Aadaafi duudhaalee walgargaarsa keenya ganamaa

Oromoon aadaa walgargaarsaa, waldeeggarsaafi walbira dhaabachuu hedduu qaba. Aadaan walgargaarsaa kun maqaalee gara garaatiin kan beekamu yoo ta’u, isaan keessaa buusaa gonofaa, harkoo ykn dabaree, hirpha, daboo ykn jigii, ulfina walitti qabachuufaa akka fakkeenyaatti eeruun nidanda’ama.

Yunivarsitii Naannoo Oromiyaatti Qorataafi Gorsaa akkasumas Daarektara Inistiitiyuutii Qorannoo Misooma Afaan, Aadaafi Artii Oromoo Obbo Leeniin Quuxoo gaafdeebii dhiyeenya kana dhimma aadaafi duudhaa walgargaarsa Oromoorratti Gaazexaa Bariisaa waliin taasisan akka armaan gadiitti dhiyaateera.

Buusaa Gonofaa jechuun qabeenya ummanni Oromoo walittiqabee yeroo balaan uumamaafi namtolchee mudatutti ittiin walgargaaruudha. Qabeenyi kun waggaa waggaan walitti buufama. Korri Gosaas waggaa waggaan ni taa’ama.

Koricharratti bakka bu’aan gosaa rakkoo ykn hiyyummaa gosasaa keessa jiru gadifageenyaan gabaasa ni dhiyeessa. Namoonni hiyyooman ykn rakkatan maaliif akka hiyyooman ykn rakkatan, namni meeqa waan nyaatee bulu akka dhabe, nama meeqatu sirriitti hojjechuu didee (dhibaa’ee) hiyyummaa ofitti fide, nama meeqatu sababa balaa uumamaatiin rakkoo keessa gale kan jedhu gabaasicharratti sirriitti ni dhiyaata.

Jaarsoliifi bakka bu’oonni gosaa gabaasa dhiyaate sirriitti erga ilaalanii booda namoota gadidhaabuun barbaachisu, kanneen lubbuu baraaruuf hatattamaan gargaaruun barbaachisu, kanneen waan nyaatanii bulan hinqabne, namootni horanii akka bakka duraatti deebi’aniif suuta qaqqabuun barbaachisu, kanneen gorsi barbaachisu (yoo ofiin of hiyyoomsan ta’e) adda baasanii qabeenya gosni waggaa waggaan walitti buusurraa kennuuf.

Namni tokko hiyyoomee raadonni sadi yoo kennamaniif waggoota sadiifi afur booda horee of danda’ee buusaa gonofaatiif fiduu qaba. Buusaa Gonofaa kanaan qabeenya loonii walitti buusuunis ni jira. Buusaa Gonofaa namoonni balaa uumamaafi namtolcheef saaxilaman dafanii akka dandamatan kan taasisu aadaa walgargaarsaafi walbira dhaabbannaati. Buusaa Gonofaan namoota rakkoo qabatamaaf saaxilamaniif kennama.

Buusaa Gonofaan labsiidhaan hundaa’ee hojiirra oolaa jiru kun hangama asilummaasaa (aadummaasaa) eegee hojiirra oolaa jira kan jedhu keessasaa sirriitti hinbeeku. Garuu yeroo hawaasni balaa hongeefi namtolchee gara garaaf saaxilamu akka qaqqabaafi bira dhaabbachaa jiru, akka ummanni miseensa ta’ee buusii buusaa jiru quba nan qaba. Garuu hunduu godaa kaasee hanga abbaa Gadaatti miseensa Buusaa Gonofaa ta’uufi dhabuun anaaf gaaffiidha. Ummannis ulaagaan miseensummaa maal maal akka ta’e sirriitti waan beeku natti hinfakkaatu.

Buusaan Gonofaa Abbaa Gadaarraa kaasee hanga jaarsa qe’eetti hidhata qaba. Yoo akkas ta’eedha rakkoon namoota balaaf saaxilamanii dafee gabaafamee akka gargaaraman kan ta’u. Hojiin akkasiin raawwatamus loogiirraa bilisa ta’a. Buusaa Gonofaan labsiidhaan hundaa’ee garuu utuu asilummaasaa gad hindhiisin hojiirra oolaafi hogganamaa jiraachuufi dhiisuunsaa waan irra deebi’amee ilaalamuu qabu natti fakkaata.

Oromoon aadaa walgargaarsaa dabaree jedhamus niqaba. Fakkeenyaaf manni sa’a elmatu qabu ollaasaa sa’a elmatu hinqabneef yoo xiqqaate ijoolleedhaaf ganamaafi galgala aannan walitti qicee geessaaf. Utuu ijoolleen mana kanaa aannan dhugduu ijoolleen mana sanaa aannan malee ooltee hinbultu. Utuu manni kun buna aannaniin dhuguu manni sun buna gurraacha hindhugu. Manni ameessa lama elmatu ameessa tokko kan hinqabneef hanga jabbiin gu’utti kenna. Yeroo tokko tokko ameessa galfatanii jabbii dhiisuufiinis jira. Kun aadaa walgargaarsaa guddaadha.

Aadaan walgargaarsaa Hirpha jedhamus jira. Hirphi kun Buusaa Gonofaatiin kan walfakkaatu yoo ta’u, wayita balaan tasaa uumamaafi namtolchee mudatutti dafanii nama balaaf saaxilame kan ittiin qaqqabaniidha. Hirphi kun balaa namarra gahe dafanii irraa qolachuuf gargaara. Nama rakkoon irra gahe deeggaruu qofa utuu hintaane yaadaanis ni jajjabeessu; ni eebbisus.

Namni rakkoof saaxilames hirphamuurra eebbatti waan gammaduuf na eebbisaa, eebba naa hirphaa jedha. Ummannis “horii bal’adhu, kan sijalaa bade caalaa argadhu’ jedhee eebbisa. Hirphi nama rakkateef taasifamu yeroof utuu hintaane akka inni gad dhaabbattee of danda’ee jiraatuufi rakkoo keessaa ba’u kan taasisuudha. Hirphi kun akka namni rakkate rakkoo keessaa dafee ba’ee nama rakkate biraa akka gargaaru kan taasisuudha.

Akka aadaa Oromootti horiin, qabeenyi, ilmi, intalli, namni, lafti, karaan, malkaan, gaarri kan gosaati. Kana jechuun badhaadhinnis rakkinis kan gosaati ykn waliiniiti jechuudha. Gumaanis kan gosaati. Kana jechuun yoo gosa tokko keessaa namni nama ajjeese gosa sana guutuutu yakkamaa ta’a jechuudha.

Dur yeroo namni tokko loowwan baay’ee horatee ani qabeenya kiyyaanan jiraadha; maal fiddu jechuu barbaadu sagal gorsanii, sagal obsaniifii sagal dhoksaniifii gaafa dadhaban loowwansaa irraa saamanii hiyyeessaaf kennu. Manas irraa diiganii akka inni gaabbee qalbiisaatti deebi’u taasisu. Horiin horoomaafi namoomaan yoo hinmassakamin namniyyuu deebi’ee horii ta’a. Horoomniifi namoomni gaafa badu namni walgurguruutti ka’a jedha Oromoon.

Oromoon aadaa walgargaaruu, waldeeggaruufi walbira dhaabbachuu hedduu qaba. Aadaan walgargaarsaa kun maqaalee gara garaatiin jira. Fakkeenyaaf daboo ykn jigiin aadaa walgargaarsaa keessaa tokko. Daboo ykn jigii jechuun hojiin natti baay’atee natti bahaa nagargaaraa jechuudha.

Hojiin kun ijaarsa manaa, qonna, haamaafi cabsaa boqqolloo ta’uu danda’a. Daboon hojii sitti baay’ate ykn humna keetiin raawwachuu hindandeenye tokko jigii waammachuun yeroo gabaabaa keessatti ofirraa buusuuf gargaara.

Aadaan walgargaarsaa harkoo ykn dabarees ni jira. Harkoo jechuun har’a kan kee yoo waliin hojjenne, bor ammoo kan koo waliin hojjenna. Harkoon namoota lamaafi isaa ol gidduutti raawwatamuu danda’a. Nama tokkoon hojjechuufi nama lamaafi isaa ol waliin hojjechuun garaagarummaa guddaa qaba. Waliin hojjechuun humna waliif ta’uudha.

Aadaa Oromoo keessatti nama waa hojjetu bira hindarbamu. Utuu karaa deemaniiyyuu “Ashamaa” jedhanii nama waa hojjechaa jiru sanatti goranii xiqqoo gargaaranii darbu. Inni hojiirra jiru ammoo “Ashamaa jibbaa hojii jaaladhaa” jedha. Namoota boolla awwaalaa qotaa jiranillee itti goranii boolla qotuu gargaaranii nama du’e gaafatanii bira darbu.

Aadaa Oromoo keessatti nama hojjetu bira darbuun safuudha. Rakkataafi nama humna hinqabne gargaaruun kaleessuma jira. Nama kan gargaartu gammaddeeti malee inni harka si ilaaleef miti.

Yeroo ammaa garuu aadaan walgargaarsa ganamaa sun laafee nama gargaaruun qarshiitti jijiiramaa jira. Waan xiqqoo tokko asii fuudhanii achi kaa’anii qarshii guddaa gaafachuun ni mul’ata. Tajaajilli lammummaa kennamaa jirus afuura aadaa ganamaa kana qabaachuu qaba.

Ulfina walitti qabachuunis aadaa walgargaarsaa Oromooti. Namni sirriitti waljaallatuufi walamanu ulfina walitti qabata. Ulfina walitti qabachuu jechuun yeroo hojiin nama muddu nama beekamaa ta’e tokkoon nama 50 naaf baasi jedhanii oggaa itti himatan namichi ammoo dachaan dabalatee nama 100 baasaafi. Namni ulfina sitti qabates isa gargaaruu dhufaniif nyaataafi dhugaatii hanga isaan barbaadanii olitti qopheesseefii nyaachisee obaasa. Kunis akka walitti dhiyaataniin aadaa hojii walgargaaruuti.

Tajaajilli lammummaa kunis aadaafi duudhaa ganamaa kana keessaa cuuphachuu qaba. Hojiin tajaajila lammummaa kun waqtii gannaa mana harka qalleeyyii ijaaruu, biqiltuu dhaabuu qofa utuu hintaane waggaa guutuu hojii qonnaafi midhaan sassaabuurrattis itti fufuu qaba. Warra humna hinqabne gargaaruun waggaa guutuu ittifufuu qaba.

Aadaafi duudhaan walgargaarsa Oromoo ganamaa laafaa waan dhufeef yeroo ammaa ofittummaarraa kan ka’e utuu mana kana qabeenyi tuulamee jiruu ollaan beelaan du’aa jira. Ofittummaan kun inni duroome gaara bahee, inni hiyyoome gad bu’aa akka deemu taasisaa waan jiruuf aadaafi duudhaa keenya ganamaatti haadeebinu jedhu Obbo Leeniin Quuxoo.

Natsaannat Taaddasaatiin

BARIISAA SANBATAA Hagayya 25 Bara 2016

Recommended For You