Finfinnee: Murtoon kaabineen Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa invastimantii damee fayyaa ilaalchisee ibbana murteesse galiin ogeessota fayyaa daran akka dabalu kan taasisu ta’uu Biiroon Fayyaa Naannichaa beeksise.
Seektara fayyaatti gahee dhaabbilee dhuunfaa guddisuuf onnachiistuu invastimantii fayyaa kaabineen naannichaa murteesse ilaalchise biirichi Biroo Invastimantiifi Industirii waliin ta’uun Wixata darbe miidiyaaleef ibsi kenneera.
Hogganaan Biiroo Fayyaa Oromiyaa Doktar Mangistuu baqqalaa saganticharratti akka dubbatanitti, Oromiyaa keessatti tajaajilli dhaabbileen dhuunfaa hawaasaaf kennaa jiran lakkoofsasaanii faana walhinmadaalu. Sadarkaan lakkoofsaatti baay’innisaanii dhaabbilee fayyaa jiran keessaa harka 42 qabata. Tajaajilli isaan kennaa jiran garuu dhibbantaa 10 gadi.
Sababa humna meeshaalee yaala fayyaa dhabuutiin, hanqina kaappitaalaafi deeggarsa barbaadan dhabuutiin dhaabbileen kunneen tajaajila lakkoofsasaanii madaalu hawaasaaf kennuu hindandeenye.
Kilinika malee buufatni fayyaa dhuunfaa hanga ammaatti hinjiru, hospitaalotnis muraasa. Kanneen jiranis baay’inaan hanqina qorichaafi sababoota biroorraa kan ka’e tajaajilli kennan sadarkaadhaa gadi.
Rakkoo kana bu’uurarraa furuuf kaabineen naannichaa dhaabbilee kanaan dura invastimantii seektara fayyaa keessa jiraniifi haaraa seektaricharratti invasti gochuu barbaadan kan biyya keessaafi biyya alaa jajjabeessuun fayyaa lammiilee eeguuf hirmaannaan dhaabbilee dhunfaa ittidabaluun danda’amurratti ogeessota waliin erga irratti mari’atee booda onnachiistuuwwan murteesseera.
Murtoo kanaanis dhaabbileen qorichaafi meeshaalee yaala fayyaa omishaniifi alaa galchan, dhaabbileen leenjii dheeraafi gabaabaa fayyaarratti kennan kolleejjiifi yunivarsiitii dabalatee fayyadamoo ta’u. Dabalataanis namootni ogummaa fayyaa osoo qabanuu hojidhabaa ta’an gurmaa’aniifi humnoomanii murtoo kanaan fayyadamaa ta’uu danda’u.
Hogganaan Biiroo Invastimantiifi Indastirii Oromiyaa Obbo Ahmad Idirisis gamasaanitiin akka jedhanitti, onnachiistuun murtaa’e kun kanaan dura seektara kamuu keessa kan hinturreedha.
Dhaabbileen invastimantii damee fayyaarratti bobba’uuf fedhii qaban, lafa waggaa 10-16 karaa kaffaltii liiziirraa bilisa ta’een akka argatan, waggaa 5-8 gibirarraa bilisa ta’anii hojiisaanii akka hojjetan murtoo kanaan eyyamameera.
Haaluma walfakkaatuun dhaabbileen kunneen dorgommii malee simatamanii lafa akka argataniifi meeshaalee wal’aansa fayyaa karaa ashuurarraa bilisa ta’een alaa bitanii galchuu akka danda’anis kaabineen naannichaa murteesseera.
Mul’ata fayyaa ummataarraatti qaburraa kan ka’e mootummaan naannichaa dhaabbilee dhuunfaa fayyaatiif deeggarsa taasisuuf kutaannoo qabaachuu eeruun, damicharratti abbootiin qabeenyaa hojii invastimantiirrati akka bobba’an Obbo Ahmad waamicha dhiyeessaniiru.
Taammiruu Raggaasaatiin
BARIISAA SANBATAA Hagayya 18 Bara 2016