Irreechi biyyarra darbee addunyaatti akka mul’atuuf hojii bal’aatu hojjetame

Finfinnee: Ayyaanni Irreechaa biyyarra darbee addunyaatti akka mul’atuuf Giddugalli Aadaa Oromoo hojiiwwan bal’aa hojjechaa jiraachuu daarektarri olaantuun giddugalichaa Aadde Makkiyyaa Jamaal beeksisan.

Aadde Makkiyaan hojiiwwan giddugalichi Irreechaa mul’isuuf hojjete ilaalchisuun ibsa Kibxata darbe Gaazexaa Bariisaaf kennaniin, giddugalichi aadaa Oromoo baroota dheeraaf awwaalamee ture iddoosaatti deebisuufi beeksisuuf hojiiwwan bal’aa hojjechaa jira.

Seenaa, aadaafi duudhaa Oromoo awwaalamee ture keessaa Irreechi isa tokko waan ta’eef biyyarra darbee addunyaatti akka beekamuuf xiyyeeffannaa guddaan kennameefii hojjetamaa jira.

Akka ibsasaanitti, kaayyoon hundeeffama Giddugalli Aadaa Oromoo aadaan, seenaan, duudhaafi aartiin Oromoo dhokatee ture ifa ba’ee akka guddatuuf bara 1997 hundeeffame. Kaayyoo hundeeffameef galmaan ga’uuf dameewwan guguddoo sadii Tiyaatiraafi Muuziqaa, Godambaafi Mana Kitaabaarratti xiyyeeffachuun hojiiwwan guguddoo hojjechaa jira.

Rakkoolee baroota dheeraa damee tiyaatiraafi muuziqaarra ture furuuf Baandiin Biiftuu Oromiyaa akka hundeeffamu ta’e. Baandichi tiyaatiraafi muuziqaa Oromoo awwaalamee ture ifa baasuun hojii bal’aa hojjeteera. Hojiin kun gara fuulduraatti cimee akka ittifufu himanii; tiyaatirriifi muuziqaan duudhaalee Irreechaa akkasumas kaarnivaala zoonii, fiilmii, faaruu, goobee, shinooyyee, dabalatee aadaan ummataa ifatti akka mul’atu taasifamaa jira jedhan.

Dabalataanis, daawwattoota Irreecha kabajuuf biyya alaafi keessaa dhufan bashannansiisuuf giddugalichatti koonsartii muuziqaa, tiyaatiraafi faaruuwwan garagaraa qophaa’uu himanii; gama nyaataatiin rakkoo jiru furuuf waldaalee gurmeessuun keessumaa nyaanni aadaa Oromoo qophaa’ee keessummeessuuf qophiin xumurameera.

Akka ibsasaaniitti, Oromoon falaasama mataasaa qaba. Akka falaasamasaatti seenaa, aadaafi duudhaa ittiin jiraachaa ture qaba. Bu’aaleen falaasamaa kunneen baroota dheeraaf awwalamanii turan ifa akka ba’anii giddugalicha keessatti godambaa guddicha hundeesseera.

Seenaa, aartii, uffannaa, midhaan, albuuda, qorichaafi kanneen biroo ummati Oromoo ittifayyadamaa ture godambicha keessatti walittiqabamuudhaan daawwattoota biyya keessaafi alaan akka daawwatamu taasifaamaa jira.

Hanga bara 2016 godambichi daawwattoota biyyaa keessaafi alaa kuma 401fi 052 kan daawwatame ta’uu himanii; bara 2017tti daawwattoota biyyaa keessaafi alaa miliyoona tokkoon akka daawwaatamuuf karoorfamuu ibsanniiru.

Akka waliigalaatti Biiroo Aadaafi Tuurizimii Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee waliin ta’uun ayyaanni Irreechaa duudhaasaa eeggatee addunyaatti beekamee akka kabajamuuf seekteroota hunda waliin qophii gahaan taasifameera. Ayyaanichi ayyaana gaarii akka ta’u hawwii qaban ibsaniiru.

Gammachuu Kadiriin

BARIISAA SANBATAA Fulbaana 25 Bara 2017

Recommended For You