Ergaa bara haaraa (2017) paartiilee siyaasaa morkattootaa

Finfinnee: Paartiileen siyaasaa morkattootaa bara haaraa 2017 ilaalchisee gama nageenya, dinagdeefi hawaasummaan hawwii qaban ibsan.

Paartiilee kunneen Wiixata darbe, barri haaraan 2017 Itoophiyaaf bara nageenyi waaraan itti dagaagu, guddinni dinagdee saffisaan itti galmaa’uufi hariiroon hawaasummaa itti gabbatu akka ta’u hawwii qaban Gaazeexaa Bariisaaf ibsaniiru.

Dura taa’aa Ittaanaan Paartii Kongirasii Federaalawaa Oromoo Obbo Mulaatuu Gammachuu akka jedhanitti, Itoophiyaan bara 2016 gaaga’ama kanneen akka balaa lolaa, sigiga lafaa akkasumas walittibu’iinsawwan badii lubbuuf sababa ta’an hedduu keessummeesiteetti. Sababa rakkoo nageenyaan buqqaatiifi badiin lubbuu dhaqqabeera. Miseensota paartiisaanii dabalatee dararaan ummata nagaarra ga’eera.

Akka paaritiisaaniitti bara 2017tti hunda caalaa nageenyi waaraan biyyattii keessatti hundeen akka lafa qabatu hawwiisaanii qofa osoo hintaane qoodasaanii ba’uuf akkuma kana duraa ifaaja kan taasisan ta’uu himanii; mariin nageenya waaressuu kana dura mootummaafi ABO Shanee gidduutti taasifamee firii malee goolabame akka ittifufu hawwiisaanii ta’uu eeraniiru.

Jibbaafi tuffiin daandii nagaa dhiisanii afaan qawweetiin walfixuun hafee mareefi marabbaan waliin jiraachuufi hawaasa tajaajiluun hojiisaanii qofa osoo hintaane hawwiifi kadhatasaanii ta’uu himanii; barri kun bara itti sababa garaagarummaa ilaalchaan miidhaan biyyaafi lammiirra ga’u dhaabatee hunduu nagaafi jaalalaan waliin jiraatuufi waliin hojjetu akka ta’u dhaamaniiru.

Gorsaan Tarsiimoo ABO Obbo Ibsaa Nagawoo gamasaaniin akka jedhanitti, bara haaraa dhufutti nageenyi tasgabbaa’ee Saboota, Sublammootaafi Ummattoonni biyyattii nagaan fuulasaa gara misoomaatti akka deebisu hawwii paartichaati. Paartichi gaaga’ama qabsoo afaan qawween mudatu hubatee qabsoo daandii nagaa filate. Nagaan dhala namaaf qofa osoo bineensa bosonaafuu barbaachisaa waan ta’eef mariin biyyaalessaa milkaa’ee tasgabbiin akka bu’u hawwuun dabalata cimanii kan hojjetan ta’a.

Sirnoota darbanitti aadaan mariifi marabbaa akkasumas filannoo dimokraatawaa waan hinjirreef ABOn qabsoo hidhannoof dirqamuu yaadachiisanii; har’a garuu bakka dirreen siyaasaa sagaleen ummataa itti kabajamuufi ummatni abbaa maluuf filachuuf mirga guutuu qabu uumamuusaanii ABOn qabsoo karaa nagaatti akkuma deebi’e qaamoleen qabsoo hidhannoon gaaaga’ama dhaqqabsiisaa jiran qabsoo daandii nagaatti akka deebi’an dhaamaniiru.

Sababa waldhabbii siyaasaan badiin lubbuu dargaggoota kumaatamaa dhaabbatee milkaa’inni dinagdee keessattuu gama misooma qamadiin argame omishaalee biroonis dabalame dinagdee iyyeessotaafi sooressota haala madaalawaa ta’een jiraachisu uumuuf sochiin taasifamaa jiru cimee akka ittifufu yaadachiisaniiru.

Pirezidaantiin Paartii Tokkummaa Biyyaalessaa Itoophiyaa Obbo Zarihuun Gabragizaabeer, bara 2016 balaan uumamaafi namtolchee Itoophiyaa mudate bara 2017tti dhidhimee Itoophiyaan biyya nageenyaafi guddina dinagdee fakkeenya taatu akka ta’u hawwii qaban ibsaniiru. Mootummaan sagantaa Ashaaraa Magariisaatiin milkaa’ina akkuma galmeessee, gama nageenyaanis garaa bal’atee qaamolee hidhatanii rakkoo uumaan jiran waliin waldhabbii jiru akka furus dhaamaniiru.

Waaqshuum Fiqaaduutiin

BARIISAA SANBATAA Qaam’ee 2 Bara 2016

Recommended For You