Naannoolee Affaariifi Sumaaleetti calallii ajandaaf leenjiin haala mijeessitootaa kennamaa jira

Naannolee Affaariifi Sumaaleetti calallii ajandaa marii biyyaalessaa gaggeessuuf leenjiin haala mijeessitoota (moderates) Fulbaana 8 bara 2017 eegalee kennamaa jiraachuu Komishiniin Marii Biyyaalessaa beeksise.

Komishinara Olaanaan Komishinichaa Pirofeesar Masfin Arayaa Kibxata darbe Gaazexaa Bariisaaf akka ibsanitti, naannolee Affaariiifi Sumaaleetti calallii ajandaa marii biyyaalessaa gaggeessuuf leenjiin haala mijessitootaa guyyaa eeramerraa kaasee kennamaa jira. Hojii hanga ammaatti hojjetameen naannolee Beenishaangul Gumuz, Sidaamaa, Gaambeellaa, Itoophiyaa Giddugaleessaa, Harar, Bulchiinsa Magaalaa Dirree Dhawaafi Finfinneetti calalliin ajandaafi hirmaattota marii biyyaalessaa goolabameera.

Akka ibsasaaniitti, naannolee Affaariifi Sumaaleetti akkuma leenjiin haala mijeessitootaa xumurameen mariin calallii ajandaafi namoota marii biyyaalessaarratti hirmaatanii ni gaggeeffama. Ittaansuudhaan naannolee Oromiyaa, Itoophiyaa Kibba Lixaafi Kibbaatti calalliin ajandaa kan gaggeeffamu ta’a.

Akka waliigalaatti garuu naannolee 10fi bulchiinsota magaalaa lamatti calalliin ajandaafi namoota marii biyyaalessaarratti hirmaatanii hanga xumura ji’a Onkoloolessaatti goolabuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira. Naannolee mariin biyyaalessaa itti hinxumuraminiifi hineegalamiin naannolee Amaaraafi Tigraayitti hanga ji’a Amajjiitti akka hojii komishinichi raawwatuuf haalotni mijaa’anitti waan naannolee biroo keessatti raawwatame saffisaan xumuruuf komishinichi qophiidha.

Akkuma hojiin calallii ajandaafi namoota yaa’iirraatti hirmaatanii xumurameen leenjiin haala mijeessitoota marii biyyaalessaa ni kennama. Ajandaaleen calalamanis akka barbaachisummaasaaniitti kan qindaa’an ta’uu himanii; namoota mari’achiisan adda baasuudhaan utuu jiini Amajjii hinseeniin yaa’ii marii biyyaalessaa isa jalqabaa gaggeessuun mariin ittifufa jedhaniiru.

Komishinichi hanga haalotni naannolee Amaraafi Tigraayi keessaa xumuramanitti naannolee biroo keessatti hojiisaa raawwachaa jiraachuu himanii; hanga haalli mijataan uumamuufitti yaaliin komishinichaa ittifufa jedhaniiru.

Afaan qawwee furmaata bu’uuraa fiduu akka hindandeenye hubachiisanii; paartiileen siyaasaa muraasniifi murnoonni hidhatanii bosona jiran yaadasaanii gara mariitti akka fidan waamichi komshinichi taasisaa jiru ittifufa jedhaniiru.

Marii biyyaalessaa hirmaachisaafi hunda hammataa taasisuun qajeeltoo ijoo bu’uura hundeeffama komishinichaa labsii 1265/2014 labsame ta’uu dubbatanii; adeemsa hanga ammaatiinis haaluma qajeeltoo kanaan raawwachuun danda’ameera. Haga ammaattis calalliin ajandaafi namoota yaa’ii marii biyyaalessaarratti hirmaatanii naannolee shaniifi bulchiisa magaalota lamaatti goolabamee akka fakkeenyaatti fudhachuun ni danda’ama jedhan.

Gammachu Kadiriin

BARIISAA SANBATAA Fulbaana 11 Bara 2017

Recommended For You