Finfinnee: Bara 2017 bara milkaa’ina rogawwan maraan bara seenaa biyyattii keessatti yeroo mara eeramu taasisuuf hunduu of qopheessuu akka qabu Ministirri Muummee Abiyyi Ahmad (PhD) ibsan.
Barri 2017 bara idaan biyyattii itti kaffalamu, madaan ture itti wal’aanamu, abjuun barootaa itti qajeelu, hojiifi hojmaatni itti dhugoomu taasisuun hundi keenya haa qophoofnu jedhanii; milkaa’ina rogawwan maraa galmaa’u kanaan dhalootni ittaanu seenaa keessatti akka fakkeenyaatti akka kaasuuf cimnee hojjechuu qabna jechuun eeraniiru.
Barri kun bara karoorri biyyattii itti milkaa’u, ijaarsi pirojektotaa qulqullinaan itti xumuramu, waldhabbiin mariin itti furamu, cabiinsi barootaa mariifi haqaan itti suphamu, waa maraan of dandeenyuufi riifoormiin eegalame bara itti milkaa’u akka ta’us hawwiisaanii ibsaniiru.
Waaqni kaleessa dha’aa galaanaafi bubbee jabaa keessatti biyyattii milkeesse boriifis abdii akka ta’e yaadachiisanii; bara 2017 gamtaan hojjechuuf hunduu of qopheessuu akka qabuufi milkaa’inni ammoo hojii Waaqaa ta’uu ibsaniiru.
Barri haaraan abdii haaraa akka gonfannu nu dirqisiisa, ummatni biyyattii aadaa walgargaaruu, waltumsuufi walutubuu cimsee ittifufuu qaba kan jedhan ammoo Pirezidaantii Itoophiyaa Aadde Sahaalawarqi Zawudeeti.
Afyaa’iin Mana Maree Federeeshinii Obbo Aganyahu Tashaagar gamasaaniin barri 2017, bara tokkummaan ummataa cimu, waldhiibuurraa gara wal utubuutti, walfalmuurraa gara waliin mariitti, hiyyummaa gara badhaadhinaatti itti ce’amu akka ta’u hawwii qaban ibsaniiru.
Bara kanatti dhangalaatiin dhiigaa walii waliin dhaabbatee, biyya sabdaneetti taate Itoophiyaatti aadaan walkabajuufi waldanda’uu dagaagee bara itti garaagarummaa keessatti tokkummaan badhaadhina biyyatiif dhaabannu akka ta’uuf hunduu cimee hojjechuu qaba jedhanii; manni marichaas milkaa’inoota bara darbe galmaa’an gabbisuu cinatti bara kanattis hojii iftoomina, haqaqabeessaafi walqixxummaa ummattootaa bu’ureeffatan cimsee kan ittifufu ta’uu Obbo Aganyahu hubachiisaniiru.
Komishinarri Olaanaan Komishinii Marii Biyyaalessaa Pirofeesar Masfin Arayaa gamasaaniin akka ibsanitti, barri 2016 bara rakkoolee ulfaatoofi milkaa’inoonni itti galmaa’aniidha. Ta’us bara 2017tti hojiiwwan abdii namatti horan hedduun eegalamaniiru.
Waldhabbii barootaa mariin goolabuun tokkummaan gara guddina biyyaatti fuula deebifachuuf bakkoota hedduutti calallii hirmaattotaa xumuruun calalliin ajandaa marii adeemsifamaa jira. Kanaafuu, marii furmaata rakkoolee biyyattii ta’e kana milkeessuuf hawaasni keessaafi alaa tumsa barbaachisu akka taasisu dhaamaniiru.
Waaqshuum Fiqaaduutiin
BARIISAA SANBATAA Fulbaana 4 Bara 2017