Ayyaana Irreechaa sababeeffachuudhaan dorgommiin kubbaa miilaa adeemsifame

Bishooftuu: Ayyaanicha sababeeffachuun Kutaa Magaalaa Calalaqaatti hoggantoonni Magaalaa Bishooftuu Hoggantoota Yuunivarsitii Raayyaa Ittisa Biyyaa waliin kubbaa miilaa michoomaa taphatan.

Dirree Yuunivarsitii Raayyaa Ittisa Biyyaatti Jala Bultii Ayyaana Irreechaa sababeeffachuudhaan Hoggantoonni Magaalaa Bishooftuufi Hogganoonni Yuunivarsitii Raayyaa Ittisa Biyyaa waliin kubbaa miilla taphachuun 2-0n gootichi Raayyaan Ittisa Biyyaa Bishooftuu mo’ateera.

Oduudhuma walqabateen, Ayyaana Irreechaa sababeeffachuudhaan Kutaa Magaalaa Koyyee Facceetti dorgommii kubbaa saaphanaa Hoggantoota Kutaa Magaalaa Hoggantoota Aanaalee, Hoggantoota Jaarmiyaalee Dargaggootaafi gareewwan kubbaa saaphanaa dorgommii michoomaa waliin taphachuusaanii odeeffannoon Biiroo Dargaggoofi Ispoortiirraa argame ni addeessa.

Tashoomaa Qadiidaatiin

BARIISAA SANBATAA Fulbaana 25 Bara 2017

Recommended For You