Sadarkaa guddinniifi fedhiin hawaasaa irra gaherraa ka’uun tajaajila geejibaa ammayyaa diriirsuun murteessaadha. Kana dhugoomsuuf ammoo humna nama barateefi teknolojii addunyaan irra geessetti fayyadamuun daran murteessaadha.
Dameen geejibaa dameelee rakkoon bulchiinsa gaariifi hanqinni naamusaa itti mul’atan keessaa isa tokko. Buufataaleen konkolaataa naannichaa damee komiin ummataa ittimul’atuudha. Rakkoo kana furuuf tajaajila buufataalee dijitaalessuun barbaachisaadha.
Buufataalee konkolaataa adda addaatti tajaajilli taariifa ibsuufi tikeetiin dijitaalaa jalqabameera. Kaameeraan dhoksaas buufataalee konkolaataa Adaamaafi Shaashamannee fa’itti maxxanfamaniiru. Tajaajilichaan konkolaattota baay’ina namaa eeyyamameen ol fe’aniifi taariifaa ol kaffalchiisan to’achuufis hojmaanni diriireera.
Kana malees rakkoo bulchiinsa gaarii, komiifi iyyannoo ummataa buufata konkolaataatti mudatuuf sararri odeeffannoon ejensichaaf kennamuun bilbila tolaa 8556 diriirfameera.
Ejensiin Geejiba Oromiyaas tajaajila geejibaa ammayyaa’aa, si’ataafi dhaqqabamaa taasisuuf riifoormii geejibaa lafa qabsiisuun buufataalee konkolaataa sadarkaasaanii eeggatan magaalota naannichaatti bal’inaan hojjechiisaa jira. Kanneen ijaarsisaanii xumuramee tajaajila kennuu jalqabanis hedduudha. Kanneen keessaa kan Magaalaa Shaashamannee isa tokko.
Nutis dhiyeenya wayita hojiif gara Shaashamannee deemnetti haala itti buufanni konkolaataa magaalattii haala daran hawwataa ta’een ijaarame tajaajila kennaa jiru qaamaan argamnee mil’anneerra.
Imaltoonni dubbisnes haala kenna tajaajilaa buufatichaatti kan gammadan ta’uu haala duraan ture wajjin walbira qabuun nuu ibsaniiru. Waliigalaan haalli kenna tajaajilaa buufatichaa maal akka fakkaaturratti Ittigaafatamaa Ejensii Geejibaa Bulchiinsa Magaalaa Shaashamannee Obbo Mahaammad Tashitaa waliin gaafdeebii taasisneerra.
Bariisaa: Buufanni konkolaataa kun yoom tajaajla jalqabe?
Obbo Mahaammad: Buufanni konkolaataan kun bakkuma duriitti bifa haaraan kan ijaarame yoo ta’u, eebbifamee tajaajila kan jalqabe Waxabajjii 27 bara 2015tti.
Bariisaa: Buufanni konkolaataa kun maal maal of keessaa qaba?
Obbo Mahaammad: Buufanni duraanii tajaajila kennuuf mijataa hinturre. Amma garuu haallisaa gama hundaan mijataadha. Duraan keessisaa biyyoo waan tureef mijataa hinturre. Amma asfaaltii gurraachaan uwwifameera. Dallaansaas sadarkaa kan eeggateedha. Imaalaafis ta’e konkolaataaf haalli mijataan uumameera.
Kun kenna tajaajilaa keenyas daran kan fooyyesseedha. Duraan taariifa dabaluufi darbaa fe’uun mul’achaa tureera. Amma jalqaba imalaan garana dhufu tikeetii fudhateeti. Tikeetiidhaan tajaajila kennina. Buufata kanatti sararawwan ga’umsaa 27 buufataalee lama keessatti kan keessummeessinu. Buufanni kun sarara 19 qaba. Buufanni 2ffaan kan bakka Araadaa jedhamutti argamus jira.
Buufata sararoota 19 qabu keessatti gatii imalaan itti imalu tikeetiidhaan kennama. Dhaabbanni akka naannootti tikeetii dhiyeessuuf dorgomee darbe hojjetaa jira.
Dhaabbatichi faayidaasaa dhibbantaadhaan herregata (harka lama qofa) argata. Imalaan gaafa mooraa buufata konkolaataa keenyaa seenu tikeetiisaa qabatee konkolaataa keessa gala. Tikeetiin akaakuuwwan lamaan kennama. Tajaajilli tikeetii onlaayiniidhaan gamoo kana keessatti kennama. ‘Off line’ meeshaan piriinti godhu jira. Bakkuma konkolaataan dhaabatutti imalaan ni dhufa, piriintariin harkaa achuma waan jiruuf achumatti kennamaaf.
Konkolaataa fuuldurasaatti ilaalee achumaa tikeetii kutatee seena jechuudha. Sararoota tokko tokko kanneen maamila baay’ee hinqabne onlaayiniidhaan gamoodhuma kana gara jalaatti bakka tikeetiin ittimuramu qabna. Gaafa tikeetii muratanii gadi bahan konkolaataan fuuldurasaanii jira jechuudha.
Akka hanni hinraawwatamneef, seeraan ala hinfeeneefi akka imalaan konkolaataa barbaacha hindhaamaneef buufaticha bakkawwan lamatti adda baasne. Iddoon tokko bakka dhaabbii bakki hafe ammoo iddoo imalaan ittife’amuudha jechuudha. Konkolaataan dabareedhaan dhufee sarara qophaa’eef irratti nama qabatee deema. Kana keessatti waa’een taariifaan ala kaffalchiisuufi darbaa fe’uu hin yaadamu jechuudha. Gochoota seeraan alaa kunniin hojmaata kanaan hambisuu dandeenyeerra. Kana qofa miti namni duraan aduufi qilleensa keessatti rakkachaa ture gamoo keessatti akka taajilamu taasifameera. Kaafteeriyaan sadarkaasaa eeggate imalaaf tajaajila kennu mooraa kana keessa jira. Suuqiiwwan adda addaas jiru.
Bariisaa: Haalli bobbii konkolaataa maal
Obbo Mahaammad: Konkolaataan tikeetiin muramuuf malee bobbiif ba’uu hindanda’u. Yoo sarara tokkorratti namni baay’ateefi konkolaataan hanqate sararoota qabnurraa gara namni baay’atetti ramaduun akka imalaan tajaajila gahaa argatu gochaa jirra. Namni sarara kanarra konkolaataan hinjiru jedhee dhabee deebi’u hinjiru.
Fakkeenyaaf sarara Kofaleerratti imalaan ni baay’ata. Konkolaattota dabaree Finfinnee eeggatan hunda gara Kofaleetti ergina jechuudha. Kan Walaayittaas yoo rakkoo qabaate kan Finfinneerraa gara Walaayitaatti ramadna jechuudha. Kanaaf haala kanaan rakkoo mudatu hordoffiidhaan furaa jirra.
Tajaajilli kenninus qindaa’aadha. Dur bakki tajaajilli geejibaa caasaa godinaafi kan Magaalaa Shaashamannee iddoowwan gara garaa ture. Gamoo kun caasaalee lamaan kannneen bakka tokkotti fideera.
Abbaan dhimmaa tajaajila barbaacha gara waajjiraa dhufus buufatuma kana keessa jira. Godinniifi magaalaan walbiratti karaa gabaabaafi qindoomina qabuun tajaajila kennaa jiru. Waajjiraaleen as jiraniif konkolaachisaan asii bahee otoo bakka biraa hindeemiin asumatti tajaajila barbaadu argata.
Bariisaa: Tajaajilli kennitan gama ammayyummaatiin maal fakkaata?
Obbo Mahaammad: Tajaajilli as keessatti kenninu dijitaalawaadha. Akka durii haardi koppii wajjin baay’ee hinrakkannu. Faayilli hundi sistamii keessa galaniiru. Adabbiiwwaniifi gibira adda addaa dabalatee kaffaltiiwwan hundi karaa hojmaata dijitaalawaatiin akka raawwataman taasifameera. Kaffaltii kamuu raawwachuuf akka durii faayilii gaggaragalchuun hafeera. Abbaan dhimmaa tajaajilawwan barbaachisoo hunda asumatti argata.
Bariisaa: Waldaalee meeqatu asitti hojjetaa jira?
Obbo Mahaammad: Dhimmi biraa xiyyeeffannaadhaan irratti hojjenne waa’ee waldaalee geejibaati. Waldaalee muummee torbatu jiru. Dameeleesaanii dabalatee kanneen tokko tokkoosaanii jala jiran wajjin gara waldaalee 47tu jira. Waldaaleen geejibaa kanaan dura alatti bakka hojii kireeffatanii bobbii kennaa turan. Amma suma keessatti waajjira sadarkaasaa eeggate akka ijaarratan taasisne. Karaa kanaan tajaajilli waldaalees kan gama ejensiitiin kennamus akkasumas sistamiinsaa mooraadhuma kana keessatti argama.
Bariisaa: Mooraa kana tajaajilli akka garaajiifaa jiraa? To’annoon seeraan alummaa hoo maal fakkaata?
Obbo Mahaammad: Eeyyee. Mooraa kana keessatti tajaajilli akka laabaajoofi gaaraajiifaas haala sadarkaasaa eeggateen ijaaramee tajaajila jennuuf jedha. Akka kenni tajaajilaa sababa ciccituu ibsaatiin hinjeeqamnee jenereetarri sadarkaasaa eeggates jira. Kana malees tajaajila galgala sa’aatii 12:00tti dhaabna malee karaan duraan wayyaalaan itti nama rakkisaa ture qaamolee nageenyaa wajjin ta’uun akka sirratu taasisneerra. Akka mooraa hinseenneefi abbootiin qabeenyaa qabeenyasaanii akka beeksisan taasisne. Dhimmicharratti dhimmamtoota wajjin mari’annee akka karaa qabatu taasisneerra.
Seeraan alummaa to’achuun danda’ameera. Tajaajilli guutamaan kennamaas jira. Wanti imalaafi konkolaataan barbaadu hundi bakkuma tokkotti haala sadarkaasaa eeggateefi qindoominaan kennamaa waan jiruuf waanti nama rakkisu hinjiru.
Bariisaa: Buufanni kun hammam bal’ata, altokkotti konkolaattota meeqa qabachuu danda’a?
Obbo Mahaammad: Buufata kana keessa yoo xiqqaate konkolaattonni 857 nita’u. Kun kan nuti bobbiii kenninuuf jechuudha. Kan alaa galus jira. Kanaaf waliigalaan konkolaattonni kuma lama buufata kanatti ni tajaajilamu; kan bahuufi galu dabalatee jechuudha.
Kanneen naannolee birootii galanis konkolaattota kuma tokkoo oli. Kanneen nu biraa bobbii fudhatanii deddeebi’an jiru. Buufata Konkolaataa Awaashoo qofati konkolaattonni kuma lama ta’an jiru. Kanaanis guyyaatti namoota kuma 11 hanga kuma 13tu guyyaatti geejibsiifama. Sochii namootaatiin walqabatee guyyoota jidduu garaagarummaan jira. Konkolaattonni Finfinnee, Awutoobistaraa, Qaallittiifi Laambaratirraa dhufanis jiru. Konkolaattonni guguddoon gara Mooyyalee deemanis jiru. Kanneen asii Finfinnee hojjetanis jiru. Lakkoofsi konkolaataa eerre kanneen hunda dabalateeti jechuudha.
Bariisaa: Dameen kun gama carraa hojii uumuutiin maal fakkaata?
Obbo Mahaammad: Tajaajila qindaa’aafi ammayyyaawaa asitti kenninuun yoo xiqqaate warra tikeetiirratti hojjetan namoota barataniifi ogummaa kompiyutarii qaban 64f carraan hojii uumameera. Kunis waan buufata kana adda taasisuudha.
Tajaajila mana qulqullinaatiin walqabatees namoota 20f carraan hojii banameera. Jarri kun qulqullina mooraa kanaas ni eegu. Galii mana fincaaniirraa argamu fayyadamaa qulqullina ykn magariisummaa moorichaas ni eegu, nikunuunsu. Keessumaa bakki magariisaa moorichatti argamu yeroo hunda waaree booda sa’aatii 10:00 irraa kaasee nikunuunfama.
Abbootii dhimmaa gara buufata kanaa dhufaniin tajaajilli paarkiingiis ni jira. Kanaanis namoota sagaliif carraa hojii banameera. Waldaaleen irranatti eerre hundisaanii waan hojjetaa of jalaa qabaniif isaan birattis carraa hojii uumame jira.
Bariisaa: Rakkoon meeshaa fe’uufi buusuun walqabatee buufataalee adda addaatti mul’atu isin biratti maal fakkaata?
Obbo Mahaammad: Nu bira hojmaanni fe’aafi buusaa jedhamu hinjiru. Garuu namoonni 36 gaafa imalaan mooraa kana seenu meeshaasaanii qabatanii gara sireesaanii ni geessuuf. Gaafa namni daandiirratti bu’e bakka konkolaataasaanii ni geessuuf malee fe’uus ta’e buusuu hindanda’an.
Meeshichi seensisaniifi ykn lafa godhanii deebi’u. Namoonni hojii kanarratti bobba’an warra kanaan dura amala gaarii hinqabnetu karaa qaama nageenyaa hubannoon kennameefi gurmaa’anii hojjetaa jiru. Ijoolleen kunniin ammaan tana hojii irratti bobba’an cinaatti hannillee akka hinraawwatamneef ni eegu. Lammaffaa meeshaa namaa qabatanii galchuuf galii argatu. Kanaan waa nyaatanii buluu danda’aniiru. Kun carraa buufanni kun fidee dhufeedha.
Bariisaa: Iddoowwan tokko tokkotti meeshaadhuma xiqqoof kaffaltii humnaa olii gaafachuun waan mul’atuuf kanaan walqabatee hojmaanni diriire jiraa?
Obbo Mahaammad: Komiin akkanaa jira. Ijoollee meeshaa alaa galchaniin walqabatee. Duraan meeshaadhuma xiqqoo wayii konkolaataarra kaa’anii qarshii 200, 300 gaafataa turan. Warri akkana godhan uffata danbii kan warra waldaan ijaaramanii fakkaatu uffatanii seenaa turan. Isaan ammaan tana araarama tokko malee mooraa buufatichaa keessaa haxoofnee baafneerra.
Ijoollee akkas gochaa turanis mariisisnee gatii madaalawaa hawaasaan waliigalaniiniifi komii kaasisuu hindandeenye qofa fudhachuu akka qaban taasisneerra. To’attoonni keenyas jiru. Hammam akka kaffalchiisan madaalii ilaalu, ni hordofu. Hordoffii cimaatu jira jechuudha.
Warra duraan dhiibbaa guddaa qaqqabsiisaa turaniif hubannoo kenninee duukaa bu’aa jirra. Isa qofa otoo hintaane gaafa imalaan meeshaa konkolaataarratti fe’atu, konkolaataan oggaa karaa deemu akka barbaade nama hinrakkisu. Duraan tilmaama meeshaaleetiin ijoollee irranatti jenne qofa otoo warrumti konkolaachisaarra hojjetaniyyuu nama rakkisaa turan.
Innis akka sirratuufi gatiin hawaasaan irratti waliigalame qofti akka kaffalamu taasifameera. Qajeelfamni meeshaa hanga kiiloo giraama 25f akka hinkaffalamne jedhus jira. Kanaan walqabatee dhimmoonni mootummaadhaan ilaalamaa jiranis jiru. Kunis furmaata dhumaa kennuu danda’a jennee yaadna. Ammaaf garuu hordoffii keenya cimsinee hojjetaa jirra.
Bariisaa: Hojmaanni komiin ittidhiyaatu jiraa?
Obbo Mahaammad: Eeyyee, haalli komiin ittidhiyaatu jira. Komiin dhiyaate dafee furmaata akka argatus taasisaa jirra. Miinii miidiyaa mooraa keessaa qabnutti fayyadamnee ibsiifi hubannoon ni kennama. Kanaan ala to’attoonni keenyas haalota jiran xiyyeeffannoon hordofu.
Ana dabalatee yaada imalaa yeroo yeroodhaan konkolaataa keessa seennee fudhanna, haala jiru dhiyeenyaan hordofna. Komii qabanis addaan baasnee furmaata hatattamaa kennaa deemna. Tiraafikoonnis konkolaataa keessa seenanii haala jirurratti imaltoota nidubbisu. Komiifi yaada fudhannerratti deebinee hojjenna.
Bariisaa: Magaalota birootti buufataan ala dhokatanii fe’uun, konkolaataa dhoksanii erga aduun dhiitee gatii dabalanii fe’uufaan nimul’ataatii kun isin biratti maal fakkaata, akkamittis to’ataa jirtu?
Obbo Mahaammad: Badhee (dirree) irratti dhoksaan fe’uun tureera. Rakkoo kana furuuf konkolaataa hurufarratti barbaaddee to’achuun ni ulfaata. Garuu sistamii kana to’atu qabna. Sistamichi konkolaataa guyyaa tokkoofillee sararaa ala ta’e ni to’ata.
Konkolaataan sararasaarraa ala ta’e himatamee adabama, sararicharraa haqamee akka lammata sararicharratti bobbii hinfudhanne taasifama. Gaafa bobbii hinfudhanne kan tikeetii argachuu hindanda’u. Kanaaf karaa kanaan to’anneerra. Yeroo darbe konkolaattonni 16 sarararraa akka haqaman taasisneerra.
Konkolaattonni tokko tokko sababa qabaachuu danda’a. Hunduu waliin dhaha jechuun hindanda’amu. Kan dhugaatti garaajii gAlche jiraachuu mala. Kun tooftaalee adda addaatti fayyadamuun gadifageenyaan qulqulleeffanna. Nagayee vaatiifaa garajiirraa gaafannee qulqulleeffanna. Gatii dhibbantaadhaan mootummaaf galuu qabus ka’umsa godhachuun ni qulqulleeffanna.
Kana to’achuuf hojmaanni qindoominaas waan barbaachisuuf kanarratti xiyyeeffannaan hojjechaa jirra. Konkolaataan tokko yoo dabareen isa hingeenye bakka biraa turuu danda’a. Kanaaf konkolaataan kun eessa akka jiru sektaroota keenya magaalota kaanitti argaman wajjin walii bilbillee odeeffannoo walii dabarsina.
Ka’umsasaarraa gaafa achii dhufu ragaa bahumsaa qabatee dhufu qaba jechuudha. Konkolaattonni 16 eerre kunniin ragaa asii ittiin bahu, darbuufi sanada waldaaleerraa kennamuuf walbira qabnee ilaallee qulqulleeffanneetti gara tarkaanfiitti seenna. Sanadoota sadan kanneen hinqabanne taanaan konkolaatichi hannarratti bobba’eera jechuudha. Kanaaf adabamee akka irraa baratu taasifama. Adabbii qofa otoo hintaane abbootii qabeenyaas waamnee haala jiru ittihimnee mariisisna; gorsis ni kennama. .
Bariisaa: Jijjiiramni gama kenna tajaajilaatiin jiru maal fakkaata?
Obbo Mahaammad: Gama kenna tajaajilaatiin jijjiirama guddaatu jira. Fedhiin namootaa fayyadama konkolaataarratti adda adda. Namoonni konkolaattota guguddaarra xixiqqaadhaan imaluu barbaadan jiru. Fedhii kana ammoo daangessuu hindandeessu. Kanaaf gaafa bobbiin kennamu konkolaattota xixiqqoofi guguddoof walkeessa kennama. Kan barbaade isa guddaadhaan, kaan ammoo xiqqaadhaan akkuma fedhiisaatti imala jechuudha.
Gaafa kun akkana ta’u namni waan alaa barbaaduuf hinargatu jechuudha. Bobbii magaalota tokko tokkoo nu rakkisan hambisneerra. Fakkeenyaaf Bishooftuutti nama hingeejibsiisnu. Garuu konkolaataan achii dhufu jira. Kanaaf bobbii konkolaataa Bishooftuurratti jiddugaleessiifi xixiqqaa kan walmadaale ta’uu qaba.
Tokko yoo dhorgite namni kan alaa sana barbaada. Yoo fedhii xiqqaan jiraate inni tilmaama keessa galfamee konkolaataa muraasni bobbii keessa galuu qaba. Haala jiru ilaalaa jijijjiruun ni danda’ama jechuudha. Kanaaf fedhii konkolaataa mooraan ala fe’u guutummaatti dhaabneerra jechuu baannus baay’inaan gadi buusneerra.
Gaafa nuti asii cimsinee qabne konkolaataan bakka biraatii dhufan otoo as hinseeniin alumatti deebi’uun jira. Kana ittisuuf to’annoo daandiirraa cimsuu barbaachisa. Kanas itttideemaa jirra. Ta’us akkuman irranatti jedhe fooyya’iinsa guddaatu jira.
Bariisaa: Hanni taariifaan walqabatee mudachaa ture sirrateeraa?
Obbo Mahaammad: Hanni taariifaan walqabatus mudachaa tureera. Akka federaalaatti daballiin taariifaa taasifame salphaa miti. Namnis hubannoo qabaatee daballiin mootummaan taasise gahaa waan ta’eef kan biraa dabaluu hindirqamu. Jarris gaafachuuf ni rakkatu. Yoo xiqqaate qarshii kiiloo meetira tokkotti qarshii tokkoofi saantima 86tu dabalame. Duraan mana saantimaatiin dabalamaa ture. Kan ammaa olaanaadha. Kunis akka konkolaataan hinhanneef karaa itticufeera.
Bariisaa: Gatii taariifaa sirreeffamerratti duubdeebiin abbootii qabeenyaa maal fakkaata?
Obbo Mahaammad: Taariifama sirreeffame ilaalchisee ittiquufiinsi abbootii qabeenyaa bira jiru baay’ee gaariidha. Namni humnaa olitti waa barbaaduun amaluma namaa ta’ee haa jiraatu malee waan gaariitu ta’e. Daballiin akkanaa kanaan dura hinbaratamne. Abbootiin qabeenyaa fageenya walfakkaataaf waanti naannoo biraafi nu bira jiru garaagarummaa qaba jechuun komii kaasaa turan.
Amma oggaa gara federaalaatti dhufu ammoo komiin kun akka hiikamu ta’eera. Maaliif taariifni naannolee jidduutti adda addummaa qabaata kan jedhu ka’aa ture. Amma furameera. Ol ka’ees waan dhufeef jarri gammachuu irraa qabu. Asirratti oggaa komii abbootii qabeenyaa hiikuuf deemamu
hawaasni kaffaltiitu walfaana nutti dabalame jedhee komataa turus mariidhaan akka sirratu taasisneerra. Garuu kan duraan seeraan ala nama kaffalchiisaa turan wajjin walbira qabamee oggaa ilaalamu rakkoon sun hiikameera jechuun nidanda’ama.
Bariisaa: Imaltoonni gama mirga ofii kabachiifachuutiin sadarkaa akkamiirra jiru? Tooftaan hawaasni eeruu ykn komiisaa isinitti ykn qaama dhimmi ilaallatu birootti ittiin ibsatu jiraa?
Obbo Mahaammad: Imalaan mirgasaa kabachiifachuun walqabatee hubannoo uumuurratti hojii bal’aa hojjetaa jirra. Akkuma buufata kanatti galleen abbootii qabeenyaa konkolaataafi konkolaachisaarraa hubannoo uumuu jalqabne. Akka Naannoo keenyaatti namni yeroo gara buufataa deemu waan gocha seeraan ala barateef kanaan walqabatee Amboofaa qormaanni tureera.
Nu biratti garuu muuxannoon sunis waan tureef tarkaanfiin mootummaan fudhates waan jiruuf dhimmi kun karaa kanaan yoo deeme waan isin hinbaasneef olaantummaan seeraa kabajamuu qaba, ummataa tajaajilli kennamu qaba, qabeenyi ammoo kan ummataati waan jedhurratti bal’inaan mari’anne.
Yoo xiqqaate otoo buufata hinseenne naannawa ji’a sadii haga afuriitti marii keessa turre. Erga abbootii qabeenyaafi konkolaachistoota hubachiisnee booda gaafa buuatatti gallu ammoo hawaasaaf hubannoo kennuurratti xiyyeeffanne. Taariifni mootummaan baase ragaadhaan isinii kennameera. Kanaan olitti walitti dabaluu hinqabdan. Yoo rakkoon jiraate otoo taariifa hindabaliin mootummaan fala waan kennuuf karaa naannaatiin maallaqa dabalchiisuun akka hindanda’amne qabsiisaa turre.
Utuma akkas goonuu gaaf tokko hanqinni konkolaataa nu mudannaan konkolaataan geessee duwwaa waan deebi’uuf naannawa Kofaleefi Adaabbaatti ummanni darbaa hinkaffallu jedhe. Sistamiin ala maallaqa kaffallu hinqabnu ejjennoo jedhus qabate ummanni.
Gaafa kana kaafnuuf ummanni hanga kana deeme falmachuuf. Waan tikeetiirra jiruun ala hindaballu jedhe imalaan. Oggaa konkolaataan dhokatee buufataan alatti fe’us ummanni bal’inaan saaxila. Duraan garuu sodaa tureera. Konkolaataan karaarratti nu gataa, sakatta’iinsaa daandiirratti gaggeeffamuun walqabatees ykn karaa guutuu ta’een sakatta’uun walqabatee, to’attoota bira waan hanqinni jiruuf yoo dubbannes falli nuu hinkennamu yaada jedhu ummanni akka sodaatti kaasaa ture.
Booda gaafa ummatatti dhiyaannee dubbisnu, mariisisnu namni dhaabatee mirgasaatiif dubbataa ture, waan mootummaan jiruuf. Kanarraa ka’amee konkolaataan yoo hanqina qabaatellee konkolaataa sararasaaniif kenname eeggachuun, taariifa qofaan yaabbachuun baratameera. Hubannoo cimaan jira. Jalqabarratti konkolaachisaan tikeetii imalaa sassaabee maallaqa ittiin fudhachaa ture.
Tikeeticha fakkeessanii deemanii imalaarraa funaannatanii nama biraa ittiin fe’uutu ture. Isa qofa miti. Tikeetii kaardii mobaayilii ‘tikeetiidha’ jedhanii nama hubannoo hinqabneef kennamaa ture. Qormaata hedduutu ture. Kanarratti naannoo wajjin dubbannee akka imalaarraa tikeetii fuudhuu hindandeenye, akka imalaan harkatti qabatu goone.
Tokko nagayeesaati. Lammaffaa tikeetiin meeshaa konkolaataa keessatti dagatame deebisiifachuufis ni gargaara. Namni hundi muuxannoo qabaatee konkolaataa hinqabatu, calluma jedhee yaabbata. Harki 90 ol kana quba hinqabu. Bifa konkolaataa ittiin deeme yoo ta’e malee gabateesaa hinbeeku. Kanaaf namni tikeetii ittikaffale deebisuu akka hinqabne ummata hubachiisne. Tikeetii imalaa harkatti hambisne. Tikeetiin ala bahus ni hafe jechuudha.
Yoo meeshaa konkolaataa keessatti dagatee bu’ellee odeeffannoo tikeetiisaarra jiruun hordofneefii haallitti deebsineef jira. Kanaaf ummanni mirgasaa eegsisuurratti jijjiirama guddaatu jira. Namoonni bilbila tolaatiin komiisaanii ibsatan jiru. Nu birattis bakka hawaasni sirriitti argutti taariifa maxxansineerra. Bilbilli komiin ittiin dhiyaatus achumatti wajjin maxxanfameera.
Bariisaa: Ejensiin keessan hojii guddaa hojjechaa jiraachuu waanti mul’atus jira, isinis nuu ibsitaniittu. Kanarratti harki hojjettoota ykn to’attoota geejibaa keessanii hammam qulqulluudha, hammam of kennanii tajaajila dhugaafi haqaqabeessa kennaa jiru?
Obbo Mahaammad: Rakkoon naamusaan walqabatu jira. Kana sirreessuuf akka naannoo keenyaatti to’attoota tiraafikii, poolisii, warra geejibaatiif maarsaalee lamaan amala hojiitiin walqabatee Adaamaafi Bulbulaatti leenjiin guyyoota 12f akka kennamu taasifameera.
Kana malees to’attoota daandiirraa kaasuu, paadii ittiin to’atan irraa fudhachuun mudachaa tureera. Fakkeenyaaf buufataalee keenya lamaan keessatti to’attoota hundarraa paadiin akka fuudhamu taasisneerra. Warri to’atamanillee jiru. Walumaagalatti jijjiiramni hammi tokko jira. Amala amma jiruun yeroo gabaabaatti waa hunda xumurree keessaa baana jechuu hindandeenyu.
Waanti akka durii sana ijaa baase garuu hinmul’atu. Hanqinicha furuuf qaamolee dhimmi ilaallatu wajjin irratti hojjechaa jirra. Dhimmichi namni ofirratti qabsaa’uu kan gaafatuudha. Ilaalchi, yoo hawaasni jiraate maallaqa arganna jedhu cimuu qaba.
Har’a namoonni baay’een hojii dhabanii daandiirra dhaabachaa oolu. Kanaaf hojjetaan kamuu nama argatee keessummeessuu akka dalagaa tokkootti ilaaluu qaba. sektarri tokko tokko maamila hinqabu. Hojjetaan taa’etuma oola. Asitti ammoo namni si bira dhufe sirriitti tajaajilamee deemuun gammachuu guddaadha.
Kanaaf karaa kanaan yaadamuu qaba. Kanaafis bal’inaan irratti waliin mari’ataa jirra. Hojiin as keessatti hojjetamu dabareedhaani. Ganama sa’aatii 11:30 irraa kaasee hanga 6:00tti dabaree tokko, abbaan dabaree waaree booda galee hojjetus jira.
Geejibaa daandiitiin walqabatee waan to’annoo cimsineef baajaajiidhaan fuudhanii gara biraa geessanii fe’uufaan ni jira. Konkolaachisaan bakka tiraafikiin hinjirretti nama dabalatee fe’ee oggaa bakka tiraafikiin jirutti siqu baajaajii wayiitiin fe’ee dabarsuun jira.
Kanaafi kkf paatirooliidhaan ittideemuuf hojjetaa jirra. Waanti damee geejibaa keessa jiru hudhaa guddaadha. Damichatti fedhiitu baay’ata. Kanaaf hawaasa of cinaa hiriiraa, haala ilaalaa sirreessaa deemuu gaafata. Rakkoon eessa akka jiru ummanni har’a ifatti kaasa. Haala amma qabne kanaan cimsinee yoo ittideemne jijjiirama guddaa galmeessisuu dandeenya.
Keessumaa otoo godinaaleefi godinaaleen, magaalonniifi magaalonni, magaalonniifi godinaaleetti hojmaanni jiru gara tokkotti dhufee sirrachuu ni danda’a. Namni amala bakka biraa jiru as fiduu barbaada. Waan cimsinee hojjennee qabneef keessan maaltu adda taasise jedhanii kanneen bifa komiitiin kaasaniifi balaaleffatan jiru.
Waan hatuun hindanda’amneef akka barbaadan seenanii bahuun hindanda’amu. Kanaaf hojmaanniifi haalli to’annoo jiru iddoowwan hundatti walfakkaachuu qaba. Kana marii sadarkaa naannootti qabnurrattis kaasaa turreerra. Fooyya’iinsi jira jechuu barbaadeeni.
Bariisaa: Seektarri geejibaa qindoomina waan barbaaduuf hariiroon isin magaalotaafi godinaalee darbees naannolee ollaa waliin qabdan maal fakkaata? iddoowwan tokko tokkotti ammallee maanuwaaliidhaan hojjetamaa jiraatii kanarratti maal jettu?
Obbo Mahaammad: Maanuwaaliidhaan walqabatee hojmaaticha gara dijitaalaatti fiduuf jalqaba Oromiyaa keessaa nu biratti eegalame. Magaalaa keenyarraa gara Godina Arsii Lixaatti darbe. Muuxannoo gaarii kana Oromiyaa guutuu waliin gahuuf ittideemamaa jira. Hojiin kun erga jalqabamee yeroo gabaabaa ta’us keessumaa bara 2016 keessa baay’ee ittideemame.
Waxabajjii 27 bara 2015 booda jalqabame. Hojiin kun kutannoo hoggansaa barbaada. Fedhiifi qindoominnis akkasuma daran murteessaadha. Maallaqa sassaabuu qofa otoo hintaane ilaalchi, gaafa ummanni jiraatu anis jiraadha jedhu sammuu namaa keessatti uumamuu qaba. Qabeenyi keenya guddaan hawaasa ta’uun sirnaan hubatamuu qaba. Gaafa hawaasni hinjirre konkolaataas ta’e hojjetaan akka gatiin hinqabne hubatamuu qaba.
Haalli qidoominaa gaariitu jira. Fakkeenyaaf daandiin Roobee rakkoo qabaatus hoggansa magaalattii wajjin qindoominaan hojjetaa jirra. Rakkoon mudannaan hoggansi akkuma sanaan nuu bilbila. Walqabsiisnees furra. Rakkoo uumame furuuf tarkaanfii qindaa’aa fudhanna jechuudha.
Godina Arsii Lixaa wajjin bakkuma tokko waan jirruufis qindoomina gaarii qabna. Warra Bishooftuufi Adaamaa qaamaanis deemee dubbisee haala qindoominaan hojjechuu dandeenyurratti ilaalaa jirra. Qindoominni kilaastaraa taasifamee cimuu qaba. Kanarratti hoggansa olaanaa wajjin mari’achaa jirra.
Bariisaa: Waanti akka hudhaatti kaaftaniifi qaama dhimmi ilaallatuun furamuu qaba jettan yoo jiraate?
Obbo Mahaammad: Hudhaa jennee kan ilaallu, kenni tajaajila as jiruufi iddoo biraa jiru walfakkaachuu qaba. Nuti asii tikeetii murree bobbaasna, iddoon biraa kana hingodhu taanaan taariifa kabachiisuurratti rakkoo waan uumuuf hojmaatichi bakkawwan hundatti walfakkaachuu qaba. Tajaajila geejibaa si’eessuuf fakkeenyaaf Adaamaarraa kaasee Oromiyaa kibbaa kilaastaraan walitti hidhuun barbaachisaa waan ta’eef kanarratti haaluma eegalameen caasicha diriirsuurrarratti hojjetamuu qaba.
Waa’een daandiifi isaan walqabatus xiyyeeffannaa argachuu qaba. Fakkeenyaaf karaa Siraaroofi Qoree bakka qabeenyi daran irratti manca’uufi horoomaa ba’u waan ta’eef otoo qaama dhimmi ilaallatuun furmaanni kennameefii gaariidha.
Charinnat Hundeessaatiin
BARIISAA SANBATAA Fulbaana 4 / 2017