“Mucaan koo magaalaatti waan guddateef Afaan Oromoo hinbeeku jechuun safuu ta’uu qaba” – Obbo Leeniin Quuxoo Hamdoo

Obbo Leeniin Quuxoo Hamdoo, Yunivarsitii Naannoo Oromiyaatti Qorataafi Gorsaa akkasumas Daariktara Inistiitiyuutii Qorannoo Misooma Afaan, Aadaafi Aartii Oromooti. Gaafdeebii hayyuu kana waliin dhiyeenya kana dhimmoota afaan, aadaafi duudhaa Oromoorratti taasifne akka armaan gadiitti dhiyeessineera.

Inistiitiyuutiin Qorannoo Misooma Afaan, Aadaafi Aartii Oromoo erga hundaa’ee waggaa shanii ta’aa jira. Yunivarsitiin Naannoo Oromiyaa akkuma maqaasaa dhimma Oromoofi Oromummaarratti hojjechuu qaba jechuudhaan yunivarsiitichatti Inistiitiyuutii Qorannoo Misooma Afaan, Aadaafi Aartii Oromoo hundeessine. Anis hundeessitoota inistiitiyuutichaa keessaa nama tokko.

Inistiitiyuutichi hundeeffamasaarraa kaasee dhimma Oromoofi Oromummaarratti hojiilee guguddoo raawwachaa jira. Inistiitiyuutichi jalqaba yeroo Damee Baatuu jala ture Muummee waa’ee Oromoofi Oromummaa barsiisu (Muummee Fookiloorii Afaan Oromoo) bocee sagantaa barnoota idilee, torbaniifi galgalaatiin barsiisuu jalqabe.

Muummeen Fookiloorii Afaan Oromoo kun bara 2012 irraa kaasee barattoota sagantaalee gara garaatiin simatee barsiisaa jira. Koorsiin lama akka koorsii waloo (Common Course) ta’uuf kariikulamii bocnee koorsii ‘Sirna Gadaatiifi Koorsii Barreeffama Afaan Oromoo’ hundeessine.

Bara 2013 irraa kaasee Yunivarsitii Naannoo Oromiyaatti koorsiin Seensa Sirna Gadaa jedhamu barataan digrii jalqabaa baratu hundi akka baratu taasifne. Yunivarsitichatti barataan digirii tokkoffaa muummee ykn gosa barnootaa kamuu baratu koorsii Seensa Sirna Gadaa akka koorsii waloo ykn (Common Course)tti barata.

Inistiitiyuutichi bara 2012 keessa bakka barattoonni waan Oromoofi Oromummaa itti hojjetaniifi agarsiisan mijeessuuf Gumii Dagaagina Aadaafi Seenaa Oromoo (GDASO) yunivarsiitichatti akka hundaa’u ta’e. Gumichi yeroo ammaa miseensota 100 ol qaba. Gumichi barattoota muummee akkasumas hawaasa naannawaafi yunivarsitii waliin ta’uun sagantaalee gara garaa qopheessuudhaan meeshaalee aadaa Oromoo walittiqabanii gara muummichaa fiduudhaan agarsiisaaf dhiyeessaa jira.

Inistiitiyuutichi bara 2013 irraa kaasee caasaa haaraa hojjetameen gara damee Finfinnee dhufe. Inistiitiyuutichi damee qorannoofi leenjii waan ta’eef erga gara Finfinnee dhufee as qorannoo yeroon gaafatuufi rakkoo hawaasaa furuu danda’u fedhii keessaafi alaa dhufuun yoo xiqqaate waggaatti qorannoo tokko adeemsisuudhaan simpooziyeemii yunivarsiitichi waggaatti altokko qopheessurratti dhiyeessa. Bu’aa qorannichaas qaamolee dhimmichi ilaallatuufis ni dhiyeessa akkasumas artikiloota adda addaarrattis maxxansuudhaan qaamolee gara garaa bira akka ga’u ni taasisa. Qorannoon adeemsifamu galtee muujulii leenjiis ta’ee tajaajilaa jira.

Inistiitiyuutichi erga gara Finfinneetti dhufee as qorannoowwan torbaa ol hojjeteera. Kanneen keessaa tokko qorannoo ‘OBN’ waliin ta’uun mataduree ‘Ilaalchaafi ittiquufiinsa hawaasni OBN’f qabu jedhu adeemsisuudhaan ‘OBN’ akka keessatti of ilaalu taasiseera.

Qorannoowwan hafan ammoo matadureewwan Jiloota Aadaa, Duudhaafi ammayyummaan akkamitti waliin deemu, gahee manni murtii aadaa tajaajila haqaa fooyyessuu keessatti qabuufi hojiirra oolmaansaa maal akka fakkaatu, hiikaan (translation) afaan biraarraa gara Afaan Oromootti taasifamu saayinsii hiikaa eegee adeemsifamaa jiraachuufi dhiisuu, uffataafi faayaa aadaa, magaalummaafi Oromummaan Magaalaa Baatuutti maal akka fakkaatuufi gahee jiloonni aadaa nagaa faarsuu keessatti qaban kanneen jedhanirratti xiyyeeffatu. Bu’aawwan qorannoowwan kunneenii simpooziyeemii yunivarsitiin qopheessurratti dhiyeessuufi maxxansuun qaamolee dhimmichi ilaallatu bira akka gahan ta’eera. Isaan kaan ammoo muujulii leenjiif itti gargaaramaa jirra.

Inistiitiyuutichi qorannoo adeemsisuu qofa utuu hintaane qaamolee dhimmi ilaallatuuf (Biiroo Aadaafi Turuzimii Oromiyaa, Giddugala Aadaa Oromoofi Inistiitiyuutii Qo’annoofi Qorannoo Oromoofi waajjiraalee isaan jala jiran sadarkaa sadarkaan jiraniif) leenjiiwwan gara garaa kennaa jira.

Fedhii alaa dhufuunis leenjiin nuti kenninu jira. Inistiitiyuutichi bara bajataa darbe leenjiiwwan gara garaa bal’inaan kenneera. Fakkeenyaaf leenjiin Komishinii Naamusaafi Farra Malaamaltummaa Oromiyaa waliin ta’uun kennine kan daran itti milkoofneefi fudhatama guddaa argate ture. Leenjichi mata duree “Gahee duudhaaleen aadaa malaamaltummaa ittisuu keessatti qaban” kan kenname yoo ta’u, barreeffamni leenjicharratti dhiyaates gara muujuliitti guddatee maxxanfamee hanga gandaatti akka gad bu’u ta’eera.

Inistiitiyuutichi jalqaba yeroo wixineen leenjii kan kenne yoo ta’u, bara bajataa kanatti ammoo namoota 500 leenjisuuf karoorfatee hojiitti seeneera.

Inistiitiyuutichi manneen hojii isa fakkaatanirratti fedhii keessaafi alaa dhufurratti hundaa’uun qorannoo ni adeemsisa, leenjiis ni kenna. Manneen hojii gara garaa irrattis sakatta’iinsa adeemsisuun rakkoo manni hojichaa qabu itti himuun gorsa barbaachisu kennaafii jira. Hojii kana Komiishinii Turizimii Oromiyaa, Biiroo Aadaafi Turizimii Oromiyaafi Inistiitiyuutii Qo’annoofi Qorannoo Oromoorratti hojjenneera. Leenjiin kennamu irrajireessaan hawaasni gara aadaafi duudhaa ganamaatti akka deebi’u taasisuurratti xiyyeeffata.

Instiitiyuutiin keenya aadaafi duudhaa Oromoo ganamaa deebisuurratti xiyyeeffatee hojjechaa jira. Sochii mootummaan Naannoo Oromiyaa aadaafi duudhaa Oromoo ganamaa deebisuuf taasisaa jirus bareeda. Aadaafi duudhaa Oromoo ganamaatti haadeebinuun afaan qofaan waan hinmilkoofneef mootummaan naannichaa dhimmi kun labsiidhaan deeggaramee akka hojiirra oolu taasisaa jira.

Inistiitiyuutiin keenya aadaafi duudhaan Oromoo ganamaa nageenya waaraa buusuu keessatti gahee olaanaa waan qabuuf Ministeera Nageenyaafi Ministeera Aadaafi Ispoortii waliin dhimma nageenya biyyaalessaarratti hojjechaa jira. Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaas ta’e Ministirri Muummee Itoophiyaa Doktar Abiyyi Ahmadis aadaafi duudhaa ganamaa deebisuurratti ejjennoo cimaan irratti hojjechaa jiru. Kun akka hawaasni aadaafi duudhaasaa ganamaatti deebi’u taasisuu keessatti gahee olaanaa qaba.

Aadaafi duudhaa keenya ganamaatti utuu deebinee rakkoolee qabnu hundumaa furachuu dandeenya. Hojii aadaafi duudhaa keenya ganamaatti deebi’uuf raawwatamaa jiruun jijjiiramni ajaa’ibaa mul’achaa jira. Manni murtii aadaa hundaa’es mana murtii idilee caalaatti ummata tajaajilaa jira.

Manni murtii aadaa dubbii waggoota dheeraaf lafarra harkifateefi ragaan itti dhabamee furmaata dhabeef furmaata kennaa jira. Manni murtii idilee ragaarratti hundaa’uun murteessa. Manni murtii aadaa garuu dhugaafi haqa baasuurratti xiyyeeffatee hojjeta waan ta’eef hawaasa bal’aa biratti fudhatama guddaa qaba.

Daangaan mana murtii aadaafi mana murtii idilee gidduu jiru garuu sirriitti beekamuu qaba. Rakkoo har’a abbootii Gadaarratti arginu kun kan dhufe mootummaan waan harka keessa galfateefi. Fakkeenyaaf Abbaa Gadaa Aanaa, Abbaa Gadaa Gamtaa, Abbaa Gadaa Magaalaa, Abbaa Gadaa Godinaa waanti jedhamu Aadaa Oromoo keessa hinjiru. Akka aadaa Oromootti Abbaa Gadaa Sikkoo Mandoo tokkotu jira. Abbaa Gadaa Maccaafi Tuulamaa tokkotu jira.

Abbootiin Gadaa sadarkaa gandaa, aanaa, magaalaafi godinaatti jiran hojii mootummaa fakkaatu hojjetu. Kun ammoo dhugaafi haqarratti hundaa’uu dhabamsiisa. Kanaafuu dhaabbilee mootummaan aadaafi duudhaa Oromoo ganamaarratti hundaa’uun labsiidhaan deeggaree hundeesse kanneen akka mana murtii aadaa, buusaa gonofaa, gaachana sirnaa, tajaajilli lammummaa asilummaa ykn aadummaasaa akka gad hinlakkifneef dura sirriitti qorachuun barbaachisaadha.

Aadaan Oromoo ni tuttuqame malee ammayyuu sirriitti hiqoratamne. Mootummoota darban keessa aadaafi duudhaa Oromoo balleessuuf baajati ramadamee irratti hojjetamaafi irratti duulamaa ture. Yeroo ammaa ammoo aadaafi duudhaa Oromoo laafeefi bade ture qoratamaa jira.

Qorannoon taasifameefi taasifamaa jiru garuu rakkoolee adda addaa qaba. Qorannoowwan tokko tokko irra keessa waan adeemsifamaniif dhugummaa aadichaa sirriitti hinibsan. Qorattoonni tokko tokko ammoo akkaataa ofii barbaadanitti qorachaa jiru. Isaan kaan ammoo digrii lammaffaafi sadaffaaf ittiin eebbifamuuf jecha akka isaaniif tolutti qorachaa jiru.

Inistiitiyuutiin Qorannoo Misooma Afaan, Aadaafi Aartii Oromoo bara 2012 keessa hundaa’us aadaan Oromoo sirriitti qorachuu kan jalqabe reefuudha. Aadaan Oromoo hayyoota gara garaan sirriitti qoratamee labsii qofa utuu hintaane imaammata mootummaa akka ta’uuf sirriitti qorachuufi irratti hojjechuun barbaachisaadha. Waa’een Gadaa Oromoos sirriitti qoratamee akkaataa sabootaafi sablammootaaf ta’uun Heera biyyattiitti dabalamuu qaba.

Aadaan sabootaafi sablammoota biyyattii biroos sirriitti qoratanii heeraafi seera biyyattiitti dabaluun barbaachisaadha. Manni murtii aadaa kanaaf fakkeenya gaariidha ta’a. Kanaafuu mootummaan aadaa sabootaafi sablammoota biyyattii hayyoota qorachiisee heeraafi seeratti dabaluu qaba.

Heerri biyyattin ittiin bultu hedduunsaa biyyoota Ingiliziifi Faransaayiirraa waraabame. Sirna Gadaa keessaa heerri waraabamuu danda’a. Aadaafi duudhaa Oromoo akkaataa nama yeroo ammaaf ta’utti sirriitti qoratanii yoo ittiin jiraachisan biyya kanaaf furmaata ta’a. Adaafi duudhaan Oromoo gama nageenyaa, hawaasummaa, dinagdee, qabeenya naannawaa eeguufi kunuunsuutiin jiru biyya kanaaf qoricha ta’a.

Hundumtuu waan gochuu danda’u haa godhu. Hayyuunis qorannoo barbaachisu adeemsisuu qaba. Mootummaanis garaa bal’atee hayyoota kana waliin hojjechuu qaba. Ilmoo keenya aadaafi duudhaa keenya barsiifnee itti guddisuu qabna. Magaalummaan kan Afaan, aadaa, duudhaa Oromoo dhiibu ta’uu hinqabu. Mucaan koo magaalaatti waan guddateef Afaan Oromoo hinbeeku jechuun safuu ta’uu qaba. Aadaa, duudhaafi afaan keenyaan jiraachuufi ilmoo keenya itti guddisuu qabna.

Inistiitiyuutii Qorannoo Misooma Afaan, Aadaafi Aartii Oromoo hanqina humna namaa qaba. Hanqina humna namaa utuu qabuu fedhii jiru guutuun rakkisaadha. Inistiitiyuutichi hanqina humna namaa jiru furuuf barsiisota Yunivarsitii Naannoo Oromiyaa damee Baatuutti akkasumas namoota leenjisuudhaan itti gargaaramaa jira.

Inistiitiyuutichi gamoo mataasaa waan hinqabneef (mana kiraa keessa) waan jiruuf bakki hojii daran mijataa miti. Hanqinaalee humna namaa, bajataa, lojistiksii inistiitiyuutichi qabu utuu guutamanii hojii qorannoofi leenjii amma kennaa jiru caalaa hojjechuu danda’a jedhu Daariktarri Inistiitiyuutichaa Obbo Leeniin Quuxoo Haamdoo.

Natsaannat Taaddasaatiin

BARIISAA SANBATAA Fulbaana 4 Bara 2017

Recommended For You