Ergaawwan guyyoota Qaam’ee keessaa

Waggoota muraasaa as biyya keenyatti ji’a 13ffaa Itoophiyaa ta’uun kan beekamtu Qaam’eef guyyootashii shanan /jahaniif moggaasni wayitaawaa adda addaa kennamuun kabajamaafi ergaawwan ciccimoon gara waantota darban yaadachiisaniifi kallattii egeree agarsiisuun galaa ta’an keessumaa karaa hoggansa biyyaafi seektaroota dhimmi ilaallatuun xiyyeeffannaan darbu. Nutis kan ergaawwan Ministira Muummee Abiyyi Ahmad (‘PhD’) akka ittaanutti dhiyeessineerra.

Guyyaa Ce’umsaa

As kan geenye wantoota hedduu ceeneeti. Albeen hinluqqifamne, eeboon hinmirmirfamne, kiyyoon hinkaa’amme, shirri hinxaxamne, boolli hinqotamne hinturre. Gargaarsa uumaatiin hundumaa ce’aa jirra.

Waraana, weerara koronaa, walittibu’insa, garee awaannisaa, bu’aa bayii Hidha Haaromsaa ceeneerra. Kanneen biroos ce’aa jirra. Nuti warra ce’udha. Kan nuceesisus kan hincabneedha. Gamatti hinhafnu. Gidduuttis hinkufnu. Injifannoodhaan akka ceenu shakkii tokkollee hinqabnu.

Guyyaa Riifoormii

Warraaqsi isa hamaas isa tolaas walumattiqabee nujalaa duguugeera. Dhaabbilee ce’an ijaaruu nu hindandeessifne. Kanaafi, kan riifoormii filanne. Madaallee, calallee, qorannee kan nuu tolu ni fudhanna; kan nuu hintolle ni dhiisna.

Yaadama kanaan milkaa’inoota guguddoo galmeessisaa jirra. Riifoormiiwwan siyaasaa, dinagdee, kan dameewwan nageenyaa, seeraa, qonnaa, barnootaa, siiviil sarviisii milkeessaa adeemaa jirra. Walta’iinsaan yoo hojjenne riifoormiin nuti hinmilkeessine, badhaadhinni bira hinga’amne hinjiraatu.

Guyyaa Birmadummaa

Birmadummaa keenya eegnee jiraachuun keenya nuboonsa. Birmadummaan daangaa biyyaa qofaasaa akka hindhaabanne garuu hubanneerra. Birmaddummaan gama hundaan ta’uu qaba.

Birmadummaawwan nyaataa, teknolojii, bajataa, biyyaa isa guddaa cimsanii kan dhaabaniidha. Dameewwan birmadummaa kanneen kabachiisuuf gootummaa akaakuu haaraa nubarbaachisa. Gootummaa biyyaalessummaa.

Gootummaan biyyaalessummaa bakka itti bobbaane hundattuu birmadummaa Itoophiyaa gama hundaa kabachiisuuf aarsaa yeroo, beekumsaa, kan maallaqaafi humnaas kaffaluudha. Biyyi ilmaansheetiin ijaaramti, eegamtis.

Guyyaa Daneessummaa

Itoophiyaan biyya saboota, afaanota, aadaawwan, amantaawwan, qaroominootaafi gootota hedduuti. Itoophiyaan daneettiidha. Hunduu kan nuyiin nuu kennaman, keenya. Hundayyuu ni kabajna; hundaanuu ni boonna.

Sabdaneessummaan keenya bifa keenya, tokkummaan keenyammoo waa’ee jiraachuu keenyaati. Kennaawwan danummaa kunneen biyya tokko, Itoophiyaatti kan argamaniidha. Kaayyoon keenya hawaasa siyaasaafi dinagdee tokkoo ijaaruudha. Galmi keenya badhaadhina Itoophiyaati. Tokkummaan keenya kana. Daneessota faffacaane miti; akaakuu walitti baqne tokkos miti. Nuti Itoophiyaanota tokkummaa sabdaneessa qabnuudha.

Guyyaa Egeree

Kaleessi dhumeera. Har’is xumuramaa jira. Bor garuu ammayyuu hintuqamne. Boritti fayyadamuuf garuu har’a hojjechuu qabna.

Hidhi Haaromsaa, pirojektonni Maaddiin Biyyaafiifi Maaddiin Dhalootaaf, daandiiwwaniifi hidhawwan, hojiileen ijaarsa dhaabbilee, Ashaaraa Magariisaafi Itoophiyaan Haa Oomishtu, Misoomni Kooriidariifi Maaddii Guutuun, Itoophiyaa Dijitaalofteefi sooruun manneen barnootaa, Mariin Biyyaalessaafi Haqni Ce’umsaafaan akka boru kan wayyu ta’uuf hojiilee hojjennuudha.

Dhaloonni egeree Itoophiyaa daran wayyitu akka dhaalu kan mirkanaa’edha. Boriif har’a waan hojjetaa jirruuf.

Jiruu Qananiitiin

BARIISAA SANBATAA Fulbaana 4 Bara 2017

Recommended For You