Barana guyyoonni qaammee shanan maqaa gara garaan moggaafamanii sadarkaa biyyaafi naannoleetti sagantaalee gara garaatiin kabajamaa jiru. Haaluma kanaan Qaammeen 1 Guyyaa Ce’umsaa, Qaammeen 2 Guyyaa Riifoormii, Qaammeen 3 Guyyaa Birmadummaa, Qaammeen 4 Guyyaa Daneesummaa, Qaammeen 5 Guyyaa Egeree jedhamuun kabajamu.
Qaammeen 1 (Guyyaan Ce’umsaa) kaleessa mataduree, “Hambaa Ce’umsaa Horata Haaraaf” jedhuun sagantaalee gara garaatiin sadarkaa biyyaafi naannoleetti kabajameera.
Biiroon Invastimantiifi Industirii Oromiyaa, Biiroon Qonna Oromiyaa, Komishiniin Karooraafi Misooma Oromiyaa, Biiroon Bishaaniifi Inargii Oromiyaafi Biiroon Komishinii Turizimii Oromiyaa walta’uun kabaja Qaammee 1 (Guyyaa Ce’umsaa) kana sababeeffachuun Warshaa ‘George Leather and Shoe Factory PLC Ethiopia’ Magaalaa Mojootti argamu, Warshaa Huccuu ‘Kanoria Africa Textiles PLC’ Magaalaa Bishooftuutti argamuufi omishaalee qonnaa naannawa magaalattiitti argamu daawwachuun akkasumas marii paanaalii adeemsisuun kabajaniiru.
Hogganaan Biiroo Industiriifi Invastimantii Oromiyaa Obbo Ahmad Idris saganticharratti akka jedhanitti, barana Qaammeen 1 Guyyaa Ce’umsaa jedhamee moggaafamuun kabajamaa jira. Guyyicha wayita kabajnu maal keessa akka ceenee asgeenye duubatti deebinee ilaaluun barbaachisaadha. Qabsoo hadhaa’aa taasifamaa tureen mootummaan jijjiiramaa kun bara 2010 gara aangootti erga dhufee as gaaffiin abbaa biyyummaa, dimokiraasii, qabeenya horachuufi walqixa fayyadamuu, aadaafi duudhaa ofiitiin boonanii guddachuu Itoophiyaatti lafa qabateera.
Jijjiirama mootummaa as riifoormiiwwan guguddaa adeemsisuudhaan rakkoolee dinagdee biyyattii furuuf Imaammanni Dinagdee Mandhalee (‘Home Grown Economy’) akka hojiirra oolu ta’eera kan jedhan Obbo Ahmad, karoorichi omishaafi omishtummaa guddisuurratti xiyyeeffata. Karoorichi industiriiwwan biyyattii omishaafi omishtummaasaanii daran akka guddisaniifis haala mijataa kan uumeera. Karoorichi imaammatawwaniifi seeronni hojiirratti danqaa ta’an akka sirratan taasisuudhaan hojmaatni sirriin akka diriiru taasiseera jedhu.
Damee industiriirratti imaammatoonni afur qophaa’uu himanii, tarsiimoowwan imaammatoota kanarraa maddan 17 qophaa’aniiru. Imaammatawwaniifi tarsiimoowwan kunneen industiriiwwan omishaalee biyya alaatii galan kan biyya keessaatiin akka bakka buusan, omishaalee alergii dabaluun galii sharafa alaa akka guddisan taasisuufi carraa hojii bal’aa uumuuf kan gargaaran ta’uus himaniiru.
Bara darbe qofa akka Oromiyaatti omishaalee industirii doolaara biliyoona 1.8n bitamanii biyya alaatii galan biyya keessatti omishuun danda’ameera kan jedhan Obbo Ahmad, omishaalee industirii biyya alaatti erguun ammoo galii sharafa alaa doolaara miliyoonaa 800 argachuun danda’ameera. Damee industiriitiin bara darbe namoota kuma 500f carraan hojii uumamuus eeraniiru.
Pirojektiin invastimantiin Oromiyaa jijjiiramaan dura kuma saddeet ture yeroo ammaa gara kuma 23tti guddachuu himanii, kun invastarootaaf haalli mijataan uumamuu mul’isa. Haala mijataa uumuu keenyaan invastaroota hedduu simachuu eeraniiru.
Jjijjiirama dura invastimantiin kuma torba hojii keessa ture yeroo ammaa gara invastimantii kuma 12fi 721 qabatamaan hojii keessa galuun namoota kuma 800f carraa hojii kan uuman ta’uu himanii, invastimantoonni kunneen kaappitaala doolaara biliyoona 800 kan galmeessisan ta’uus himaniiru.
Humni omisha warshaalee bara darbe %48 irra ture yeroo ammaa gara %57tti guddateera. Gara fuulduraattis muuxannoowwan gaggaarii horanne babal’isuudhaan omishaafi omishtummaa keenya daran dabaluudhaan imala badhaadhina hundagaleessa naannoofi biyya keenyaa ni milkeessina jedhu.
Hogganaan Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Geetuu Gammachuu gamasaaniitiin akka jedhanitti, guyyoonni Qaammee bara moofaa keessaa gara waggaa haaraatti ce’uuf yeroo qophii cimaa itti taasifnuudha. Barana Qaammeen 1 Guyyaa Ce’umsaa jedhamee moggaafameera. Ce’umsa keenya abdiirraa gara ifa qabatamaatti, qormaatarraa gara injifannoo waaraatti kan itti taasifnuudha.
Itoophiyaan waggoota darbanitti rakkoolee keessaafi alaa ishee quunnaman wareegama ilmaanshee kaffalaniin qolachuun birmadummaashee tikfachaa jirti. Qormaatawwan adeemsa keessa nu mudatan ce’uun injifannoowwan argaman itichuun hojiileen fayyadamummaa ummataa mirkaneessan hedduun raawwatamaa jiru. Harka tokkoon nageenya waaressaa harka biraatiin misooma mirkaneessuun har’as ashaaraan dhalootaa kaa’amaa jira. Qormaatawwan mudataa turanirratti injifannoo galmeessisaa milkaa’inoota galtee fuulduraa taasifachaa imala badhaadhinaaf bu’uurri kaa’ameera jedhu.
Wanjoo hiyyummaa caccabsu riifoormii dinagdee qonnaan durfamurraa gara dinagdee damdaneessaatti cesisuuf dameewwan hundaan bu’aa abdachiisaan argamaa jiraachuu himanii, kana malees waggoota ja’an darbanitti omisha qamadiitiin, ashaaraa magariisaafi hojii ijaarsa hidha Laga Abbayyaatiin milkaa’inoonni guguddoon galmaa’aniiru. Hojiilee waliinga’iinsa bishaan dhugaatii qulqulluu, invastimantiifi misooma turizimiitiinis milkaa’inoonni ajaa’ibsiisoon kan argaman ta’uus eeraniiru.
Qabeenya uumamaafi namtolchee qabnu hawaasa irraa fayyadamaa taasisuudhaaf sochiilee guguddaan taasifamaa turaniiru. Qabeenyawwan uumamaa biyyattii keessaa tokko kan ta’e laga Abbayyaa waggoota dheeraaf faayidaa malee ture misoomsuun faayidaa biyyaaf oolchuun abjuu barootaa dhugoomsuun danda’ameera. Kanaanis inijifannoowwan qaqqaalii hedduun roga hundaan galmaa’uu eegalaniiru jedhu.
Mootummaan biyyattii gara badhaadhinaatti ceesisuuf inisheetiivota misoomaa gara garaa bocuun hojiirra oolchaa jiruun jijjiiramoonni guguddaan galmaa’aa jiraachuu himanii, tarkaanfiiwwan fudhatamaa turaniin qamadii biyya alaatii galchuun seenaa ta’ee biyya alaatti erguun injifannoo gaariin galmaa’eera. Xiyyeeffannoo mootummaan omishaafi omishtummaa guddisuuf taasisaa jiruun galiin sharafa alaarra argamu dabalaafi carraan hojii bal’aan uumamaa jiraachuus eeraniiru.
Ajandaan mootummaafi ummataa qormaata waloo qolachuun milkaa’inoota tarkaanfiileen dabaaluun hiyyummaa injifachuudha kan jedhan Obbo Geetuun, milkaa’inoonni keenya galaa imala keenya borii waan ta’aniif kutannoon irratti hojjetamaa jira. Ashaaraan har’a keenyes imala keenya milkeessuun ce’umsa keenya waaressaa jira. Icciitiin imala jijjiiramaa tarkaanfiiwwan haaraan cichanii hoogganuurraa kan madde ta’uus himaniiru.
Injifannoowwan galmeessifne, muuxannoowwan horanneefi qabeenyawwan uumamaafi kuufamni seenaa keenya hambaa ce’umsa horataalee haaraati kan jedhan Obbo Geetuun, hojiileen damee hundaan raawwannu tarsiimoon deeggaruun fagoo yaadnee karoorsuun milkeessinee injifannoo itichinee ceesisuun sadarkaa hundatti lafa qabsiisuun hojii keenya fuulduratti nu eeggatuudha jedhu.
Natsaannat Taaddasaatiin
BARIISAA SANBATAA Qaam’ee 2 Bara 2016