Birmadummaa aarsaan argame dafqaan ittifufsiisuun dirqama hundaati

Adaamaa: Itoophiyaan birmadummaa aarsaa lubbuu, dhiigaafi lafeetiin argatte wabii midhaan nyaataatiin of danda’uudhaan itti fufsiisuu akka qabdu Hoggantootnifi Hayyootni sektaroota garagaraa beeksisan.

Tajaajilli Oduu Itoophiyaa marii qooda fudhattoota garaagaraa hirmaachise mataduree, “Birmadummaa Omishtummaadhaan” jedhuun kaleessa Magaalaa Adaamaatti adeemsiseera. Hoggantoonni ajandaa marii dhiyeessan akka jedhanitti, Itoophiyaan biyya osoo waa hunda qabdu beeloftedha. Garaan hin nyaatne garbummaa dabalatee waa hundaaf saaxilamaadha. Kanaafuu, wabii midhaan nyaataatiin of danda’uuf potenshaala jiru hunda qabdu adda baasuun fayyadamuun dirqama.

Komishinarri komishiinii Hoggansa Sodaa Balaa Federaalaa Ambaasaaddar Doktar Shifarraa Taklamaariyaam maricharratti akka jedhanitti biyyootni dureeyyiin fedhasaanii qaban biyyoota hiyyeeyyiirratti raawwachuuf malee Waaqaarraa arganna jedhanii deeggarsa hinkennan.

Hirkattummaan du’a kan jedhan komishinarri kun, lafa qotamee hindhumneefi ummata xinsammuusaatiin kadhaa jibbu osoo qabnuu gargaaramtummaadhaaf harka keenya diriirsuu hinqabnu jedhaniiru.

Daarektarri Olaanaan Tajaajila Diyaasporaa Itoophiyaa Ambaasaaddar Fitsum Araggaa gamasaaniitiin akka jedhanitti, yoo kutannoodhaan hojjetan wanti hin milkoofne hin jiru. Biyyootni Awurooppaa waraana lammaffaatiin miidhaman akkaataa isaan yeroo xiqqoo keessatti hojjetanii miidhama keessaa itti ba’an agarsiistuu guddaadha.

Ministirri De’eetaan Ministeera Qonnaa Doktar Fiqruu Raggaasaa gamasaaniitiin akka jedhanitti, sagantaa Wabii midhaan nyaataa mirkaneessuuf, Itoophiyaan sagantaalee kudhan waggaa kudhan keessatti milkeessuuf hojjechaa jirti. Sagantaa badhaadhina maatiitiinis hojiin bu’a qabeessi hojii dhabaa hedduuf carraan hojii bal’aan ittiin uumamaa jirudha.

Hojiilee jalqabamaniinis bu’aan argamaa jiraachuusaa hojii Inisheetivii Misooma qamadiitiin hojjetamaa jiru akka fakkeenyaatti kaasaniiru.

Ministira De’eetaan duraanii Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Aadde Salaamaawit Kaasaa gamasaaniitiin akka jedhanitti, sagantaa wabii midhaan nyaataa Itoophiyaan qabaatte milkeessuuf miidiyaan gahee olaanaa waan qabuuf ittigaafatamummaasaa bahachuu qaba.

Taammiruu Raggaasaatiin

BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 9 Bara 2017

Recommended For You