Shinooyyee: Sirba aadaa jala bultii Birraatti dubaraan sirbamu

“Sirbaa taphadhaa gammachuu keenyaa

barri haarawaa kan ofii keenyaa

Qaammeen nuuf dhuftee meewaggaa haaraa

Nutis gammannee sirbaan dabaalaa X 2

Abaaboon urgooftee birraa barii jala geennaan

Dukkanni bari’ee ka’aa qarreenis wal geenyaa” jedha sirbi haaraan bara kana dubartootaan ayyaana dubartootaa waqtii jala bultii birraatti kabajamu Shinooyyeedhaaf sirbame.

Akkuma waqtiin dukkanni gannaa xumuramee galaaf ka’uttiifi ifni birraa immoo iddoosaa qabachuudhaaf koroosaa eeggatuun qeerroofi qarreen Oromoo sirboota garaa garaatiin dukkanna gannaa gaggeessanii ifa birraa immoo ittiin simatu.

Taphni waqtii seensa birraatti dargaggootni Oromoo keessattuu giddu gala Oromiyaa godinoota Shawaafi shawaa kaabaatti baay’inaan taphatan kun Goobee jedhamee kan waamamuudha.

Goobeen sirba wayita birraan bari’u sirbamu yoo ta’u jechi Goobee jedhu sirbichas, dargaggoota gareen sirban waamuufis ni ta’a.

Sirbi birraa Oromiyaa bakka adda addaatti akkaa fi maqaa garagaraa qaba. Goobeen sirriitti kan beekamu Godina Shawaa Kaabaa ykn Salaaleetti.

Sirbi Goobee kan namootni lubbuun jiraatan barri haaraan bara nagaa akka ta’uuf ittiin wal eebbisan fi namoota du’aan boqatanii gara bara haaraatti hin ceene kan ittin mararfatanidha jedhu.

Ayyaanota ganamaa Oromoo bari’uu birraa himan

Ayyaana ijoollee Irreecha dura kabajaman

Dargaggeessi umrii wagga 28 Mangistuu Taaddasaa waggoota 13 darbaniif sirba Goobee taphateera.

“Ergaan sirba goobee keessa jiru baga waggaa haaraa geessan kan jedhu dha. Obbolaawwan walbira jiraachuu keenya agarsiisuu fi kan lubbuun isaanii darbee nu biraa dhabamanis lubbuu isaanii yaa ‘maaru’ kan ittin jennuudha” jedha.

Goobeen tapha dargaggootaati. Dargaggootni lakkoofsaan osoo hin daangeffamiin waarii loon manatti erga ol dachaasanii booda garee gareedhaan ta’anii manarra deemun Goobee taphatu.

Goobeen guyyaa ayyaana Taaboree (Hagayya 13) daamotii ibsuudhaan kan eegalamu yemmuu ta’u, sana boodas dargaggootni kun guyyaa guyyaan ykn darbee darbee akka haalli mijaa’efitti manarra deemuun Goobee sirbu. Sirbi kunis hanga jala bultii ayyaana Gubaa Fulbaana 16tti itti fufa.

Dargaggootni Goobee sirban irreessa marga jiidhaa harkatti qabatanii deemu. Mana nama tokkootti Goobee taphatanii yeroo maallaqni kennamuufitti marga jiidhaa sana irraa hammaaranii laatu.

Aadaan sirbaa shamarran Oromoo dukkana gannaa ittiin gaggeessanii dhufaatii ifa birraa ittiin simatan immoo Shinooyyee jedhamee kan beekkamu yemmuu ta’u, dubartiin sirba shinooyyee kana weeddisaa tapattu immoo dubartii hin heerumne durba duudaa qofaadhaani.

Aadaa dubartoota Oromoo hinheerumne qofaadhaan sirbamaa ture kun yeroo gidduutti dagatamee turetti deebi’ee akka dhaloota kanaanis sirnaan beekamuufi shamarran dhaloota kanaatiin akka kabajamuuf sirba aadaa shinooyyee kana dubartoota sirbaan deebisanii gara gurra ummataatti fidan keessaa isheen tokko Barsiiftuufi Weelliftuu Meetii Hayileeti.

Meetiin sirba shinooyyee kana umrii ijoollummaasheerraa kaaftee dhagahaa waan guddatteef aadaa iddoo heddutti badaa dhufe kana dubartootni amma jiran akkadeebisanii haaroomfataniif gara sirbaatti fiduu himti.

Akka yaadasheetti; sirbi shinooyyee jedhamu aadaa dubartoonni ji’a Qaammee keessa yeroo barri haaraa seenuuf jedhutti sirbama.

Weedduu dubartootaa kana ijoollummaarraa hanga kutaa 11 baradhutti waanin weeddisaa guddadheef aadaa kana beeksisuufan sirba shinooyyee jedhu kana hojjedhe.

“Shinooyyeen sirba shamarraniiti. Shamarran hin heerumne jechuudha. Bakka adda addaatti maqaa adda addaa qabaachuu danda’a.

“Shinooyyeen ani hojjedhe kun aadaa ummataa kan naannoo Shawaa Kibba Lixaatti sirbamuudha.

Weedduun dubartoonni gurmuudhaan weeddisan kun ergaawwan garaa garaa kanneen akka gammachuu dhufaatii bara haaraa, jaalalaafi abdiin kan keessatti calaqqisu weedduu ergaa dacha of keessatti hammateedha.

Shamarran weedduu kanaaf dursanii qophii kan godhatan yoo ta’u, Ashooshillaa hidhachuun, Qunnii buqqifachuun, rifeensa bareechachuun warra ijoodha.

Dubartoonni mana namaarra deemanii weedduu shinooyyee weeddisan abbootii warra mana sanaa nijaju, nileellisu akkasumas kan eebbisan yemmuu ta’u, warri manaa ammoo dubartoota kanneeniif waanuma qaban kennu.

Dur akka aadaatti dhadhaa dibu malee birriin hin kennamu ture. Amma warri manaa waanuma qaban kennu. Baay’inaan amma qarshiitu kennamaafi jira dubartoota weedduu shinooyyee kana tapataniif.

Sirbi Qaammee Meetii ‘Shinooyyee’ jedhu kun Qaammee simannaa bara haaraatiif akka gadhiifameefi sirbicha keessatti bakka aadichi akka gaariitti jiru deemuun qabiyyeesaa sirriitti agarsiisuuf yaaleera jetti.

Meetiin hanga ammaa sirboota qeenxee shan ummataan geesse keessaa sirba ‘Galoo maaloo maaloo’ jedhuun beekamtii akka horatte himti. Sirboota kunneen yoo hojjettu hojii barsiisummaa ishee wajjin walcinaa deemsisuun akka ta’es ni eerti.

“Ijoollummaa kiyyarraa kaasee fedhii sirbaan qaba. Garuu maatiin gara barumsaa fedhu waan ta’eef sirba kanin eegale ergan yunivarsiitirraa eebbifamee hojii jalqabeeyi. Sirboota shanan kana hojii barsiisummaa kiyyas hojjechaatuman hojjedhe” jetti.

Yeroo mana barumsaatti barsiisuuf daree deemtu barattoonni sirba isheetiin akka ishee akkeessanis n dubbatti. “Yeroon kutaa seenuuf gara darbiitti olbahu ijoolleen ‘Galoo maaloo maaloo’ jedhu dhokatanii. Eenyu akka ta’e ani hin argu. Yeroo hedduu akkas godhu. Ani barattoota kiyya baay’een jaaladha isaanis akkasuma. Jaalalumaaf akka na akkeessan nan hubadha” jetti.

Waggoota jijjiirama siyaasaa biyyattiitti dhufe kanneenitti sirboota weedduu dubartootaa waqtii dhufaatii birratti sirbamu Shinooyyeefi isa dhiiraan sirbamu Goobee dabalatee aadaawwan Oromoo kanaan dura hammachaa turan hedduu deebi’anii bayyanachaa jiru.

Baranas dhufaatii birraa bara 2017 dubartootni Oromoo sadii iddoo tokkotti qindaa’anii sirba Shinooyyee haaraa dhiheenya kana gadi lakkisanii gamanumaan dubartootaa iddoowwan garaa garaa jiraniin ittiin sirbamuu eegaleera.

Sirbi shinooyyee haaraan dubartoota sadeen, Immuu Girmaa, Naasraa Yusuufiifi Jiituu Daanyeetiin kan sirbame yemmuu ta’u,

“Sirbaa taphadhaa gammachuu keenyaa

barri haarawaa kan ofii keenyaa

Qaammeen nuuf dhuftee meewaggaa haaraa

Nutis gammannee sirbaan dabaalaa X 2

Abaaboon urgooftee birraa barii jala geennaan

Dukkanni bari’ee ka’aa qarreenis wal geenyaa”

Jechuudhaan waqtiin birraa dhufuusaatiin dubartootni iddoo jiran hundatti gurmaa’anii weedduu shinooyyee kana akka tapataniifi bara haaraa simachaa jiranittis akka gammadaniif hawwiisaanii kan ittiin ibsataniidha.

Waqtii jijjiirraan bara haaraa dhufuutti sirboota waa’ee bara haaraa of keessatti hammatan, keessattuu kanneen aadaa Oromoo of keessaa qaban dhagahuun biyya kanatti waan hedduu baratame akka hintaane dubartoota sirba haaraa shinooyyee barana bahe kana keessatti qooda fudhatan keessaa ishee tokko kan taate Artisti Naasraa Yusuuf ni himti.

Sirboota qofaa osoo hintaane ayyaanota gara garaa biyya kana keessatti kabajamaa turan keessatti hirmaannaan artistoota Oromoos hanga eeggamu kan hinturre ta’uu kan himtu Artisti Nasraan, waggoota muraasa kana keessatti garuu hirmaannaan artistoota Oromoo hedduu dabalaa dhufaa jiraachuu ibsiti.

Sirbi shinooyyee dhiheenya kana isaan gadi lakkisanis barri haaraa kuniifi aadaawwan sirbaa jala bultii bara haaraatti sirbamanii keessaa dubartoota Oromoo biratti baay’inaan kan beekkamu sirba shinooyyee ta’uusaatiin aadaan kun akka hinbadneefi dubartootni amma jiran sirnaan baranii akka sirbaniif yaadamee kan qophaa’e ta’uus ni himti.

Kanaan dura barri haaraa biyya kanaas ta’ee ayyaanoonni waqtii jijjiirraa bara haaraatti kabajaman kanniinii akka waan Oromoon keessa hin jirreetti ilaalamaa ture. Ilaalcha akkasii kana cabsuuf immoo artistootni Oromoo shoora guddaa waan qabaniif, nutis shoora keenya bahachuuf sirba aadaa kana sirbine.

Dubartootni waliin gurmoofnee sirba kana waliin hojjannes kutaalee Oromiyaa garaa garaa irraa kan walitti babbaane waan ta’eef, achumaanis tokkummaa Oromoos kan keessatti calaqqisudha.

Walumaagalatti; sirbootni aadaa Oromoo waqtiiwwan garaa garaa sababeeffachuudhaan sirbamaa turaniifi sirnoota mirga ummataa hinkabajneen haphachaa dhufe kanniin deebisanii haaressuuf deeggarsi gama mootummaatiin jiru cimee ittifufuu qaba.

Bayyanaa Ibraahimiin

BARIISAA SANBATAA Qaam’ee 2 Bara 2016

Recommended For You