Finnaa: Pirojektii bishaanii seenaa gammoojjii Oromiyaa jijjiiraa jiru

Mootummaan Naannoo Oromiyaa hawaasa horsiisee bulaa fayyadamaa taasisuuf keessattuu waggoota sadeen darban xiyyeeffannoo olaanaadhaan hojjechaa jira. Kana mirkaneessuufis pirojektota bishaanii naannolee gammoojjiitti babal’isuudhaan jiruufi jireenya hawaasa horsiisee bulaa fooyyeessuuf tattaaffiin jiru bu’aa qabatamaatiin mirkanaa’aa jira.

Mootummaan hongee irra deddeebiin mudataa jiru maqsuuf Boorana dabalatee guutuu gammoojjiiwwan Oromiyaatti pirojektii bishaanii Finna hojjechiisaa kan jiru yoo ta’u, yeroo ammaa gara bu’aa qabatamaatti ce’aa jiru.

Pirojektiin Finnaa baasii hedduun hojjetamaa jiru kun namaafi beeyladaaf bishaan dhiyeessuu qofa osoo hintaane, horsiisee bulaan gariin hojii qonnaa akka eegalu daandii saaqaa jira. Pirojektiin bishaanii kun horsiisa beeyladaatti abdii horuu bira darbee hawaasni naannawa gammoojjii jiraatu qonna aadeffachuun wayita jireenyasaa fooyyeffatu qabatamaan mul’achaa jira.

Sochii pirojektota bishaanii faayidaa dhugaatii beeyladaafi omisha jallisiitiif oolu kana naannawa gammoojjii Oromiyaatti babal’isuuf hanga ammaatti naannichatti pirojektoota Finnaa 73 hojjatamaa kan jiran yoo ta’u, kanneen keessaa 22 xumuramuun tajaajila kennaa jiraachuu ragaaleen Biiroo Misooma Jallisiifi Horsiisee Bulaa Oromiyaa ni agarsiisu.

Kanneen hafanis harka 70 olirra kan gahan yoo ta’u, pirojektonni kunneen guutummaatti yoo xumuraman bishaan meetir kuubii miliyoona 80 qabachuu akka danda’an hogganaan biirichaa Injiinar Girmaa Raggaasaa ni dubbatu.

Hojiin ijaarsa projektota bishaanii /Finnaa/ kun gammoojjii Oromiyaatti bal’inaan hojjatamaa jiraachuun hawaasa horsiisa loonii qofaan jiraachaa tureef filannoo dabalataa ta’aa jiraachuu himanii, horsiisee bultoonni hedduun iddoowwan garaa garaatti jallisiitti gargaaramuudhaan gara omisha qonnaatti galaa jiraachuu ibsu.

Yeroo hongeen naannawa gommoojjii Booranaafi Baaleetti mul’achaa turetti kan namaa qofa osoo hintaane rakkoon hanqina nyaata looniis ulfaataa ture. Yeroo ammaatti ijaarsa pirojektota Finnaa kanaan looniifis margi akka omishamu taasifamaa jira.

Pirojektiin finnaa horsiisee bulaa Booranaatiif hiikaa addaa kan qabu ta’uu kan himan immoo Bulchaa Godina Booranaa Obbo Abdusalaam Waariyooti. Sababa pirojektichaatiin Booranni ongee keessaa bahee gara badhaadhinaatti imalaa jiraachuus ibsan.

Yeroo ammaa lafti Booranaa magariisa uffattee, loon Booranaa marga jallisiidhaan misoome sooratee bara rakkoofi dukkanaa sana dagateera. Akka godinichaa qofatti hojii babal’ina ijaarsa pirojektota Finnaatiif mootummaan naannoo Oromiyaa qarshii biliyoona 32 ramaduus ibsanii, kunis xiyyeeffannoo olaanaa akka mootummaatti ummanni akka rakkoo hongee sanatti hindeebineef kenname ta’uu eeru. Godinichatti Pirojektota Finnaa 18 qarsii biliyoona 32n hojjatamaa jiran keessaa 12 xumuramuun tajaajila kennaa jiru.

Godinichatti rakkoon nyaata looniifi bishaanii furamnaan hawaasni horsiisee bulaa hojjatee jijjiiramuuf kan hojjatu ta’uu kan eeran Obbo Abdusalaam, bara darbe pirojektota xumuramee bishaan qabateen lafa misoomerraa callaa kuntaalli 180 argamuu dubbatu. Baranas lafti hektaarri 28 midhaan akaakuuwwan adda addaatiin misoomaa jiraachuus ibsaniiru.

Tibbana Pirezidaantiin Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa hojiiwwan misooma qonnaa naannichatti hojjatamaa turaniifi hojiiwwan babal’ina pirojektii finnaa kana naanna’anii daawwataniiru. Kanneen keessaa tokko kan ta’e Horsiisee Bultoonni Aanaa Gumbii Bordoddee (Harargee Lixaa) misooma beeyladaarratti rakkoo bishaan dhugaatii beeyladaa mudatu furuuf mootummaan Pirojektii Finnaa Ganda Godaa Calleetti qarshii miliyoona 438 oliin hojjetame daawwatameera.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa rakkoo bishaanii naannoo horsiisee bulaafi Gammoojjiitti mudachaa jiruuf fala kennuuf bajata guddaa ramaduun pirojektota finnaa ijaaraa jiraachuu dubbatu.

Hawaasni horsiisee bulaan Aanaa Gumbii Bordoddee haala mijaawaa yeroo ammaa misooma beeyladaafi qonnaarratti jiruun gargaarsa jalaa bahee of danda’uuf jabaatee hojjechuu akka qabu yaadachiisaniiru.

Godinni Harargee Lixaa gammoojjiin kanitti baay’atuufi yeroo hedduu gargaarsa midhaan nyaataatiif kan saaxilame ta’uusaatiin mootummaan naannichaa pirojektiin bishaanii aanichatti akka ijaaramuuf murteessuunsaas hawaasa kana eeggattummaa jalaa baasee akka hojjatee of danda’uuf yaadeeti.

Pirojektiin Finnaa aanichatti hojjatame kun humna bishaan meetir kuubii miliyoona tokkoofi kuma 35fi 898 ol kan kuufatuufi lafa hektaara 250 caalu kan misoomsu danda’u ta’uunis ibsameera.

Pirojektiin Finnaa kun rakkoo hawaasa horsiisee bulaa hiikuu keessatti shoora olaanaa kan qabuufi ummanni yeroo ammaa misooma jallisiifi bishaan dhugaatiifs ittifayyadamaa akka jiru yeroo daawwannaa pirojektii kanaatiif gamasitti imalle hubanneerra.

Naannawa Oromiyaa gammoojjummaan ittibaay’atuufi yeroo ammaa ijaarsi pirojektii Finnaa itti babal’achaa jiru keessaa tokko kan ta’e Godinni Boorana Bahaas yeroo ammaa sodaa hongee jalaa bahee gara omisha jallisiitti galaa jira.

Akka godinichaatti lafa hektaara kuma 48 ol irratti omishni marga horii omishamaa jiraachuu himuun; margi tonii kuma 600 ol ni argama jedhamee eegama. Dabalataanis beeyladootni kuma 600fi abbootiin warraa waliigalatti 14,600 fayyadamoo ta’aa jiraachuu ragaan Waajjira Qonnaa Godina Boorana Bahaa irraa argame ni agarsiisa.

Naannolee gammoojjii Oromiyaa keessaa ishee biraa kan taateefi gammoojjummaadhaan dabalatatti naannawa daangaa bulchiinsaarratti argamuusheetiin rakkoolee walitti bu’iinsaatiif saaxilamaa kan turte Cinaaksan, yeroo ammaa gammoojjummaan naannawa ijaarsa pirojektota bishaanii kanaan achii baqatee seexanni hawaasa walitti naqaa turtes achii baatee ummanni horsiisa beeyladaa cinatti omisha qonnaarratti bal’inaan hirmaachaa jira.

Yeroo ammaa aanaa kanaan dura maqaanshee walitti bu’iinsaafi buqqaatii namaatiin waamamaa ture, Cinaaksanitti lafti hektaara kuma 33 ol ta’u kilaastara qamadiitiin misoomaa jira.

Godina Harargee Bahaatti tanaan dura rakkoolee nageenyaa yeroo gara garaatti uumamaniin maqaanshee kan ka’u, Aanaa Cinaaksanis yeroo ammaa walitti bu’iinsaafi rakkoo nageenyaa keessaa baatee hojii misoomaa ho’aa keessa galuunshee abdii haaraa uumaa jiraachuus jiraattonni ni ibsu.

Lafti ammaan duraa misooma malee ture yeroo ammaa haala mijataa uumuun sanyii filatamaafi galtee qonnaatiin deeggaramee hojii misoomaa ho’aa keessa jiraachuu kan himan ammoo Ittigaafatamaa Waajjira Qonnaa Godinichaa Obbo Geetaahun Nigaatuuti.

Mootummaan Naannoo Oromiyaas hojii qonnaa naannawa kanatti taasifamuuf deeggarsa hindaangeffamne taasisaa turuu ragaa bahu. Babal’ina hojii qonnaa naannawa daangaa kana deeggaruun, tiraaktara qonnaa dhiheessuun akka qotamu taasisuudhaan wayitii gahes kombaayinaraan kan hammamu ta’uu ibsaniiru.

Inisheetiviiwwan qonnaa akka naannichaatti bocamanii hojiirra oolaa jiran jiruufi jireenya qonnaan bulaa bu’urarraa kan jijjiiraa jiru ta’uusaatiif Aanaa Cinaaksan qofti agarsiistuu gahaa ta’uus dubbatu.

Mootummaan naannoo Oromiyaa deeggarsa sanyii filatamaarraa kaasee hanga tiraaktara qonnaatti, akkasumas wayitii midhaan gahuttis kompaayinara ittiin haaman dhiheessuusaatiin qonnaan bulaa Oromoo qofa osoo hin taane, ummanni Sumaalee ollaa sana jirus misooma waliinii kanarratti qooda fudhachaa jira.

Godina Harargee Bahaatti qonna ganna bara kanaatiin lafa hektaara 538,905 misoomaa jiru keessaa lafti hektaarri 459,555 kilaastaraan misoomaa jiraachuu ragaan waajjira qonnaa godinichaa kan agarsiisu yoo ta’u, kana keessaas lafti hektaarri 57,900 kilaastara inisheetivii qamadiitin uwwifamee kunuunfamaa jira.

Godina Harargee Bahaa, Aanaa Cinaaksanitti qamadii qonna gannaa kilaastaraan misoomaa jiruufi pirojektii jallisii Finnaa Marar qarshii miliyoona 500n hojjatame hawaasa naannichaa bal’inaan gara hojii misooma qonnaatti akka bobba’uuf carraa uumaa jiraachuu jiraattotni ni dubbatu.

Waliigalatti godinichatti inisheetivii qamadii qonna gannaatin lafa hektaara 70 irratti faca’ee kunuunfamaa kan jiru yoo ta’u, kanarraayis caallaa kuntaalli miliyoonni 13 ol ni argama jedhamee eegama.

Walumaagalatti, sababa babal’ina pirojektota bishaanii Finnaatiin iddoowwan gammoojjii Oromiyaa hedduu geeddaruudhaan iddoo namni hongeedhaaf irraa baqatu osoo hintaane, iddoo namni qonnaaf itti baqatu taasisaa jiru.

Bayyanaa Ibraahimiin

BARIISAA SANBATAA Hagayya 25 Bara 2016

Recommended For You