Finfinnee/Jimma: Sagantaa guyyaa tokkotti biqiltuu miliyoona 600 dhaabuuf qabanne karooraa ol biqiltuulee miliyoona 615.7 dhaabuun milkeeffachuu dandeenyeerra jedhan Ministirri Muummee Abiyyi Ahmad (‘PhD’).
“Guyyaa tokkotti hanga biiftuun baatee seentutti biqiltuulee miliyoona 600 dhaabuuf Itoophiyaanonni hundi karoorfannee turre. Waan yaadne otoo hinmilkeeffatiin biiftuun nutti hinseenuuti guyyaa tokkotti biqiltuulee miliyoona 615.7 dhaabuu dandeenyeerra.
Daa’imman abdiisaanii dhaabaniiru. Dargaggoonni ciminsasaanii agarsiisaniiru. Maanguddoonni dhaala kaa’aniiru. Itoophiyaanonni xiqqaa hanga guddaatti manasaaniitii bahanii ashaaraasaanii hinmoofofne kaa’aniiru.
Waan waltaaneefi habaanneef waan addunyaarratti hinraawwatamne nuti Itoophiyaanonni raawwanneerra. Eegumsa madaallii jijjiirama haala qilleensaatiif dhaabachaa oolleerra. Wabii nyaataa mirkaneessuuf dadhabaa oolleerra. Dhiqama biyyoo ittisuuf hiriirree oolleerra. Dachee keenyatti magariisa uwwisuuf lalisummaa deebisuuf otoo hinjilbeeffanne hojjenneerra. Uumaanis nu gargaaree waan yaadne milkeeffanneerra.
Lammiileen miliyoona 29.1 lafa hektaara 318.4 odeeffannoon ji’oospaashaalii argamerra biqiltuulee dhaabaniiru. Odeeffannoowwan hanga ammaatti bira hinga’ame waljalaa kan ibsamu ta’u.
Gamtaafi cimina ajaa’ibsiisaa lammiilee Itoophiyaatiif galatan dhiyeessa. Qaamolee milkaa’ina karoorichaatiif tattaaffii cimaa taasistaniif galanni ni mala. Hawwiifi fedhiin keenya hundi Itoophiyaa fooyyofte gamtaadhaan ijaaranii tursiisuudha. Kanuma ittifufna jedhan” ergaa karaa miidiyaa hawaasummaasaanii dabarsaniin.
Ergaa Asoosaarraa kaleessa ganama dabarsaniinis, biqiltuuwwan waggoota shanan darbanitti dhaabne gara biliyoona 40 ta’u. Biqiltuuwwan waggaa darbe dhaabaman keessaa dhibbantaan 50n wabii nyaataa mirkaneessuuf, eegumsa biyyoo cimsuufi golgolaa’uu lafaa ittisuuf akka gumaachaniif kan dhaabamaniidha. Fuulduraafis naannawawwan akka yaa’a Abbayyaa jiran keessa biqiltuuwwan dhaabuudhaan hojii eegumsa bishaanii deeggaruu qabna jedhan.
Rakkina har’aa osoo hintaane firii boruu ilaaluudhaan waliin hojjechuu qabna jedhanii; inisheetiviin ashaaraa magariisaa carraa egeree Itoophiyaa kan miidhagsuudha jechuunis ibsan.
Dhalootni biyyasaa dhugaadhaan jaalatu rakkina har’a keessa jiru osoo hintaane egeree biyyaatiitu itti mul’ata kan jedhan Doktar Abiyyi, milkaa’inni inisheetivichaan argamaa jiru kanaaf agarsiistuudha jechuun eeran.
Ashaaraa magariisaa dabalatee inisheetivotni misoomaa mootummaadhaan jalqabaman gara 20 kan ta’an bu’awwaan abdachiisaa fidaa jiraachuus eeranii; ijaarsaafi suphaa mana harkaqal’eeyyii, mana barumsaatti soorata barattootaaf dhiyeessuufi hojii misooma qamadii akka fakkeenyaatti kaasaaniiru.
Sagantaa Inisheetiivii Ashaaraa Magariisaa kanaan dura biqiltuu biliyoona 39.5 kan dhaabate ta’uu himanii; guyyaa har’aa kan dhaabate waliin gara biqiltuu biliyoona 40 ta’a jedhaniiru. Biqiltoota dhaabaman kanneen keessaa dhibbantaan 50 nyaataaf kan oolan ta’uus himaniiru.
Yeroo Ittaanu hojiin biqiltuu dhaabuu naannawa yaa’a Abbayyaatti xiyyeeffannoo addaatiin akka gaggeeffamu eeranii, ashaaraan magariisaa akka hidhi Abbayyaa timaan hinguutamne waan taasisuuf Itoophiyaa bira darbe biyyoota kaaniif faayidaansaa olaanaadha jedhan.
Ittigaafatamaan Waajjira Qonnaa Godina Jimmaa Mahaammadxahaa Abbaafiixaa akka jedhanitti, godinichatti bara 2011 irraa eegalee duulli ashaaraa magariisaa geggeeffamaa jira. Aadaan biqiltuu dhaabuufi kunuunsuus guddachaa jira. Biqiltuun hanga ammaatti dhaabames kan baranaa dabalatee biliyoona 1.4 ta’a.
Hojii ashaaraa magariisaa hanga ammaatti hojjetameenis uwwisni bosona godinichaa %18 irraa gara %26tti guddateera. Adeemsa keessa bu’aan gama kanaan argamaa jiru abdachisaadha jedhan.
Lafa qullaa ture biqiltuudhaan uwwifamaa waan jiruuf suudhaan dhiqamni biyyeefi balaan lolaa hir’achaa jira jedhanii, qilleensa naannwaarratti jijjiiramni mul’achaa jiru omishaafi omishitummaan akka dabalu taasisaa jiraachuus ibsaniiru. Abukaadoofi muuziifaan firii kennuus eeraniiru.
Kanaaf, qaamoleen hawaasaa dhaabbii biqilaarratti hirmaatan hundi hanga biqiltuun ulaagaa bosonaa guutee bu’aa barbaachisu kennuu danda’utti biqiltoota dhaabaman kunuunsuu qabu jedhan. Ogeessoti qonnaas kanarratti xiyyeeffannaan hojjechuu akka qaban eeranii, aadaan kunuunsaa biqiltuu cimee ittifufuu qaba jedhaniiru.
Ittigaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Godina Jimmaa Obbo Masarat Hayiluu akka jedhanitti, biqiltuu dhaabame osoo kunuunsuun barbaachisaadha. Biqiltuun yoo cirame, miidhameefi goge naannawa hongeessa.
Godinni Jimmaa horsiisaafi gabbisa looniitiin beekama. Horsiisaafi gabbisni loonii bosona malee milkeesuun hindanda’amu. Kanaaf, hawaasni biqiltuu har’a dhaabe kunuunsuu akka qabu eeranii: abbootiin amantaa, ogeessotiifi hoggansi kanarratti qoodasaani akka bahatan dhaamaniiru.
Jiraataan Aanaa Qarsaa Sheek Zeeyinuu Hajigaazaalii, “Biqiltuun amma dhaabnu bor nudhaaba” jechuun barbaachisummaa biqiltuu dhaabuu ibsanii; kunuunsasaarrattis xiyyeeffannaan hojjechuu qabna jedhan.
Taammiruu Raggaasaafi Gammachuu Kadiriin
BARIISAA SANBATAA Hagayya 18 Bara 2016