“Galmeewwaan 80 ol mana murtii idileetti dadhabaman mana murtii aadaatiin furreerra” – Mana Murtii Aadaa Matahaaraa Dirree Gobbuu

Finfinnee: Warri Fantaallee warra Gadaan bulu gadadoofi jibbaaf bakka hinqabne, waldhabdee akka tasaa isaan mudatu furachuuf mana murtii idilee caalaa Jaarsa biyyaaf warra dursa kennuudha.

Manni murtii aadaa cancala hawaasummaatiin hidhamee as ga’uu kan dubbatan Walittiqabaan Mana Murtii Aadaa Magaalaa Matahaaraa; Dirree Gobbuu Abbaa Gadaa Godaanaa Guljeeti.

Waggoottan lamaa as garuu Mootummaan Naannoo Oromiyaa ijaarama mana murtii aadaaf xiyyeeffannoo laatee hojiitti seenuusaanii filatamummaansaa daran dabalaa jiraachuu kaasu.

Akka magaalaa Matahaaraatti bara 2016 qofa galmeewwan 80 ol mana murtii aadaan karaa si’aayinaafi qulqullina qabuun furamuu akka danda’ellee dubbataniiru.

Haqa argachuuf hojii ofiirraa adda citanii mana murtii deddeebi’uun hawaasummaanifi dinagdeen jiruufi jireenya lammiilee miidhaa tureera kan jedhan Abbaan Gadaa kun; deddeebiin kun akka hafuuf manni murtii aadaa shoora olaanaa tapahataa jiraachuu ibsaniiru.

Murteen qaamota walhimatan gidduutti mana murtii aadaan murteeffamus tokko gammchiisee tokko kan dallansiisu miti kan jedhan Abbaan Gadaa kun; beenyaan kan kaffalamuu qabu yoo ta’es kaffalchiisuun araarsuun wayita gaggeeffaman gammachuun fuulasaaniirraa ifu adda ta’uu dubbatu.

Bu’uuruma kanaan hawaasni dubbiirraa gara jiruusaatti akka deebi’uuf tajaajilli mana murtii aadaa kun shoora olaanaa tapahataa jiraachuu yoo kaasan yeroo ammaatti filatamummaansaa dachaan dabalaa jiraachuu yaadachiisaniiru.

Tajaajilli Mana Murtii aadaa Oromoo qofaaf kan dhaabate godhanii kan ilaalan jiraachuus kaasanii; garuu sirni haqaa kun sabaafi sablammoota hundaaf kan tajaajilu ta’uu himaniiru.

Gadaan keenya daba hinjaallatu, nus murtee dabaa hinmurteessinu, murteen akka hinjallanneef inni himatus inni himatamus duudhaa jiruun kakatee inni murtee kennus Waaqa uumaaf jedhee haqa osoo hindabsiin dhugaaf dursa kennuun nagaan akka bu’u hojjeta.

Himataanis himatamaanis sobaan akka maqaa wal hinballeessineef meeshalee akka rasaasaa, lafee, daaraa, sanyiifi dhagaa kakaaf dhiyaatu.

Meeshaaleen kunneen kan faayidaarra oolan akka namni hinsobneefidha jedhanii; yoon sobe dhaabbiitti lafee na haagodhu, sanyii malee na haa hanbisu, na haa daarsu, dhagaa na haagodhu jechuu waan ta’eef sobuurra dhugaa dubbatanii nagaan ba’uuf dirqamu jedhaniiru.

Namoonni maallaqa wal haalan, imaanaa wal dagachiisan, miidhaa garagaraa walirra geessisaniifi dhimmoota kanaan walfakkaataaniin waggaa afuriifi isaa oliif mana murtii wal deddeebisan mana murtii aadaan furatanii harka walfuudhanii hojiisaaniitti deebi’uu kaasaniiru.

Warri murtee laatanis haqa namaa yoo dabsan waaqni akka isaan gaafatuuf eebbaan dhugaa nu dubbisi, kijibaaf loogdoorraa nu baraari jedhanii wal eebbisuun araara buusu jedhanii; haqni dabe yoo jiraate taajjabbii Haadha Siinqeen irra deebiin akka ilaalamu taasifama jedhaniiru.

Aadde Askaalaa Qana’aa Magaalaa Matahaaraa Dirree Gobbuutti Haadha Siinqee yoo ta’an, tajaajilli mana murtii aadaa kun Sirna Gadaaf ilaaf ilaameen waldhabdeen akka furamu taasisaa jiraachuu dubbataniiru.

Tarii haqni namaa yoo dabe dhiibbaan koorniyaa yoo qaqqabe taajjabuurra darbee irra deebiin akka ilaalamu kan taasisan ta’uu eeranii; dhugaa dubbachuuf Gadaan nagaa labsa warra mana murtii waldeddeebisuuf ammoo manni murtii aadaa bifa ammayyaan hundeessaa of ta’anii akka jiraatan nama taasisa jedhaniiru.

Magaalaa Matahaaraa keessa sabaafi sablammoota 10nii oltu jiru. Isaanis akkuma Oromoo mana murtii aadaatti dhimmasaanii furachaa jiraachuu kaasanii; sirni kun Oromoofis saboota biroofis fala guddaa ta’aa jiraachuu yaadachiisaniiru.

Oromoon duudhaasaa ganamaatti akka deebi’uuf tattaaffii mootummaan jijjiiramaa fudhachaa jiru kan dinqisiifatamudha kan jedhan ammoo Kantiibaa Magaalaa Matahaaraa Obbo Addisuu Waaqooti.

Akka ibsasaaniitti manni murtii aadaa ba’aa mana murtii idileerraa buusuu caalaa hawaasni dubbiisaa gabaabaatti xumuree hojiisaatti akka deebi’u taasisaa jira.

Gandoota magaalattii keessatti bakki tajaajilli mana murtii aadaa kun itti gaggeeffamu karaa duudhaasaa eeggateen ijaaramee galteewwan barbaachisoon guutameefii hojiisaanii qulqullinaan akka hojjetan taasifamaa jiraachuu himaniiru.

Murteen darbus seera qabeessa akka ta’uuf barreessaa miindessanii ragaan galmeefi murteen darbe akkasumas nagaaf araarri bu’uusaaf barreeffamaan akka taa’u taasifamaa jira.

Duudhaan kun fuldurattis cimee hawaasni dubbiirraa gara misoomaatti akka deebi’u waliin dhaabatanii akka hojjetan Kantiibichi yaadachiisaniiru.

Waasihun Takileetiin

BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 9 Bara 2017

Recommended For You