Masqala: Ayyaana ibsama tokkummaafi waloomaa

Ayyaanota hawaasaa guguddoo tibba birraa kana saboota Itoophiyaa baay’eedhaan sirna ho’aafi qophii addaatiin kabajaman keessaa Masqalli isa guddaadha. Sababuma kanaan ayyaanichi Mootii Ayyaanaa jedhamuun beekama. Masqalli saddeeta qaba, saddeenni diroon isiniif haa naanna’u jedhee Oromoon karaa aadaatiin ayyaanicha kabaja.

Iddoowwan tokko tokkotti qoraan Masqalaa kan qophaa’u Hagayya 12 booda dargaggeessaani. Qoraan Masqalaa waan akka namni gaafa sana ayyaana dhiisee qoraan barbaacha hindeemneef dursee qophaa’a.

Jalabultiin ayyaana Masqalaa Fulbaana 12 jalqabama. Keessumaa jiddugaleessa Oromiyaatti ayyaana Muka Dhaabaa jedhamutu jira. Guyyaan kun guyyaa mukti muka keessaa filatamee daamaraa ykn mijjirii gaafa 16’f ittifurdifamu ykn utubamu ittidhaabatuudha.

Akka dhugeeffannoo ummata Oromootti gaafa muka dhaabaa bariitu lafti uumamashiitiin ni jabaatti, ganni ni qabbanaa’a. Guyyaa muka dhaabaa kanarraa kaasee kutaaleen hawaasaa adda adda maanguddoonni, dubartoonni, dargaggoonniifii daa’imman sagantaalee raawwatan qabu.

Innis jalqabaa Jabaan Masqalaa muramee qophaa’a. Dubartoonni jalabultii Masqalaatti ateetee bulfatu. Ateetee bulfamu kanaaf warri dhiiraa jabaa laaftoorraa muranii goggogfame qopheessu.

Guyyaa bulfannaa ateeteerraa kaasee hanga Onkoloolessa 1tti ykn hanga sirni Karra Cufaa Masqalaa raawwatamutti ibiddi Jabaa Masqalaa hindhaamu. Yeroo kanatti dubartii kaamettiin ibidda barbaacha ollaa hindeemtu.

Qophii guddaan jalabultii ayyaanaatti gaggeeffamu biraan ibidda ijoolleeti. Ibiddi ijoollee Fulbaana 14 geggeeffama. Daa’imman ollummaafi obbolummaadhaan duudhaa waliin jireenyaa dhaloonni jalaa dhufu beekuu waan qabuuf daamaraa gubanii sirbanii Masqala faarsu. Kun sirna guddaa jalabultii ayyaana Masqalaatti geggeeffamuudha.

Inni biraan duudhaa galchaa baranee jedhamee beekamuudha. Galchaa baranee jechuun intalli bara darbe heerumte Masqalaaf warrashii bira dursitee deemtee gaafa 14 gara mana abbaa warraashiitti deebiti. Firri dhangaa qopheessee bahee ishii simata.

Dargaggoonni meeshaa shororsaa jedhamu kan dhangaan akka cuukkoofi dhadhaafaan ittiin baatamuun gara mana abbaa warraashiitti geggeessu. Ollaafi fira waamanii simatanii waan intalli fudhattee galte waliin nyaatanii dhugu. Duudhaalee hariiroon ollummaa, obbolummaafi firummaan hawaasaa ittiin ijaarama keessaa kun taatee tokkoofi isa guddaadha.

Erga sagantaaleen kunniin hundi geggeeffamanii booda gaafa gubaa ykn Mijjirii Nama Jabaa jedhamee beekamu Fulbaana 16 galgala ollaan walitti dhufee qe’ee hangafaatti gubu ykn mijjirii baasu. Guyyaa kana namoota guguddootu dura bu’ee mijjiricha baasa.

Kunniin hundi sirnoota ayyaana Masqalaa dura geggeeffamaniidha. Asirratti amantiidhaan, gosaan walqooduun hinjiru. Hunduu Masqalaaf uffata adii uffata. Kanaas saddeenni dirootti isinii haa naanna’u, barri bara quufaa haa ta’u, jedhamee ollaa, tokkummaafi jaalalaan kabaja. Masqalli ayyaana hariiroofi tokkummaan hawaasaa daran itticimuudha.

Gaafa Fulbaana 17 ykn Masqalaa ganama sirna Daaraa Qabannaa jedhamutu raawwatama. Gaafa kanas ollaan walitti bahee bakka galgala mijjirii ittibaasan naanna’anii ykn marsanii taa’anii midhaan Waaqayyo biqilcheef keessaa kanneen akka asheeta baaqelaa achitti goroggor jedhanii nyaachuu eegalu.

Jalabultii ayyaanichaatti dargaggeessi Masqalaafi birraa faarsa, “Ya dureessa koo…” jechaa. Gaafa Daaraa Qabannaatti waraana qabatanii bardheengaddaa wallole araaramee qara eeboo gadi qabanii jifuu qabatanii daaraa addaan waltuqanii mortuu, inaaftuun haabaddu, tokkummaan haa ijaaramu, ollummaan haa dagaagu jedhanii waleebbisu. Ijoollees sirna Daaraa Qabannaa kanarratti dhiyeessanii, mijuunis dhiyaatee waliin nyaatanii dhugu.

Hamma Onkoloolessa 1tti ibiddi hindhaamu, nyaanni manaa hindhumu, waan Masqalarraa hafe guyyaa sana jabaa manaa baasanii kabajni ayyaanichaa xumurama. Guyyichi Karra Cufaa Masqalaa jedhama.

Hangafniifi mootiin ayyaanotaa, mallattoo tokkummaafi jaalalaa kan ta’e Masqalli nagummaansaa eegamee akka kabajamuuf; akkasumas miidhaginaafi duudhaasaa cimaa kana eeggatee dhalootaa dhalootatti akka ce’uuf xiyyeeffannaan irratti hojjetamuu qaba.

BARIISAA SANBATAA Fulbaana 11 Bara 2017

Recommended For You