Riifoormii taasifameen fedhiin invastaroota biyya alaa dabalaa jira

Duukam: Riifoormii damee invastimantiirratti taasifameen fedhiin invastaroota biyya alaa dabalaa jiraachuu Komishiniin Invastimantii Itoophiyaa beeksise.

Bara bajataa 2017, kurmaana tokkoffaatti abbootiin qabeenyaa 72 gaaffii invastimantii dhiheessuus ibse. Komishinichi kaleessa Paarkii Indastirii Iistarnii gaazexeessitoota daawwachiiseera.

Komishinarri Ittaanaan komishinichaa Doktar Zallaqaa Tasfaayee daawwannicharratti ibsa kennaniin akka jedhanitti, paarkichi abbootii qabeenyaa Chaayinaatiin kan ijaarameefi wayita ammaa abbootiin qabeenyaa 153 dameewwan hojii huccuu, aluminiyeemii, seeraamikiifi kanneen biroorratti bobba’aniiru. Kanneen keessaas %95 abbootii qabeenyaa Chaayinaati.

Akka waliigalaatti Itoophiyaa keessa abbootiin qabeenyaa Chaayinaa kuma sadiifi 309 kan jiran yoo ta’u, kanaanis kaappitaala Doolaaraa biliyoona 8.5 sochoosaa jiru. Lammiilee kuma 325 oliifs carraa hojii dhaabbiifi yeroo argamsiisaniiru.

Fooyyessi dinagdee gooroo taasifame baay’ina invastarootaa dabaluurratti bu’aa jajjabeessaa fidaa jiraachuu himanii, kurmaana jalqabaa bara bajataa 2017 qofatti gaaffiileen invastimantii 72 dhihaachuufi kunis kan bardheengaddaa yeroo walfakkaataa wajjin oggaa walbira qabamu caalmaa %12 qabaachuu dubbatu.

Mootummaan abbootii qabeenyaa baay’inaan simataa kan jiruuf damee alergii omisha biyya keessaatiin bakka buusuuf, carraa hojii bal’aa uumuuf, ce’umsa beekumsa, teknolojiifi muuxannoo dhugoomsuuf akkasumas walitti hidhamiinsa gabaa uumuuf ta’uu dubbatanii, kanaafis haalonni mijatoon uumamaa jiraachuu Doktar Zallaqaan ibsu.

Itoophiyaan, Afrikaa Bahaa keessaa bakka walgeettii invastimantii ishee duraa ta’aa jiraachuus himanii, ta’us qabeenya kuufamaa biyyattiin qabdu waliin yommuu ilaalamu gahaa akka hintaane eeraniiru.

Komishinarri Ittaanaan komishinichaa Obbo Daagatoo Kumbee akka jedhanitti haaloota mijatoo mootummaan invastimantiif uumaa jiruun fedhii dabalaa jiraachuu eeranii, ji’oota, sadan darbaniitti abbootiin qabeenyaa 72 gaaffii kan dhiheessan yoo ta’u, kanneen keessaa 22 pirooppoozaalasaanii dhiheessanii 12 fudhatama argachuu dubbatu.

Abbootii qabeenyaa paarkichatti hojjetaa jiran keessaa Gaggeessaan Hojii Gaarmantii Liindee Itoophiyaa Mistar ‘Ge Yifan’ akka jedhanitti; dhaabbannisaanii ALA bara 2013 kan hundaa’e yoo ta’u, namoota kuma tokkoo oliif carraa hojii uumeera. Omisha dhaabbatichaa gabaa addunyaaf dhiheessaa kan turan yoo tahu, wayita ammaa omishasaanii guutummaatti biyya keessaaf dhiheessaa jiru.

Deeggarsi gama mootummaatiin taasifamufis gaarii ta’uu kaasanii, hanqinni sharafa alaafi dhiheessiin galteewwanii furamaa jiraatus ammallee xiyyeeffannaa akka barbaadu ibsu.

Saamraawiit Girmaatiin

BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 2 Bara 2017

Recommended For You