Irreechi naannolee ittikabajamutti hariiroofi walamantaa sabootaa cimsaa jira

Finfinnee: Ayyaanni Irreechaa naannolee ittikabajamutti hariiroo, tokkummaafi walamantaa sabootaafi sablammoota gidduutti cimsaa jiraachuu Waajjirri Nageenyaafi Misooma Waloo Oromiyaa, Gaambeellaafi Beenishaangul Gumuz beeksise.

Hora Finfinneefi Harsadeetti aanee Irreechi malkaa Asoosaafi malkaa Baarootti boru, Onkoolessa 3fi 10 bara 2017 mataduree “Irreechi calaqqee tokkumaafi nagaati” jedhuun akka kabajamu ibsameera.

Ittigaafatamaan waajjirichaa, Obbo Firoomsaa Solomoon ayyaana Irreecha naannolee kanneenitti kabajamu ilaalchisuudhaan ibsa Kibxata darbe gaazexaa Bariisaaf kennaniin, ayyaanichi naannolee ittikabajamutti saba, sablammootaafi ummata Oromoo gidduutti walamantaafi tokkummaa cimsaa bara 2014 irraa eegalee kabajamaa jira.

Akka ibsasaaniitti, jijjiirama dura Oromoon naannolee biraa keessa jiraatu ayyaana Irreechaa malkaa bu’ee ayyaaneffachuun hafee tamsaasa karaa foddaa televiishinii darbu qofa hordofaa ture. Har’a garuu Oromiyaafi naannolee ollaa Oromoon keessa jiraatutti sabootaafi sablammoota waliin ta’uun ayyaana Irreechaa ayyaaneffachaa jira.

Ayyaanni Irreechaa wayita kabajamu hundumtuu aadaa qabuun faayamee waan aragamaniif kan naannolee ollaatti geggeffaamu adda taasisa. Haaluma kanaan gaafa ayyaaneffamu walittidhufeenyasaanii cimsuun akka walhubatan taasisaa jira. Naannoo ayyaannichi ittigeggeeffamutti uffata aadaa saboota ayyaanichati hirmaachuuf fedha qabanii gabaaf dhiyaatu.

Wantoti nyaatamaniifi dhugaman, tajaajila hoteelaafi geejibbaa dabalatee gabaarraatti waan dhiyaataniif guddina dinagdee naannichaa keessatti geggeeffamuuf gumaacha olaanaa qaba.

Irreechi turizimii biyya keessaa akka cimsu himanii; namootni miliyoonatti lakkaa’aman bakka tokkotti walitti qabamanii rakkoo nageenyaa tokko malee wayita ayyaaneffamu mul’istuu nageenya naannichaa ta’uun hawwata tuurizimiif haala mijaa’aa uuma jedhaniiru.

Dabalataanis, jila naannolee lamaanirraa Irreecha hora Finfinneefi Horsadeerratti hirmaatan Biiroo Aadaafi Tuurizimii Oromiyaa walii simachuu eeraniiru. Waamichi jiraattota godinaalee nannolee ollaa daangessaniif waan taasifameef lakkoofsi hirmaattota ayyaana Irreecha baranaa kan bara darbee miliyoona lama caaluuu danda’a jedhaniiru.

Naannoo Gaambeelaatti ittigaafatamaa ittaanaan waajjira qindeessaa walittidhufeenya naannoo Oromiyaa, Gaambeellaafi Beenishaangul Gumuz Obbo Kut Chaam, akkuma Irreechi hora Finfinneefi Harsadee xumurameen Onkoloolessa 10 bara 2017 malkaa Baarootti kabajama. Milkaa’ina ayyaanichaafis qophiin barbaachisaan taasifamfamuu ibsaniiru.

Godinaalee naannoo Oromiyaa naannoo Gaambeelaan daangessan Iluu abbaaboorfi Wallaggaa Lixaa waliin kabajuuf waamichi dhiyaachuu himanii; milkaa’na ayyaanichaaf koreewwan adda adda dhaabbataniiruu. Ayyaannichi waliitti dhufeenya sabootaafi sablammoota naannoo Gaambeellaa jiraniifi ummata Oromoo cimsuun walamantaafi tokkummaan akka cimu taasisaa jira jedhaniiru.

Gammachuu Kadiriin

BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 2 Bara 2017

Recommended For You