“Bara haaraa kanatti carraawwaniifi wal’aansoo dura keenya jiraniif of qopheessuu qabna” -Doktar Zarihuun Gabiree

Gaafdeebii bara haaraa (bara 2017) simachuuf jirru ilaalchisuun Pirezidaantiin Yunivarsitii ‘Leadstar’ Doktar Zarihuun Gabree waliin Kibxata darbe akka armaan gadiitti dhiyeessineerra.

Doktar Zarihuun barnootasaanii digrii sadaffaa ‘Transformational Leadership’n, Yunivarsitii Daalaasirraa, barnootasaanii digrii lammaffaa, ‘Community Development’n, ‘Leadstar’ irraa, digrii tokkoffaa Ingiliffaan Yunivarsitii Finfinneerraa, Dhaabbata Kolleejjii Leenjii Barsiisota Naqamteerraas Afaan Ingiliziin eebbifamaniiru. Akkasumas dhimma dhukkuba ‘HIV/AIdS’n walqabaturratti hanga digrii lammaffaatti; akkasumas barnoota ‘Theology’, ‘Peace and conflict resolution, project management’ barataniiru; kitaabota gara garaa afuriis barreessaniiru.

Bariisaa: Bara haaraa kana akkamitti simachuu qabna? Wantoota bara haaraatti raawwachuuf karoorfannuttis akkamitti milkaa’uu dandeenya?

Doktar Zarihuun: Bara haaraa ilaalcha haaraa, jalqabbii haaraa, adeemsa haaraa, kaayyoo haaraafi sagantaa haaraan simachuu qabna. Waggaan haaraan fuuladura keenya jiru wantoota guguddaa lama (Carraawwaniifi wal’aansoo ykn ‘challenge’) fudhatee gara keenya dhufa.

Guyyoonni 365 waggicha keessa jiran hundi guyyoota itti hojjechuu dandeenyuudha. Carraa 365tu fuula keenya dura jira. Inni kun namoota hundumaaf walqixa kennameera. Addaa addummaan jiru inni guddaan akkaataa itti carraa guddaa kanatti fayyadamnuudha. Yoo guyyoota kunneenitti sirriitti fayyadamne yeroo itti milkoofnutu fuula keenya dura jira. Yoo sirriitti itti hinfayyadamne ammoo yeroo itti jireenya kisaaraa jiraannutu fuuldura keenya jira. Filannoonsaa garuu kan keenya.

Namoonni bara moofaa keessaa gara bara haaraatti yeroo ce’an carraawwan fuuldurasaanii jiran ilaaluu danda’uu qabu. Barri nuti dabarsine hangamillee hamaa yoo ta’e har’aa eegallee manii haaraafi jalqabbii haaraan bara itti seennu eegaluu dandeenya. Bara haaraa wajjin jabina haaraafi yaada haaraatu dhufa. Manii haaraafi mul’ata haaraa qabanna. Inni kun ammoo akka nuti guyyoota fuuldura keenya jirutti sirriitti fayyadamnu nu taasisa. Guyyoota jiran sirriitti ogummaan fayyadamuun kan nama milkeessu yoo ta’u, ittifayyadamuu dadhabuun jireenya kisaaraaf nama saaxila. Kanaafuu barri haaraan carraa haaraa fidee dhufa; siirriitti ittifayyadamuun ga’ee keenya.

Karaa biraas barri haaraan walaaansoo matasaa danda’e fidee dhufa. Jireenya kaleessa keessa turre keessaa ba’uuniyyuu wal’aansoo cimaadha. Dogoggora kaleessa keessa turre keessaa ba’uun wal’aansoo cimaadha. Adeemsa kaleessaa keessaa ba’uun wal’aansoo cimaadha. Shaakalli keessa turre, murtoowwan keenya kaleessaa, wantootni nu miidhan, kufaatiifi milkaa’inni, of taanee jiraachuu dadhabuu, jibba keessaa baanee jaalala horachuun wal’aansoo nu eeggatu ta’uu danda’a.

Waggaa haaraatti isa kana keessaa ba’uu nu gaafata. Yoo akkas ta’uu baate jireenya nuffisiisaa kaleessaa keessa akka turru, seenaa kaleessaa qofa mammaakaa akka jiraannu nu taasisa. Isa kaleessaa irraa barannee isa dhufuuf qophaa’uu, xaxaan kaleessaa waggaa haaraatti irra deebiin akka nu hinqabne tattaaffii cimaa taasisuu qabna. Yaalii nuti wantoota kaleessa nuqabanii turan keessaa ba’uuf taasisnu ammoo wal’aansoo cimaa gaafata. Akka nama dhuunfaatti, akka hawaasaatti, akka hoggansaatti, akka biyyaatti maal keessaa baana kan jedhu itti yaaduun daran barbaachisaadha.

Egaa bara haaraatti carraawwaaniifi wal’aansoo fuuldura keenya jiraniif of qopheessuu qabna. Bara haaraatti jireenya kaleessaa irra deebinee akka hinjiraanneef murtoo fudhachuun barbaachisaadha. Barri haaraan maqaansaa qofti haaraa waan jedhameef bara haaraa ta’uu hindanda’u. Akka hawaasaas ta’e biyyaatti carraawwaniifi wal’aansoo fuuldura keenya jiraniif of qopheessuu qabna.

Utuu gara bara haaraatti hince’iin wantoota waggaa darbe ykn guyyoota darban raawwachaa turre gamaggamuu qabna. Utuu bara haaraatti hince’in dura waggaa xumuraa jirru keessa adeemsi, karoorriifi mul’anni keenya maal fakkaata jennee sirriitti ilaaluufi gamaggamuu qabna. Bara haaraatti gamaggama taasifnerraa ka’uun qaawwa keenya duuchuufi gara sadarkaa ittaanuutti ce’uuf of qopheessuu qabna. Qaammeen yeroo itti wantoota waggaa darbaa jiru keessa raawwanne itti gamaggamnuufi bara haaraatti karooraafi sagantaa haaraa baafannee hojjechuuf itti of qopheessinuudha.

Bara haaraan dura keenya jiru yeroo rakkooleen biyya keenya keessa jiran furuuf wal’aansoo cimaa taasisnuudha jedheen yaada. Bara haaraatti jireenya kaleessa jiraachaa turre keessaa ba’uu qabna. Waan ta’uun irra ture utuu hinta’in waan ta’u qaburratti xiyyeeffachuun gaariidha. Waggaa haaraa kan jechisiisu akkaataa nuti itti addunyaa ilaalluufi murtoo nuti fudhannutu bara haaraa jechisiisa jedheen amana. Akka hawaasaattis ta’e mootummaatti isa kana itti yaaduun baay’ee barbaachisaadha. Hudhaa kaleessaatiin takaalamuu utuu hinta’in bara itti rakkoo kaleessaaf mala dhoofnu, furmaata barbaannu ta’uu qaba.

Walumaagalatti, barri haaraan kun carraawwaniifi wal’aansoo hedduu qabatee gara keenya dhufaa jira. Carraawwan jiranitti sirnaan fayyadamuufi wal’aansoo jiru ammoo mo’achuuf of qopheessuu qabna. Bara haaraa kanatti akka nama dhuunfaattis ta’e walootti dogoggoroota baroota darban keessa turanirraa barannee yeroo ittaanu hojii gaarii hojjechuuf of qopheessuu qabna.

Wanti dagatamuu hinqabne isa darbe jijjiiruu hindandeenyu yoo ta’e iyyuu bocnee har’a itti fayyadamuufi isa boriif of qopheessuu dandeenya. Isa kanaaf ilaalchi keenya murteessaadha. Namni tokko ilaalchi isaa yoo jijjiirame jireenyi isaa, egereen isaa nijijjiirama. Ilaalchi namoota milkaa’oo namoota kufoo irraa adda baasa.

Sababiinsaa namootni milkaa’oon egere keessatti carraa argu; namootni kufoon ammoo gufuu qofa argu; namootni milkaa’oon egere keessatti guddina argu; namootni kufoon kasaaraa abjootu; namootni milkaa’oon bu’aa argu; namootni kufoon rakkoo isaan mudatu qofa argu. Nama borii ta’uuf ilaalcha keenya irratti hojjechuun daran barbaachisaadha.

Bariisaa: Bara haaraatti carraawwan fuuldura keenya jiranitti sirnaan fayyadamuuf, wal’aansoo nu eeggatu injifachuufi dogoggoroota jiran ammoo sirreessuuf akka nama dhuunfaa, hawaasaafi biyyaatti maaltu nurraa eegama?

Doktar Zarihuun: Namni kitaabaafi muuxannoosaarraa isa baratu caalaa kufaatii, dadhabbiifi dogoggorasaarraa barata. Akka nama dhuunfaa, hawaasaafi biyyaatti dogoggoroonni baroota dabarsine keessa raawwanne utuu lakkoofnee hedduudha. Dogoggoroonni turan darbaniiru. Amma kan nurraa eegamu guyyoota 365 bara haaraa simachuuf jennu keessa jiranitti sirnaan fayyadamuuf of qopheessuu qabnuufi karooraafi sagantaa haaraa itti baafachuu qabnuudha. Tokkoon tokkoon guyyootaatti sagantaa baafannee yoo hojjenne bara haaraa simachuuf jennu keessa wantoota hedduu raawwachuu dandeenya.

Guyyoota fuuldura keenya jiranitti sagantaa baafannee hojiirra oolchuu baannaan idduma jirrutti hafna. Kanaafuu isa dheengaddaarraa barannee, isa egeree fuulduratti ilaalaa fiiguun barbaachisaadha. Wantoota darbanirraa barannee wantoota haaraa dura keenya jiran bira ga’uuf of qopheessuu qabna.

Guyyoonni dura keenya jiran kan kaleessaafi dheengaddaa yeroo itti jijjiirama caalu fiduuf cimnee itti hojjennu ta’uu qaba. Hundumtuu taa’ee kan kaleessaa leellisuu utuu hintaane, cimee hojjetee rakkoofi hiyyummaa keessaa ba’uuf of qopheessuu qaba. Wantoonni kaleessa nurra ga’an kan nuqummuussan utuu hintaane jabeessanii kan nu dhaabaniifi gara fuulduraatti kan nu tarkaanfachiisan ta’uu qabu. Wantoota darbaniin qabamuu keessaa ba’uun daran barbaachisaadha.

Guyyoonni ofiisaaniitiin gaariis hamaas miti; guyyoota gaariifi hamaa kan jechisiisu haala nuti keessa jirruudha. Guyyoota fuuldura keenya jiranitti haalaan yoo fayyadamne itti milkoofna; yoo itti hinfayyadamne ammoo milkaa’inni hinjiru. Guyyoota fuuldura keenya jiranitti sirnaan fayyadamuuf ilaalcha, karooraa, sagantaafi kaayyoo haaraa qabaachuu qabna. Guyyoonni ni darbu malee naanna’anii waan hindhufneef guyyoota dura keenya jiran hundumaatti sirnaan fayyadamuu qabna. Guyyoota hunda sammuufi sagantaa haaraan simannee ittifayyadamuu qabna. Waantoota bara haaraa fuuldura keenya jirutti karoorfanneefi saganteeffannes qabatamaan hojiirra oolchuu qabna.

Bariisaa: Karooraafi sagantaa bara haaraatti qabanetti milkaa’uuf maal gochuu qabna?

Doktar Zarihuun: Milkaa’inni %1 karoora yoo ta’u, %99 ammoo karooricha hojiirra oolchuudha. Faayidaa karooraa namoonni milkaa’oon nibeeku; namoonni pirojektii garaa garaa irra hojjetan nihubatu. Karoora karoorfannee hojiirra hinoolchinu taanaan waraqaarratti hafa. Wantoota waggaa keessatti hojjechuuf karoorfanne walakkaa waggaa, nuusa waggaa, ji’a, torban, guyyaafi sa’aatiif qoodnee hojiirra oolchuu qabna. Wantoota guyyaa guyyaan hojjennus gamaggamaa deemuu qabna. Waan karoorfannee utuu hinraawwatin hafne ammoo sababa isaa waliin lafa kaa’uu qabna.

Karoorri riqicha bakka amma jirtuufi bakka ga’uu barbaadu gidduu diriiruudha. Bakka barbaanne ga’uuf ammoo riqicha ijaaraa deemuu qabna. Maniin nuti qabnu karooraan bira ga’ama. Kan karoorsinus har’a. Namni mana ijaaruu iyyuu kan qorqorroo itti uffisu utuu aduun jiruuti. Isa boriif har’uma karoorsuu qabna.

Karoora baafatanii hojiirra oolchuu dhabuun yeroo ofii gubuudha. Waan karoorfatte raawwachuuf yoo of hinqopheessine, yoo waan hojjenne madaalaa hindeemnu ta’e dhumarratti raawwiin keenya amma yaadne hinta’u. Waadaa ofiif galles qabatamaan hojiirra yoo oolchuu baanne waggaa waggaan waadaa galuu qofti bu’aa qabu.

Bariisaa: Bara haaraa kanatti rakkoo nageenyaa biyyattiitti bakka gara garaatti mudatu furuuf maaltu furmaata jettu?

Doktar Zarihuun: Rakkoon nageenya biyya keenya wantoota hedduu kan of keessa qabu yoo ta’ellee kanneen armaan gadiirratti xiyyeeffachuun barbaachisaadha. Tokkoffaan dargaggootaaf carraa hojii bal’aa uumuurratti xiyyeeffatamee hojjetamuu qaba. Hoji dhabdummaan rakkoo jaarraa 21ffaafi addumaan ammo rakkoo biyyoottan guddachaa jiranii isa cimaadha. Akka qorannoon waggoota muraasa dura taasifame agarsiisutti dargaggoota jaha keessaa tokko qofatu hojii argata. Akka addunyaatti hoji dhabdummaan dargaggootaa %50 yoo ta’u, kanneen keessaa %89 biyyoota guddachaa jiranitti argamu. Karaa biraas dargaggootarratti hojjechuun egeree biyyaarratti hojjechuudha.

Namni waan hojjetuufi nyaatu hinqabne rakkoo adda addaa uumuuf qophaa’aadha. “Sammuun hojii hinqabne workishooppii Seexanaati’ jedhu faranjoonni. Utuu carraan hojii bal’inaan dargaggootaaf uumamee walitti bu’iinsiifi rakkoon nageenyaa kun akkasitti itti hinfufu jedheen amana. Lammaffaan bulchiinsa gaarii hanga sadarkaa gandaatti mirkaneessuunis dhimma mootummaan xiyyeeffannaan irratti hojjechuu qabuudha. Hawaasni tajaajila barbaadu akka argatuuf rakkoo bulchiinsa gaarii furaa deemuun barbaachisaadha.

Rakkoo nageenya biyyattii furuuf inni sadaffaan, maddoota rakkoo nageenyaa ta’an sirriitti qorachuun barbaachisaadha. Rakkoo nageenyaa furuuf hawaasni biyyattiis isa darberraa barachuun isa dhufuuf of qopheessuu qaba. Wantoonni darban nu hingargaarre taanaan wantoonni amma keessa jirus nu hingargaaran. Kanaafuu miidhaa sababa rakkoo nageenyaatiin nurra ga’erraa barachuun nageenya mirkaneessuuf tokkummaan hojjechuun barbaachisaadha.

Bariisaa: Aadaan hojiifi ittifayyadamni yeroo biyya keenyaafi biyyoota guddatanii maal fakkaata?

Doktar Zarihuun: Biyyoonni guddatan faayidaa hojiifi yeroo sirriitti beeku; yoo hojjetan malee akka jiraachuu hindandeenye beeku. Fakkeenyaaf biyya keenyatti buna dhaabnee waggaatti yeroo tokko itti soquun omisha irraa waan argannuuf hojiif baay’ee kan nama qopheessu miti.

Biyya keenyatti waan xiqqoo hojjetanii nyaatanii buluun waan danda’amuuf aadaan hojii keenya laafaadha. Rakkoo qaala’insa jireenyaa akka biyyaattis ta’e addunyaatti mudatee jiru furuuf aadaan hojii keenya guutummaatti jijjiiramuu qaba. Akka dhuunfaattis ta’e dhaabbata keessaa hojjechaa jirru keessatti jijjiirama fiduuf aadaan hojii keenya guutummaatti jijjiiramuu qaba. Yoo ta’uu baate guyyaan borii dhaloota amma jiruuf guyyaa salphaa hinta’u.

Barri fuuldura keenya jiru bara dorgommii waan ta’eef baay’ee hojjechuufi yeroo keenyatti sirnaan fayyadamuufi dorgomaa cimaa taanee argamuu qabna. Waan hojjennee argannerraa qusachuu, kan qusannerraa ammoo invasti gochuutu nurraa eegama. Dhalootaaf barri dhufu bara dorgommiiti. Bara dorgommii keessatti dorgomaa cimaa ta’uuf cimnee hojjechuu qabna.

Bara ittaanu nama dorgomaa cimaa ta’etu jiraata. Kan dorgomaa cimaa ta’uu dadhabe hanga budeen nyaatee bulu dhabutti rakkachuu danda’a. Bara dijitaalaa waan ta’eef gara fuulduraatti nama saamaniifi hatanii nyaachuunillee hindanda’amu. Kan nu baasu jabaannee hojjechuuf of qopheessuudha.

Namni of hinqopheessine hojjetaa nama of qopheessee ta’a. Of qopheessuu jechuu yeroofi kennaa rabbi nuu kennetti fayyadamuuf kaka’umsaan hojjechuudha. Guyyaan tokko sa’aatii 24:00 qaba. Sa’aatii waliin deemuufi sammuu Waaqayyo nuuf kennetti fayyadamuuf of qopheessuudha. Milkaa’uuf sammuufi yeroo keenyatti sirnaan fayyadamuu qabna.

Yeroo qabnutti fayyadamuun barbaachisaadha. Yeroon nidarba. Namootni yeroo sirriitti hin beekne yeroo facaasanitti hammachuuf deemu, yeroo hammatanitti facaasuu dhaqu. Yeroon keessummaadha; liqeeffachuu, liqeessuu, oolchuu, dhiisuu, fudhachuu, dhaabuu, tuuluu, dheeressuu, gabaabsuu, hin danda’amu. Yeroo beekuun akka nama milkeessu yeroo wallaaluunis sababa kufaatiiti. Kanaaf yeroo sirriitti hubachuun ittifayyadamuun murteessaadha.

Dargaggoonni keenya hedduun yeroosaanii qoosaafi wantoota waa’ee hinbaafne miidiyaa hawaasummaarratti gadlakkifaman ilaaluurratti yeroosaanii qisaasessaa jiru. Jireenya amma jiraachaa jiran keessaa ba’uuf barumsaanis of qopheessuu qabu. Miidiyaa hawaasummaa gaarummaaf itti fayyadamuu danda’uutu nurra jiraata.

Miidiyaa hawaasummaa of jijjiiruufi jireenya keenya fooyyessuu, egeree keenya fooyyessuuf itti fayyadamuu qabna. Namni siif yaadu inni jalqabaa suma mataa keeti. Inni gara biraan ittaaneetu dhufa. Dhaloonni amma jiru of jijjiiruuf hinqophoofne taanaan nama of jijjiiruuf qophaa’eef hojjetaa ykn yaabbannoo ta’a. Barumsaafi mul’ata borii sirrii qabaachuun milkaa’ina keenyaaf daran barbaachisaadha.

Bariisaa: Bara haaraa simachuuf jennu ilaalchisuun ergaan dargaggootaaf qabdan yoo jiraate?

Doktar Zarihuun: Itoophiyaa dabalatee biyyootni guddinarra jiran dargaggoota heddumminaan qabu. Odeeffannoon kanaan dura qabuun dargaggootni %87 kan ta’an biyyootni guddinarra jiran keessatti argamu. Akka biyya keenyaattis ta’e addunyaatti yoo dargaggoota kunneenirratti invasti goone ykn irratti hojjenne faayidaa guddaa qaba. Hayyoonnis dhimma kanarratti hojjechuu qabu. Dhalootarratti ykn dargaggootarratti invasti gochuun ykn hojjechuu jechuun egeree biyyaarratti hojjechuudha.

Biyyoonni guddatan dursanii dargaggootarratti hojjechuudhaan guddatan. Kanaafuu akka maatii, mana barumsaafi biyyaatti dargaggoota keenyarratti hojjechuun barbaachisaadha. Kariikulamiin barnoota biyya keenyaas kan egeree dargaggootaatti waan gaarii agarsiisu ta’uutu irra jiraata. Utuu dargaggootarratti hojjennee ofiisaanii, maatiifi biyyasaaniirratti jijjiirama guddaa fidu. Wantoonni akka mootummaatti, mitmootummaatti, waldaa kiristaanaatti, akka maatiifi hawaasaatti raawwannu hundi dargaggoota kan humneessuufi waan gaarii kan itti agarsiisu ta’uutu irra jiraata.

Dargaggoonnis humna qabaniin halkaniifi guyyaa fiiganii hojjechuuf murteeffachu qabu. Jireenya ofii tolchuufi balleessuun harkuma keenya jira. Kanaafuu dargaggoonnis cimanii hojjechuun of jijjiiruuf of qopheessuu qabu. Dargaggoonni galii argatanirraas qusachuu qabu.

Dargaggoonni yeroofi humnasaaniitti fayyadamuun hojjechuun jiruufi jireenya ofiifi maatiisaanii fooyyessuufi egereesaaniifi biyyasaanii milkeessuu qabu. Yunivarsiitoota gara garaa irraa eebbifamanii carraa hojii barbaaduun bu’aa ba’ii guddaa qaba; carraan hojii argachuus dhiphaadha. Kanaafuu dargaggoonni miindeffamanii hojjechuurra hojii dhuunfaasaanii uummachuurratti xiyyeeffachuu qabu. Miindeffamanii hojjechuufi hojii dhuunfaa ofii ummatanii hojjechuu gidduu garaa garummaa guddaatu jira. Mindaan ji’aan argamu akka nama qoricha adoochaa ji’a tokkoof fudhatee hojjetuuti. Namni hojii dhuunfaa hojjetu garuu guyyaa guyyaan galii argata. Namni hojii dhuunfaasaa ummatee jabaatee hojjetu galiisaa guyyaa guyyaan guddifaachaa deema.

Namoonni bu’aa ba’ii carraa hojii uummachuu keessa jiru sodaatan hojii barbaachaan yeroosaa dabarsa; kan mindeffamee hojjetus hojii dhuunfaasaa hojjechuuf kaka’umsa hinqabu. Namni ani hojii dhuunfaa koo uummadhee hojjechuu nan danda’a, ofirra darbee namoota biroof carraa hojii uumuu nandanda’a jedhee of amansiisee gara hojiitti seenaan waan hojjetutti ni milkaa’a.

Dargaggummaan yeroo humna qaban, itti fiiganii bu’anii ba’anii hojjechuu danda’aniidha waan ta’eef yeroofi humnasaaniitti sirriitti fayyadamuu qabu. Iddoo hintaaneefi hiriyaa hintaane waliin yeroosaanii dabarsuurraa of qusachuu qabu. Hiriyaan kee hojiifi mul’anni kee borii yoo ta’e bakka barbaadde ga’uu dandeessa. Kanaafuu dhaloonni kun ofiisaafi egereesaaf yaaduu qaba. Dhalootni har’aa dhaloota dhufuuf waan gaarii dabarsuuf cimee hojjechuu qaba.

Bariisaa: Guyyoonni Qaammee maqoota gara garaatiin moggaafamanii sadarkaa biyyaafi naannoleetti kabajamaa jiru. Haaluma kanaan Qaammeen 1 ‘Guyyaa Ce’umsaa’ jedhamuun kabajama. Jecha ‘Ce’umsa’ jechu kana akkamitti ibsitu?

Doktar Zarihuun: Jechi ce’umsa jedhu kun bara moofaa keessaa gara bara haaraatti ce’uu agarsiisa. Wantoota moofaa ofirraa urgufnee bara haaraatti ceenu baay’ee qabna. Ilaalcha kaleessaa keessaa baanee ilaalcha haaraan bara haaraatti ce’uu qabna. Ilaalchi keenya egeree keenya murteessa. Ilaalchi keenya jireenya keenya murteessa.

Namootni tokko tokko kufaatiin kan dhaabatan yeroo ta’u kaan ammoo kufaatiin isaan hin dhaabu. Namoota kufaatiin hin dhaabne akka isaan itti fufanii deeman maaltu isaan taasisaa? Inni kun ilaalcha isaan qabaniidha. Ilaachi nuti kanaan dura walii keenyaafi hojiif qabnu jijjiiramuu qaba. Akka nama dhuunfaa, hawaasaafi biyyaatti dogoggoroota keenya kaleessaa keessaa baanee ilaalcha, adeemsafi mul’ata haaraadhaan bara haaraatti ce’uu qabna. Ce’umsi kun maqaa duwwaa ta’ee akka hinhafneef ammoo nan kadhadha.

Bariisaa: Dhumarratti bara haaraa ilaalchisuun hawwii gaarii ummataafi biyya keenyaaf qabdan yoo jiraate?

Doktar Zarihuun: Barri 2017 bara ummanni biyyattii hundi nagaan ba’ee galu, bara namni jaalalaafi gammachuudhaan waliin jiraatu, bara namni hojjetee, daldalee, baratee itti milkaa’u, bara namni yaadee yaadasaa bakkaan ga’uu danda’u, bara namni karoorsee, saganteessee maniisaa bira ga’uu danda’u akka ta’un hawwa.

Barri haaraan simannu kun bara itti namoonni wantoota adda addaatiin itti walmiidhan utuu hintaane bara inni qabu isa hinqabne itti gargaaru, bara inni geggeessu warra geggeessuuf itti yaadu, bara inni geggeeffamu isa isa geggeessuuf itti yaadu, bara namoonni waliisaaniitiif yaadan, walbira dhaabbatan, wal oolchuu danda’an akka ta’un ummata biyyattii maraaf hawwa. Bara namoonni baroota darban hunda taa’anii ilaalanii tuffatanii wantoota ta’aa turan hunda akka abjuutti ilaaluun ajaa’ibsiifatan akka ta’un hawwa.

Natsaannat Taaddasaatiin

BARIISAA SANBATAA Qaam’ee 2 Bara 2016

Recommended For You