin argame sadarkaa boodatti deebi’uu hindandeenyerraan ga’uudha. Kanaafis harka nagaa diriirsee balbala nagaas banee humnoota hidhannoon bosona galanii waamicha nagaa simachuun deebi’aa jiran simatee gara qe’eefi qabeenyasaaniitti akka deebi’an taasisaa jira. Kun akka Oromootti walhubannoo kan gabbisu, guddummaa keenyas kan cimsu waan ta’eef of eeggannoon irratti hojjetama.
Gaaddisa mariitti mareefi marabbaan rakkoon hinhiikamne, dhibdeen hinfuramne hinjiru. Kanaaf sibiila kaasanii Oromoofi Oromiyaa dhiigsuun dogoggora seenaa waan ta’eef balbala nagaa banametti fayyadamuun murteessaadha. Mootummaan qaamolii harka nagaaf diriire waraanan balbala nagaaf baname irra tarkaanfachuun Oromoo dhiigsanirratti hojii olaantummaa seeraa kabachiisuu cimsee ittifufa. Garuu akka gaaddisni marii hunda injifachiisuun nagaa waaressu sirnaan hubatamuu qaba.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa yeroo adda addaatti garaagarummaa jiru dhiphisuun, rakkoo nageenyaa naannicha mudate karaa nagaan hiikuun nageenyafi misooma ummata Oromoo guutummatti deebisuuf qaamolee hidhatanii socho’aniif waamicha walirraa hincinne taasisuufi yaaliiwwan marii gochaa tureera.
Kanaanis, yeroo garagaraatti hidhattoonni murnoota adda addaa kumaatamaan lakkaawaman galuun gadadoo ummatasaaniirra gahaa ture hir’isuu keessatti qooda bahataa jiru. Mootummaan hidhattoota waamicha nagaa fudhachuun araaraan galaa turaniifi galaa jiran, akkasumas qaamolee qooda fudhattootaa milkaa’ina hanga ammaa argameef gumaachan maraaf dinqisiifannaafi kabaja olaanaa kan qabu ta’uu irradeebiin ibsaa tureera.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa kutannoofi waadaa rakkoo nageenyaa mankaraarsaa jiru karaa nagaa hiikuuf qabu har’as kan hinlaaffisneefi karra araaraaf bane kan hincufne ta’uu hubachiiseera.
Mootummaan hidhattoota karaa nagaafi araaraa filachuun galaa jiraniifi galuu yaadaniif haalota jiruufi jireenyasaanii deebisanii dhaabachuufi hawaasatti madaquuf isaan barbaachisan hunda mijeessuu cimsee ittifufa. Akkasumas, kanneen garaagarummaa yaadasaanii karaa nagaa tarkaanfachiisuu barbaadaniif dirree siyaasaa falmii yaadaaf mijatu kan qopheessu qofa osoo hintaane, tiksuuf akka hojjetu irra deddeebiin ibseera.
Mootummaan waamicha nagaafi araaraa obsa olaanadhaan, irra deddeebiin gochaa tureera; ammas ittijira. Dheebuun ummataa misoomaafi nageenya qe’eesaaf, araaraafi tokkummaa maatiisaafi. Boqonnaan walitti bu’iinsaa cufamee, garaagarummaa jiru mariifi marabbaan hiikamee nagaan bahee galuun hawwii guutuu hawaasaati.
Mariin Itoophiyaan ittijirtus bu’aa barbaadamu akka fiduuf hunduu gaheesaa bahachuu qaba. Kanaafis keessumaa gaheen abbootii Gadaafi haadholii Siinqee akkasumas artistootaafi namoota dhiibbaa uumanii murteessaa waan ta’eef, milkaa’ina marichaatiif shoorasaanii bahachuu qabu.
Yoo maricharratti waliin hojjetameefi mari’atame Itoophiyaatti nagaa waaraa buusuun nidanda’ama. Artistoonniifi namoonni dhiibbaa uuman maricha milkeessuuf gaheesaanii sirnaan bahachuun irraa eegama.
Mariin biyyaalessaa naannolee adda addaatti adeemsifamaa jiru akka milkaa’uuf lammiin biyyattii hundi, akkasumas paartiileen siyaasaafi murnoonni seeraan ala hidhatanii socho’an marti waamicha qaamni maricha hogganu taasisuuf fudhachuun gumaachasaanii bahachuu qabu; kunis tattaaffii nageenya waaraa dheebotame mirkaneessuuf taasifamu keessatti bu’aa guddaa waan qaba.
Nageenya waaressuuf keessumaa mootummaan harkasaa nagaaf diriirsuun akkuma jirutti ta’ee caasaawwansaa hanga dakaatti jiran; gurmaa’inoota adda addaa; duudhaalee hawaasummaa; jaarmiyaalee mandhalee gumeessuudhaan, kanneen jiranis cimsuudhaan xiyyeeffannaafi bal’inaan hojjechuu qaba.
Lammiileenis nageenya waaressuuf akkuma barame mootummaa wajjin ta’uun tokkummaafi wajjummaan dhaabachuun qe’eesaaniirraa eegalanii waardiyyaa ofii ta’uu qabu.
BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 9 Bara 2017