Yeroon akka geengootti waan naannoftuudha. Maayikiroo sekoondiin, sekoondiin, daqiiqaan, sa’aatiin, guyyaan, torbeen, jiini ida’amanii waggaa ta’anii dhufanii darbu; bara haaraafi moofaa jedhamees simatama, gaggeeffama.
Biyya keenyatti erga ji’a Fulbaanaa tokko jennee jalqabnee ji’oota 13 lakkoofnee booda ji’a Fulbaanaatti deebina. Geengoon kun waggaa waggaan naanna’a.
Akka lakkoofsa baraa (dhahaa) biyya keenyaatti jiini Fulbaanarraa ka’ee naanna’ee oggaa Fulbaanatti deebi’u waggaa haarawaa jedhamee miira haarawaan simatama. Haaluma geengoo yeroo kanaan Roobiin dhufu bara haaraa, bara 2017 jalqabuufi miira abdiitiin simachuuf qophiitti jirra.
Yeroo waa’een bara haaraa ka’u waantota hedduutu sammuutti nama dhufa. Moofaa dhiisanii haaraa jalqabuu, karoora haaraa kan bara haaraa, kan raawwannus kan hinraawwannes baafachuu; waadaawwan adda addaa ofiifis namaafis galuufi kkf kaasuun ni danda’ama.
Yeroon bara haaraa itti kabajamu kun seensa birraa ta’uunsaa gaariidha. Yeroo bacaqiin gannaa itti bahu, ililliin birraa yeroo daraartu, dirreen yeroo magariisa uffattee yoomirayyuu yeroo itti miidhagdu waan ta’eef. Kana malees yeroo miirri namaa waan haaraa ittiyaadu waan ta’eef tibba kana kabajamuunsaa daran gaariidha.
Haala simannaafi kabaja baraa 2017tti yoo deebine egaa akkuma jenne ganni dukkanummaan beekamu xumuramee ifa birraatti ce’uuf har’a dabalatee guyyoota afur qofatu hafa. Keessumaa barri 2016 bara yeroo kamuurra injifannoowwan guguddoon akka biyyaatti ittigalmaa’aniidha.
Fakkeenyaaf milkaa’inni dhaabbii ashaaraa magariisaa, hojii jalqabuun tarbaayinoota 3ffaafi 4ffaa hidha seenaqabeessa Abbayyaa, hojiilee magaalota miidhagsuu Finfinneetti eegalamee gara kaanittis saffisaan babal’achaa jiru, fooyyessi dinagdee gooroofi kkf dhimmoota akka injifannoo guddaatti eeramaniidha.
Mootummaan dameelee hundaan jijjiiramoota hundagaleessa fiduuf erga sochii eegalee waggoonni lakkaa’amaniiru. Biyyattii gara guddinaafi badhaadhina waaraatti akkasumas nageenya guutamaatti ceessisuuf hojiilee baay’een hojjetamaa jiru.
Agarsiisumaaf kan baranaa eerre malee waggoota jahan darbanitti Itoophiyaatti muuxannoowwan haareyyii hedduun akka biyyaatti argamaniiru. Qormaatonni walxaxoo baay’ee keessa darbuunis danda’ameera. Dameelee adda addaatiin injifannoowwan boonsaafi gammachiisoo akka biyyaatti galmeessisuudhaan barnoonniif muuxannoon egereef galaa ta’anis argamaniiru.
Kanaafuu, bara haaraan guyyoota muraasa booda simannu injifannoowwan kanneen caalaatti cimsaa, finiinsaafi bal’isaa gama kaaniin ammoo waantota guddinaafi nageenya keenyatti daranyoofi gufuu ta’an kanneen akka rakkoo nageenyaa, qaala’insa jireenyaa, hattummaa, fiinxaalessummaafi kkfn hundeerraa buqqisuun murteessaadha.
Keessumaa nageenyiifi tasgabbiin iddoowwan tokko tokkotti akka bishaanii dheebotamanis akka sirrataniif hunduu qoodasaa bahachuu qaba. Barri haaraan kan nagaa, milkii, badhaadhinaa, fayyaa, jaalalaa, gammachuufi waliinummaa nuuf haa ta’u! Bara haaraa 2017 miira haaraafi abdii haaraadhaan.
BARIISAA SANBATAA Qaam’ee 2 Bara 2016