Dhaloota garaasaarra biyyasaa jaalatu uumuuf hojjechuun barbaachisaadha

Finfinnee: Dhaloota garaasaarra biyya jaalatu uumuuf hojjechuun barbaachisaa ta’uu hoggantoonni olaanaan Naannoo Oromiyaa ibsan.

Hoggantoonni kunneen kabaja guyyaa Alaabaa 17ffaa ilaalchisuun turtii Gaazexaa Bariisaa waliin taasisaniin akka jedhanitti, biyya kan guddisu, birmadummaa biyyaa kan ittifufsiisu, dimokraasiin akka dagaagu kan taasisu dhaloota waan ta’eef dhaloota biyyasaa dhugaadhaan jaalatu uumuun barbaachisaadha.

Pirezidaantiin Mana Murtii Waliigala Oromiyaa Obbo Gazzaalii Abbaa Simal akka jedhanitti jaalalli biyyaa Guyyaa Alaabaa kabajuu qofa osoo hintaane biyyaaf waan gaarii gumaachuunis kan mul’atuudha.

Namni biyyasaa jaalatu alaabaa biyyasaa nijaalata; milkaa’inni biyyaa tumsa lammiileetiin waan milkaa’uuf namni hunduu iddoo jirutti mirgaafi dirqama kennameef bu’uura godhachuun yoo biyyasaatiif waan danda’u gumaache biyyi ni ijaarama jedhaniiru.

Namni biyya jaalatu biyya hinsaamu, hingurguru. Fedha biyyaarra fedhasaatiif dursa hinkennu jedhanii, Itoophiyaa keessatti imala misoomaafi dimokraasii qabame galmaan gahuuf dhaloota maalummaa biyyaa hubatee biyyasaa tumsu uumuun barbaachisaadha jedhaniiru.

Manni murtichaa hawaasa mana murtiifi ummata bal’aaf hubannoo kennuun, tajaajiloonni kennaman teknolojiidhaan akka deeggaraman taasisuunifi olaantummaan seeraa akka kabajamu taasisuun tajaajila qulqulluu kennuuf hojjechaa kan jiru ta’uus Obbo Gazzaaliin ibsaniiru.

Gorsaan Dhimmoota Seeraa Caffee Oromiyaa Obbo Dhaabaa Dirribaa gamasaaniitiin akka jedhanitti, birmadummaan biyyaa waraanaan qofa waan hinmirkanoofneef biyya walaba ijaaruuf dinagdeen keenya dinagdee dhiibbaa dandamatu ta’uu qaba.

Akkuma loltuun jaalala biyyaatiif jecha daangaa biyyaa kabachiisuufi nageenya waaressuu lubbuusaa aarsaa kaffalu tokko tokkoon lammiilee Itoophiyaa birmadummaa abbootiin keenya aarsaa dhiigaafi lafeesaaniitiin asiin gahan ittifufsiisuuf gatii biyyaaf kaffalame beekanii hojjechuu qabu.

Hojjettoonni mootummaa mindaadhaaf jecha osoo hintaane miira tajaajiltummaa biyyaafi quuqama of keessaa qabuun, hojmaataafi dambii mana hojiisaanii qofa bu’uura godhatanii lammiilee haqummaan tajaajiluun jaalala biyyaa mul’isuu qabu jedhan.

Karoorri nageenyaa, misoomaa, bulchiinsi gaariin, dimokraasiin, fayyadamummaan lammiileefi walqixxummaan tumsa hawaasaa malee waan hinmilkoofneef fiixa ba’iinsa karoorawwan kunneeniitiif tumsa barbaachisu taasisuudhaan hawaasni biyyattiis jaalala biyyasaaf qabu agarsiisuu danda’a jedhaniiru.

Guyyaan alaabaa baranaa mataduree, “Alaabaan keenya tokkummaa biyyaalessaa keenyaaf, birmadummaafi olka’iinsa Itoophiyaaf!” jedhuun guutummaa biyyattiifi embaasiiwwan Itoophiyaa biyyoota adda addaatti argamanitti qophiilee adda addaatiin Wixata darbe kabajamuun ni yaadatama.

Taammiruu Raggaasaatiin

BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 9 Bara 2017

Recommended For You