Feestivaala Goobeefi Shinooyyee: Sirna aadaan bade akka deebi’u taasisaa jiru

Goobeen, ayyaana dhiirotaati. Ayyaana dargaggoonni dhiiraa gammachuu, abdiifi hawwii gaariin ifa Birraa ittiin simatanidha. Quufa Birraa, gammachuu bari’uu lafaati. Abdiifi haamilee magariisa waliin dargaggootaaf biqilee ifa habaaboo godhatuudha. Kan fedhe ilaallatee fuudhuuf yeroo itti onnatu. Yeroo dardarri bilisummaafi ofdanda’uusaa labsuudha.

Shinooyyeen immoo ammoo bilisummaa shamarraniiti. Ayyaana kanarratti shaamarran marga urgaa’aa qunnii buqqifachuun yeroo isaan gamtaan bilisummaan waliisaaniifi dargaggoota dhiiraa waliin sirbaniifi weeddisan, dhiichisan, qabdoo dhaabbataniidha.

Biyya mootummaan badhaadhina hawaasummaa mirkaneessuuf aadaafi duudhaan ummataa dagaagsuufi guddisuun badhaate ijaaruuf hojjechaa jiru keessatti Goobeefi Shinooyyeen safuufi simboosaanii eeggatanii akka kabajaman gochuun agarsiiftuu tokko.

Feestivaalli Goobeefi Shinooyyee marsaa 6ffaanis walta’iinsa Biiroo Aadaafi Turizimii Oromiyaafi Dhaabbata Boraatii Artii Piroomoshiniitiin Finfinnee Giddugala Aadaa Oromootti torban darbe eegalameera.

Saganticharratti haasaa kan taasisan Hoggantuun Biiroo Aadaafi Turizimii Oromiyaa Aadde Jamiilaa Simbiruu, ummanni Oromoo ummata safuu, aadaa, seenaa, duudhaafi saafeffannaa mataasaa qabu, seenaa qabu kana kan ofii qofa otoo hinta’iin addunyaafis gumaachaa kan jiru, keessattuu sirni Gadaa sirna bulchiinsa dimokiraasii addunyaan ittiin bulaa jirtuufis bu’uura kan gumaacheedha jedhan.

Ummanni Oromoo aadaasaa keessatti gaddaafi gammachuusaa, gootummaasaa, misoomasaa, tokkummaafi nageenyasaa aadaa ittiin beeksifatu, aadaa ummata wajjin jiraatu, kan obbolummaa, sirnoota jajjabaa, ummata qabuudha jechuun ibsaniiru.

Kanaaf aadaan kun gara fuulduraatti kana caalaa mul’atee, guddatee, dhalootaa dhalootatti akka darbuuf mootummaan Naannoo Oromiyaa cichoominaan hojjechuu ittifufa jedhaniiru.

Saganticharratti dargaggoonniifi shamarran magaalota Shaggar, Adaamaa, Bishooftuurraa babba’an kumaatamaan lakkaa’aman sirna kabaja Goobeefi Shinooyyee bifa miidhagaan eegalchiisaniiru.

Dargaggoota kunneen keessaa Dargaggoo Fayyeeraa Waaqtolaa Magaalaa Shaggarirraa dhufe. Jala bultii ayyaana Masqalaafi Irreechaaf qophii gahaa taasisanii kabaja Goobeefi Shinooyyeef Gidduugala Aadaatti argamuu dubbata.

Ayyaanni kun ayyaana milkii, seenaa qabeessa, aadaa bade deebisuufi ibsituu ummata Oromooti jedha.

Ayyaanichi sirnoota daddarbaa dhufaniin badee kan ture ta’uu kan yaadachiise Dargaggoo Fayyeeraan, waggoota shanii asitti sirni Goobeefi Shinooyyee, akkasumas Ayyaanni Irreechaa handhuura Oromiyaa, Finfinnee keessatti bifa ho’aadhaan kabajamuu eegaluunsaa Oromoo biratti injifannoo cimaafi yaadannoo guddaadha jedheera.

Aadaan Oromoo haala kanaan bareedee akka ittifufuufi dhaloota dhufu dhaalchisuuf, daa’imman olguddattoo aadaafi safuu ummatichaa hubachiisuun, dhugaa jiru barsiisuun gahee irraa eegamu akka bahatus eereera.

Ayyaanni Irreechaa dhufus haaluma kanaan bifa bareedaafi nageenyaan akka kabajamuuf ummatni Oromoo hundinuu gaheesaa akka bahatu waamicha dhiyeesseera.

Bulchiinsa Magaalaa Shaggar , Kutaa Magaalaa Sulultaa, Aanaa Tufaa Munaarraa kan dhufe Dargaggoo Gurmeessaa Dinqiisaa gamasaatiin, jala bultiin ayyaanotaa Goobeefi Shinooyyeen haala kanaan ho’ee arguusaatti daran gammaduusaafi mootummaa bilisummaa akkasii ummatichaaf gumaache galateeffateera.

Aadaa badetu deebi’e kan jedhu dargaggoon kun, ammas caalaatti bareedee akka ittifufuuf, diinni gidduu seenee akka hinbooressineef, nageenyi akka mirkanaa’uuf akka dargaggeessa tokkootti naannawaasaa eeguun gahee irraa eegamu akka bahatu ibseera.

Diinni keenya akkuma baay’ina keenyaa baay’ata, akka dargaggoo tokkootti diinota nu booressuuf, adda nu baasuuf, nageenyi akka hinjiranne taasisuuf karra keenya hinsaaqnu jedheera dargaggoo Gurmeessaan.

“Ayyaanni Irreechaa Hora Finfinneefi Hora Harsadeess nagaan kabajamee akka xumuramuuf dargaggoonni gurmoofnee karrawwan shaniin hojii cimaa hojjechaa jirra” jedhee, hawaasnis gahee irraa eegamu bahachuu akka qabu dhaameera.

Shamarree Siifan Taammiruu jiraattuu Magaalaa Finfinnee yoo taatu, sirni kabaja Goobeefi Shinooyyee baranaa kan baroota darbanirraa adda ta’uu dubbatti. Kunis daran ishee gammachiisuu eerti.

Keessumaa nu, warra Finfinnee keessa jiraannuuf aadaa ittiin boonnu, gammadnuufi bifa addaatiin kan ilaalludha jettee, kanaan dura aadaa Oromoo ibsachuu miti dubbachuufillee baay’ee shororkaa’aafi ittiin hacuucamaa turre jechuun yaadachiisti.

Amma garuu haala kanaan aadaa keenya ibsachuun keenya, aadaan bade nuu deebi’uun, haala kanaan uffata aadaatiin miidhagnee argamuun ummata Oromoof injifannoo guddaadha jetteetti.

Ayyaanni Irreechaas bifa bareedaadhaan akka kabajamuuf shamarran gamasaaniin qophiilee adda addaa kanneen akka uffata aadaafi nyaata aadaa qopheessuufi faayuuf hojjechaa akka jiran dubbatteetti.

Shamarreen biroo Biqiltuu Solomoon jedhamtu jiraattuu Magaalaa Finfinnee yoo taatu, ayyaanni Goobeefi Shinooyyee Finfinneetti kabajamuu erga eegalamee kun isa 6ffaa ta’uu dubbattee, waggaa waggaatti bifa adda ta’een fooyya’aafi bareedaa akka dhufe eerteetti.

Kanaan dura Finfinneetti aadaa kana kabajuu mitii uffata aadaallee uffachuuf mirga hinqabnu turre jettee kan yaadachiiste shamarreen tun, kun immoo anaafi ummata Oromoof gammachuu guddaadha jettetti.

Walumaagalatti, sirni Goobeefi Shinooyyee haala bara kanaan cimee ittifufnaan, keessumaa, Finfinnee keessatti waggaa waggaadhaan kabajuun akka sabaatti Oromoodhaaf faayidaa guddaa qaba. Kanaaf, Oromoon aadaa, afaaniifi eenyummaansaa akka guddatu barbaadu hundi dhimma kana cimsee deeggaruufi kunuunsu qabaan dhaamsa keenya.

Wayinisheet Kaasaatiin

 

BARIISAA SANBATAA Fulbaana 4 / 2017

Recommended For You