“Irreechi jaalalaafi tokkummaa obboleewwanii cimsa” -Jila Keeniyaa

Obbo Diimaa Hasan Keeniyaa Mombaasaarraa Ayyaana Irreechaa Bara 2017, Fulbaana 25 Hora Finfinneefi Fulbaana 26 ammoo Bishooftuu, Harsadeetti kabajamurratti hirmaachuuf jila obboleewwan Keeniyaa miseensota 60 of keessaa qabu dursuun Roobii galgala Finfinnee galan. Garee isaan dursanis Oromoo Ormaa, Waataa, Booranaa, Sahawuye, Gabra, Reengilleefi jaalattoota Oromoo gosa Kikkuyyuu kan hammateedha.

Obbo Diimaan yeroo sadaffaaf ayyaana Irreecha irraatti hirmaatan. Yaada Gaazexaa Bariisaaf kennaniin akka jedhanitti, Oromoo bakka jireenyaatu adda fageesse malee ummata nuti tokko. Waggoota muraasaa as ayyaanni Irreechaa fuulaan, aadaafi eenyummaadhaan akka walbarru taasiseera. Tokkummaan Oromoo maraas akka cimu ta’eera.

“Gara fuulduraatti walitti dhufeenyi keenya ayyaana Irreecha qofarratti hundaa’uu hinqabu. Oromoon bal’aa waan ta’eef Fooramii Oromoo idil addunyaa (International Oromo Forum) hundeeffannee guutummaa addunyaarratti jaalalaafi tokkummaa keenya cimsuu qabna. Yeroo ammaa kana Keeniyaatti Ormaa Kaalacharaal Feestivaal (Orma Cultural Festival) jechuun ayyaana Irreechaa Taanaarivaa irratti bara 2016 irraa eegalee ayyaaneffachuun eegalameera. Kan baranaa Onkololessa 26-27 ayyaaneffachuuf qophiirra jirra” jedhu.

Jilli isaanii dargaggoota, jaarsoliifi hawwan qabatee waan dhufeef muuxannoo kana Keeniyaatti hojiirraa oolchuun dhaloora ittaanuttu dabarsuuf gumaacha qaba.

Yaada Jaarsolii jila Keeniyaa

Obbo Nuurowuu Mahadimaa gamasaaniin, “Irreecha guddaa akkasitti Oromoo walitti qabu hinbeekuun ture. Kan namoota yartuun darbee darbee mul’atu Keeniyaatti argeera. Amma garuu erga ganna sadii asi obboleewwan keenya irraa wanti argaa jirru ajaa’ibsiisaadha.

Irreechi Oromoo loon duukaa godaanuudhaan Afrikaarra faca’e walittiqabuun, fuulaan walbarsiisuun jaalalafi nageenyaa cimsaa jira. Daldalaan, walkeessa deemuun tokkummaa Oromoo cimsuuf gumaacha olaanaa qaba. Nutis waan asiitti argine Keeniyaatti geessinee qabatamaatti hojiirraa oolchuun dhaloota ittaanutti akka ce’u taasisuuf waliinhojjechuu qabna” jechuun yaada kennu.

Moyyaalee Keeniyaa Marsaabeeti Kaawontii irraa kan dhufan Obbo Ibraahim Guyyoo, hanga magaalaa Finfinnee seenanitti obboleewwan isaanii daandiirratti ba’uu isaan simachuufi jaalala qabaniif isaanitti mul’isuu himu.

Irreechi, fageenyi tokkummaa ummattootaa akka adda hinbaafne kan isaanitti mul’ise ta’uu himanii, Oromoon hundi bakka jirutti duudhaasaa ganamaatti akka deebi’uuf karaa akka saaqu dubbatu.

Keeniyaatti garee dubartoota Bakkalchaa irraa Aadde Tumee Dootii ayyaana Irreechaa akka kanaa arganii akka hinbeekneefi Oromummaan bareedina akka ta’e kan itti argan ta’uusaatiin daran gammaduusaanii ibsu. Oromoo faca’ee walirraa fagaate walitti sassaabuun tokkummaa akka cimsuufi Oromoon asitti isaan waame gara Keeniyaa dhufuun isaan waliin ayyaana Irreechaa akka ayyaaneffatan fedhiisaanii guddaa ta’uu dubbatu.

Aadde Zaharaa Jumaa Keeniyaa Moyyaalee irraa ayyaana Irreecha obboleeyyan isaani waliin hirmaachuu akka dhufan eeranii, duraan waa’ee Irreechaa dhaga’uu malee arganii akka hinbeekneefi amma garuu Oromoo bal’aa ta’uu arguusaanii ibsu. “Irreechi Oromoo cufa kan walittiqabuudha. Keeniyaatti lafa qabsiisuun obboleewwan keenya as jiran waliin akka ayyaaneffannuuf waan barbaachisu ni taasisna” jedhu.

Irreechi Oromoo cufa walitti fiduun jaalalafi gammachuu nuuf fidaa jiraachuusaatiin ittigammadeen jira kan jedhan ammoo Aadde Raaliyaa Ibraahimi. Oromoon Keeniyaafi Itoophiyaa jiru aadaan isaa walfakkaataa ta’uu kaasanii, faayaawwan kanneen akka kalloofi saqaafi kanneen walisaan fakkeessan hedduu jiraachuu dubbatu.

Gammachuu Kadiriin

BARIISAA SANBATAA Fulbaana 25 Bara 2017

Recommended For You