Dursanii qoratamuu amaleeffachuun dhukkuboota dursanii ittisuun akka danda’amu ibsame

Finfinnee: Qorannaa fayyaa dursanii taasisuu amaleeffachuun dhukkubboonni daddarboofi daddarboo hintaane miidhaa osoo hingeessisiin ittisuun akka danda’amu dhaabbanni ‘Raddaat Heelzi Keer’ beeksise. Dhaabbatichi torbanuma kana keessa hojjettoota Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf (DhPI) tajaajila qorannoo fayyaa bilisaafi gorsa kenneera.

Sagantaa tajaajila tolaarratti Raawwachiistuun Hojii ‘Raddaat Heelzi Keer’ Aadde Misgaanaa Solomoon akka jedhanitti, dursanii qoratamuurratti hubannoon hawaasa bira jiru gadaanaadha. Dhaabbannisaaniis kanuma hubachuun dursanii qoratamuufi dhukkuboota dursanii ittisuurratti xiyyeeffate hojjetaa jira.

Namoota hedduu biratti erga dhukkubsatanii gara mana yaalaa deemu malee amaleeffannaan dursanii qoratamuu akka hinjirre kaasanii, dhaabbatichi kanarratti hubannoo uumuun osoo dhukkubni hinuumamiin dursanii ittisuurratti xiyyeeffatee hojjetaa jiraachuu dubbatu.

Kaayyoosaa milkeessuufis hojjettoota DhPIf qorannoo fayyaa bilisaa koleestiroolii, sukkaara, dhiibbaa dhiigaafi hojjettoota dubartootaaf ammoo qorannoo kaansarii harmaa taasisuufi gorsa kennuu ibsu. Tajaajila kanaan alattis namoota wal’aansii dabalataa barbaachisuuf gatii gadaanaadhaan tajaajila kennuufi kanas ji’oota ja’atti akka kanfalaniif filannoo qopheessuu eeru.

DhPItti Ittigaafatamtuun Kutaa Dhimmoota Damdaneessaa Aadde Biraanee Dammaqaa gamasaaniin, hojjettoonni dhaabbatichaa yeroosaanii caalu hojiirratti waan dabarsaniif dhaabbatichi hojjettoonnisaa bakkuma jiranitti tajaajila wal’aansawwan addaddaa akka argataniif waggaa waggaadhaan haalota akka mijeessu ibsu.

Qorannoon fayyaa bilisaa dhaabbata ‘Raddaat Heelzi Keer’ hojjettoota DhPIf taasises baasii, yeroofi dhamaatii hojjettootaa hir’isuurra darbee, hojjetaan akka of beekuufi dhaabbatichis hojjettoota fayya qabeessa akka qabaatu kan taasisuudha jedhu. Fuuldurattis tajaajilli akkanaa cimee akka ittifufu eeru.

Kutaa Qophiitiin

BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 2 Bara 2017

Recommended For You