Gareen kubbaa miilaa dargaggoota Itoophiyaa qophii jalqabe

Finfinnee: Waancaan kubbaa miilaa Afrikaa 25ffaan dargaggoonni umrii 20 gadii irratti hirmaatan ALA ji’a Waxabajjii bara 2025 magaalota Afrikaa Kibbaatti adeemsifama.

Waancicharratti hirmaachuuf biyyoonni Afrikaa 48 zooniiwwan jaharraa ramaddii 12n qoodamanii tapha gulaalaa jalqabuuf qophaa’aa jiru. Shaampiyoonaa Zoonii Bahaafi Giddugaleessa Afrikaa kana Taanzaaniyaan nikeessummeessiti.

Walmorkichi kan adeemsifamu ramaddiiwwan lamatti qoodamuudhaan yoo ta’u, ramaddii lammaffaa keessatti kan argamtu Itoophiyaan Ugaandaa, Sudaan Kibbaafi Burundii wajjin taphatti. Ramaddii tokkoffaa keessatti ammoo Taanzaaniyaa, Ruwaandaa, Sudaaniifi Keeniyaatu argama.

Tapha gulaalaa ramaddii zoonii Bahaafi Giddugaleessa Afrikaa kanarraa biyyoonni tokkoffaafi lammaffaa bahan waancaa kubbaa miilaa dargaggoota Afrikaa umrii 20 gadii 25ffaa Afrikaa Kibbaatti adeemsifamurratti nihirmaatu.

Waancaa kubbaa miilaa dargaggoota Afrikaa, Afrikaan Kibbaa qopheessiturrattis biyyoonni 12 kan hirmaatan yoo ta’u, biyyoonni sadarkaa tokkoffaadhaa hanga afraffaa argatan ammoo Waancaa kubbaa miilaa Dargaggoota Addunyaa 25ffaa Ardii Ameerikaa Kibbaa, magaalota Chiilitti adeemsifamurratti hirmaatu.

Itoophiyaan tapha gulaalaa kanarratti hirmaachuuf leenjisaan Siyyum Kabbadaafi gargaartonnisaa garee dargaggootaa Itoophiyaa qopheessaa jiru.

Yeroodhaaf taphattoota 38f waamichi kan taasifame yoo ta’u, Kibxata darberraa kaasee hoteela galuudhaan guyyaatti yeroo lama shaakalu.

Leenjisaa Siyyum Kibxata darbe gaazexaa Bariisaatiif akka ibsetti, taphattoonni kunneen yeroodhaaf kilaboota liigii piriimeerii Itoophiyaa keessaa filatamuusaanii addeesseera.

Itoophiyaan seenaa waancaa kubbaa miilaa dargaggoota Addunyaa kanarratti yeroo tokko qofa akka hirmaatte yaadachiisee, innis waancaa 12ffaa waggaa 26 dura Arjentiinaan qopheessiterratti ta’uu muldhiseera.

Gareen kun dargaggoota ciccimoodhaan kan ijaarame waan ta’eef waancaa kanarratti hirmaachuuf hanga humni keenya danda’etti ni tattaafanna jedheera.

Leenjisummaan muuxannoo waggoota dheeraa kan qabu Siyyum, gargaartootasaa Abiyyi Kaasahuniifi Amsaaluu Asmalaalam wajjin garee cimaa akka qopheessanis abdatamaniiru.

Itoophiyaan kanaan dura yeroo tokko waancaa kubbaa miilaa dargaggoota Afrikaa 12ffaa qopheessuushee kan yaadate Siyyum, waggoota dheeraadhaaf waltajjii kanarraa fagaanneerra. Ammaan tana garuu biyyoota afran Afrikaa bakka bu’uun waancaa dargaggootaarratti hirmaatan keessaa tokko ta’uuf hojjechaa jira jedheera.

Akkuma beekamu “FIFAfi CAF” umrii dargaggootaa ilaalchisuudhaan yeroo baay’ee akeekkachiisa dabarsaa turus biyyoonni qabxii barbaaduuf jecha dargaggoota umrii 20 olii hiriirsan adabamaa turuu eereera.

Nus kanarraa fagaannee hijirru, sababiinsaas akkaataa gurmaa’ina ispoortii biyya keenyaati. Federeeshinii kubbaa miilaa dabalatee pirojekitiin guddattootarratti xiyyeeffachuun hojjetu hinjiru. Guddattootarratti hin amanan. Rakkinni kun deemee deemee ispoortii biyyaarratti calaqqisaa jira jechuun ibseera.

BARIISAA SANBATAA Fulbaana 11 Bara 2017

Recommended For You