Hantuunni dhibee ‘TB’ sakatta’u Itoophiyaatti tajaajila kennaa jira

Finfinnee: Hantuutni gatijabeessa yuuroon hedduu itti baasii ta’e tajaajila qorannoo saayinsaawaa fayyaan walqabatu garagaraaf oolu kun Inistiitiyuutii Armaawar Hansan (Hospitaala Alarti)tti kan argamuudha.

Hantuunni kun ulfaatina kiiloo 1.5 kan qabu yoo ta’u, Dhaabbata Beeljiyeem Appooppoo jedhamurraa kennaan kan argame ta’uu Inistitiyuutii Armaawar Hansanitti Qindeessaan Qorannaa TB Hantuuta Apooppoon Deeggaramee kan ta’an Obbo Nugusee Bayyanaati.

Obbo Nuguseen ibsa addatti Gaazexaa Bariisaaaf laataniin hantuutonni Apooppoo gatiinis ta’e hojii hojjetaniin qaaliidha jedhu.

Dhaabbanni Appooppoo jedhamu kun hantuutota sanyiinsaanii kiriseetoomis jedhaman leenjisuun hojiitti kan bobbaasu yoo ta’u; sanyiin hantuutota kanaa Keeniyaa Kibbaarraa hanga Afrikaa Kibbaatti kan argaman akka ta’ellee Qindeessichi nidubbatu.

Akka ibsasaaniitti, hantuutonni kunniin umrii ganna saddeet kan jiraatan yoo ta’u; ji’oota sagaliif Taanzaaniyaatti leenjii barbaachisu fudhachuun tajaajilaa qorannaa saayinsaawaa garagaraatiif hojiitti bobba’u.

Akaakuuwwan hantuutaa kunniin yoo namoonni balaa kirkira lafaatiin lafti irratti jige foolii dhahuun bakka namni awwaalame adda baasuuf ga’umsa guddaa qabu jedhu.

Biyyoota gara garaatti dhootuu awwaalame sakattaa’uunis ga’umsa olaanaa qabu jedhanii; ulfaatinnisaanii kiiloo giraama 1.5 waan ta’eef fanjiin awwalame osoo hindhoohiin eessa akka jiru fuunfatanii eeruu akka kennan ibsaniiru.

Itoophiyaatti garuu yeroo ammaa dhibee TB sakatta’uuf kan bobbahan yoo ta’u; namni tokko dhibicha qabamoo hinqabu isa jedhuuf sumuuda hancufaa qofa fuunfachuun adda baasu.

Qorannaa gama kanaan gaggeeffamu ilaalchisee hancufa ykn gorora nama shakkamaa fudhachuun yoo hantuuta kana jala kaa’an qeensaan irra deddeebbiin haadhuun dhibichi jiraachuu agarsiisa.

Sumuuda gororaa fudhatame keessa yoo vaayirasiin TB hinjiraanne garuu takka fuunfatee osoo irra hinturiin (osoo qeensaan hinhaadhiin) dafee bira darba jedhu qindeessichi.

Finifinneetti namoonni meeshaa teknolojiin sakatta’amanii laabiraatoriin dhibee TBirraa bilisa jedhaman hedduun irradeebiin hantuutichaan sakatta’amuun dhibichi keessasaaniitti waan argameef akka qoricha jalqaban taasifamuus eeraniiru.

Akka ibsasaaniitti, qorannaa TB laabiraatoriin taasifamuun olitti sakatta’iinsa hantuutonni kunniin taasisaniin namni tokko dhibichaan qabamuufi dhiisuunsaa salphumatti adda bahaa jira. Hantuutonni Appooppoo qorannoo TB Ahariiti gaggeessan kunniin lakkoofsaan torba yoo ta’an, hundisaanii gargaarsaan kan argaman ta’uufi tokko tokkoonsaanii yuuroo kuma shan nibaasu jedhu.

Hantuuonni kunniin ji’oota sagaliif Taanzaaniyaatti erga leenjii gahaa fudhatanii qormaata darbanii booda hojiitti bobbahuu ibsaniiru.

Apooppoo jechuun Afaan Dach yoo ta’u, dhootuu farra dhala namaa sakatta’uun adda baasan jechuu ta’uus eeraniru.

Hantuutonni Apooppoo kunniin namaan kan madaqan miidhaas kan hinqaqqabsiisne yoo ta’u; yeroo barbaadametti kutaa laabiraatorii keessa hojjetan keessaa bahuun oggaa harkaafi qaamota ogeeyyota fayyaarra socho’an mul’atu.

Imaammata dhibee ofii ogeessa ofiin jedhu Ahariin qabatee ka’een qorichoonni aadaa keenya kaleessa gatii dhabaa turan saayinsiin deeggaramanii tajaajilaaf akka oolan hojjetamaa jira.

Kanamalees hayyootaafi ogeeyyota qabnutti fayyadamuun kalaqa meeshaalee yaala fayyaa babal’isuuf hojii hojjetamaa tureen jijjiiramni galmaahaa jiru jajjabeessaadha.

Yeroo ammaattis hantuutota Apooppootti fayyadamuun tajaajilli sakatta’insa dhibee TB gaggeeffamaa kan jiru yoo ta’u; Inistiitiyuutichi hawaasa fayyabuleessaafi omishaawaa ta’e horachuuf humna guutuun hojjetaa jiraachuusaatiif agarsiistuu guddaa ta’uus eeraniiru.

Waasihun Takileetiin

BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 2 Bara 2017

Recommended For You