Barsiisota qorumsa ga’umsa ogummaa fudhatan 25000 keessaa kan darban muraasa” -Doktar Tolaa Bariisoo

Finfinnee: Rakkoo qulqullina barnootaaf hudhaa ta’an keessaa ga’umsi ogummaa akaakuu barnootaa barsiisan mo’achuu dhabuun isa tokko yoo ta’u, hudhicha bu’uurarraa furuuf tattaaffiiwwan garagaraa taasifamaa turuun niyaadatama.

Haaluma kanaan bara barnootaa 2016 keessa barsiisota akka Oromiyaatti qorumsa ga’umsa ogummaa fudhatan 25000 keessaa kan darban muraasa ta’uu Hoogganaan Biiroo Barnootaa Oromiyaa beeksisan.

Hoogganaan biirichaa Doktar Tolaa Bariisoo turtii addatti Kibxata darbe Gaazexaa Baariisaa waliin taasisaniin hanqinni ga’umsa ogummaa rakkoo qulqullina barnootaaf sababa ijoo ta’uu kaasaniiru.

Akka ibsasaaaniitti bara barnootaa 2016 keessa barsiisota digriifi dippiloomaa 25000 qormaata ga’umsa ogummaa kan fudhatan yoo ta’u, kanneen keessaa kan darban 9612 qofa.

Barsiisonni digrii qormaata ga’umsa ogummaa fudhatan 5592 yoo ta’an, qormaaaticha kan darban 1650 ykn dhibbantaa 27.5 jedhu. Sadarkaa barnootaa dippiloomaan qormaaticha kan fudhatan 19096 yoo ta’an, kan darban ammoo 7,962 ykn dhibbantaa 41.7 ta’uu eeraniiru.

Dhimmi cabiinsa barnootaa egeree dhalootaaf balaadha kan jedhan Doktar Tolaan, qormaanni ga’umsa ogummaa barsiisotaaf kennameefi firiin galmaa’e xiyyeeffannoon misooma barnootaaf kennamuu malu cimuu akka qabuuf agarsiistuu guddaa ta’uu eeraniiru.

Kufaatiin qormaata ga’umsa ogummaa barsiisotarratti galmaa’e akaakuu barnootaa Ingiliffaafi Herregarratti kan fuulleffatte akka ta’ellee kaasaniiru.

Yoo hudhaan hundeerraa furamuu baate dhaloota ga’umsa qabu horachuun waan hindanada’amneef warreen qormaata ga’umsaa darbuu dadhabaniif leenjiin ga’umsa ogummaa dandeettiinsaanii ittiijaaramu akka kennamuuf haalli mijataan uumamaa jiraachuus ibsaniiru.

Akka isaan jedhanitti giddugalli dagaagina Ogummaa magaalaa Adaamaatti kan hundaa’e yoo ta’u, barsiisota qorumsa ga’umsa ogummaa darbuu dadhabaniif leenjii ijaarsa dandeettii kennuun isaan cimsuuf hojiitti seenameera.

Giddugalichi yeroo ammaatti barsiisota kanneen simatee ijaarsa dandeettii ga’umsa ogummaa kennuu kan jalqabe yoo ta’u, kolleejjicha babal’isuun ga’umsa barsiisaa cimsuun dhimma murteessaa waan ta’eef si’aayinaan irratti hojjetamaa jira.

Qormaanni ga’umsa ogummaa fuuldurattis kennamaa kan deemu ta’uu ibsanii, kanneen qomaaticha darbuu dadhaban giddugala dagaagina ogummaatti leenjii gahaa akka fudhatan taasisuun warraaqsa misooma barnoota qulqullina qabuu milkeessuuf humna guutuun kan hojjetamu ta’uus ibsaniiru.

Hudhaan biraa damee barnootaa booddeetti harkisaa jiru daa’imman guddatoo sadarkaa gadiirraa kaasanii barnootaan ijaaraa deemuu dhabuu ta’uu kan kaasan Doktar Tolaan, yeroo ammaattis xiyyeeffannoo kennuufiin Barnoota Idileen Duraa (BID)rratti hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Oggaa daaw’annaaf gara manneen barnootaa tokko tokkootti baanu barataan kutaa 3ffaa keessa taa’ee barreessuufi dubbisuu akka hindandeenye qabatamaan argineerra jedhanii, kun barnoota idileen duraarratti xiyyeeffannoon akka kennamuuf agarsiistuu nuu ta’eera jechuun ibsaniiru.

Bu’uuruma kanaan barnoota idileen duraarratti haala mijeessitoota barbaachisoo ramadaa, baruufi barsiisuu si’eessuuf hojiitti seenamuu ibsanii, barsiisonnis hanga imaanaan kennameef dhaloota egeree qaruu ta’etti of kennanii hojjechuu akka qaban dhaamaniiru.

Akka naannootti hanqinni barsiisaa numudate naannawa kuma 24 yoo ta’u, hudhaa dabalataa qulqullina barnootaa ta’e kana bara barnootaa 2017 keessa furuuf tattaaffii taasifamaa tureen barsiisonni haaraa garagaraa simatamanii leenjii fudhatan ramadamanii hojii baruu barsiisuu ittifufu jedhaniiru.

Mootumman gamasaatiin waggoota afurii as manneen barnootaa addaafi bultii Addaa dabalataan misoomsuun barnoota qulqullina qabuu dhaloota saayinsiif teknolojiin of gahe horachuuf humna guutuun hojjetaa akka jiru ibsanii, lakkoofsa manneen barnootaa guddisuun barattoota adda duree simatanii barsiisuun ogummaawwan gara garaatiin gahoomsuuf hojiitti jiraachuus eeraniiru.

Bakkeewwan baruu barsiisuun walhingeenye, bakka dargaggoonniifi kutaaleen hawaasaa garagaraa dhiibbaa kanaandura tureen carraa barnootaa tokkollee hinarganne akka Shaggarfaarratti xiyyeeffannoo kennuun barnoota saffisaa dubbisuufi barreessuu dandeessisu akka argataniif haalli mijataan uumamaa jiraachuus kaasanaiiru.

Baruu barsiisuu bara 2017 karaa si’ataafi qulqullina qabu waliin gahuun harcaatii akka naannootti mudachuu malu maqsuuf sochii mootummaan taasisaa jiru cinatti hawaasni manneen barumsaafi abbootiin qabeenyaa hirmaannaa taasisuu akka qaban Doktar Tolaan dhaamaniiru.

Waasihun Takileetiin

BARIISAA SANBATAA Fulbaana 4 Bara 2017

Recommended For You