“Barnootaa; barnootaa ammas barnootaa kana ta’uu qaba kaayyoon Oromootaa” jedhe Artisti Alii Birraa, lammiin baratee mirgasaatiif falmu biyyasaaf wabii; jireenyasaaf abdii ta’uu mul’isuuf.
Barnoota qulqullina qabuufi sadarkaasaa eeggate biyyattiitti dhugoomsuuf tattaaffii cimaan taasifamaa jira. Oggaa waa’een barnootaa keessumaa kan Oromoo ka’u gumaacha qabsaa’ota/hayyootaa dagachuun hindanda’amu.
Bara dukkanaa sana keessatti barnoonni meeshaa qabsoo kamuu akka caalu kan hubatan dirreen hayyoonni durii qabsoofi iddoon jiran osoo isaan hin daangessiin sabni akka baratuuf hojjetaniiru; qabsaa’aniirus.
Hundaa’ol salphina hiyyummaafi boodatti hafummaan itti dhuferra aanuuf ammoo barnoonni meeshaa bakka bu’aa hinqabne ture. Barnoonni madda bilisummaa hundagaleessaa ta’uunis labsame; “Nama baratetu mirgasaa gaafata” jechuun.
Hoggansi jijjiiramaa har’as hojmanee barootaaf kuufame waliin waldhaansoorra jira. Cabni dinagdee, siyaasaafi yaadqalbii ummataa inni guddaan barnootaan kan dhufeefi waldhaansoo barnootaafi sirnasaarrattii taasifamuun kan guutamuufi suphamu ta’uu hubatamee hojjetamaa jira.
Gatiin barnoota qulqullina qabu babaldhisuuf taasifamu, dhaloota hedduu gara fuulduraatti dhufurraa hojmanee kan salphisu qofa osoo hintaane daran kan fayyaduudha.
Akka sabaatti egeree dhaloota sirressuufi murteessuun kan danda’amuu waan har’a hojjetamuu qabu raawwachuun waan ta’eef har’umarraa kaasee ittiseenamuu qaba.
Gama hirmaannaatiin ummanni of qusannaa tokko malee barnoota deeggaru baay’inaan waan jiruuf carraa kanatti sirnaan fayyadamuunis dhimma daran murteessaadha. Keessumaa Oromoon duudhaadhumasaatiin dhalasaa ofiin olitti waan ilaaluuf, yaadama ‘Ilmoon abbaafi haadha hincaalle ilmoodhaa?” jedhuun waan qubuufi hinqabneen dhalasaatiif ifa baasuuf tattaafachuun beekama.
Barnoota cichee kan deeggaru ilmoonsaa beekumsa, ogummaafi kkf akka isa caalu hawwuuni. Hawwuu qofa otoo hintaane ijaarsaafi haaressa manneen barnootaarratti hirmaachuun dinqii hojjeteera, hojjetaas jira. Ummanni kana gochuusaatiin egeree ilmaansaa murteessaa jira jechuudha.
Akkuma armaan olitti kaafne, rakkoo siyaas-dinagdeefi hawaasummaa walxaxaa har’a nu haguuge mo’achuuf, akkasumas carraalee jiranitti sirnaan fayyadamuuf furmaanni qabnu tokko barnoota qofa.
Kanumarraa ka’uun mootummaan Naannoo Oromiyaa dhaloota dorgomaa, saayinsiifi teknolojiidhaan tarkaanfate akkasumas beekumsa aadaafi duudhaasaa kabaju horachuu akka akeeka ijootti qabatee xiyyeeffannaan hojjetaa jira.
Bara barnootaa baranaatiifis daree barnootaa haaraa kuma tokkoofi 931 dabaluun, kuma jahaafi 117 suphamuun, bishaan 811 galchuun sirni baruu barsiisuu kan duraarra fooyyessuuf qophiileen taasifamaniiru. Manneen barnootaa Oromiyaa kuma 37fi 959tti, barattoota miliyoona 12.3 barsiisuufis karoorfameera.
Gama kaaniin hudhaalee qulqullina barnootaa keessaa tokko kan ta’e waa’ee ga’umsa ogummaa barsiisotaarratti mul’atu furuuf xiyyeeffannaan hojjetamaa akka jiruudha hogganaan Biiroo Barnoota Oromiyaa turtii tibbana Bariisaa waliin taasisaniin kan eeran. Firii gadaanaan akka biyyaatti qormaata kutaa 12ffaa bara 2016n galmaa’e kanaaf agarsiistuu gaarii waan ta’eef dhimma mirkaneessa ga’umsaa kanarratti gadifageenyaan hojjechuu barbaachisa. Baruu barsiisuu bara 2017 karaa si’ataafi qulqullina qabu waliin gahuun harcaatii mudachuu malurratti ammuma, yeroo barnoonni jalqabamu kanarraa kaasanii xiyyeeffanaan irratti hojjechuun murteessaadha.
Gama hundaan milkaa’ina hojii baruu barsiisuu baranaatiif rakkoo dhiyeessii akka kitaabaa baroota darban hudhaa ta’aa turanii furaa; barattoonni, barsiisonniifi dhimmamtoonni damichaa marti boru otoo hintaane har’umarraa kaasanii socho’uu qabu.
Bara barnootaa gaarii!
BARIISAA SANBATAA Fulbaana 4 Bara 2017