Itoophiyaa biyya lakkoofsi ummatashii miliyoona 120 ol ta’aa jiru keessatti hudhaan dhaloota sakaalaa jiru inni guddaan rakkoo hojidhabdummaan walqabatuudha.
Hudhaa kana keessaa bahuuf aadaan hoji keenyaa jijjiiramuu akka qabu eebbifamtoonnis hojii barbaaduu keessaa bahanii hojii uummachuu akka aadeffataniif ijaarsi dandeettiifi hojiin hubannoo uumuu yeroorraa yerootti kennamaa tureera; ammas ittuma jira.
Maatiin eebbifamtootaas ilmaansaanii guyyaa eebbifamanii kaasanii mindaa mootummaa akka nyaataniif malee hojii uummatanii miira ofitti amanamummaatiin akka socho’aniif ilmaansaanii hinkakaasan.
Rakkoo kana cabsuuf hojii hubannaa uumuu taasifamaa jiru cinatti eebbifamtoonnis ta’an warreen kaan hojii ogummaarratti xiyyeeffatanii akka dinagdeedhaan of jabeessaniif mootummaan jijjiiramaa deeggarsa barbaachisu taasisaa jira.
Keessumaa jijjiirama dura saamichaafi hanna dhaabbilee mootummaa gara garaa keessatti qaqqabaa turerraa kan ka’e dargaggoota dhaabbilee barnoota olaanaarraa bahan hojiitti galchuuf xiyyeeffannoon ture gadaanaadha.
Kanarraa kan ka’e dargaggeessi wabii egeree biyyaa ta’u lafa seenu dhabee araada hinmalleef saaxilamuun biyyaaf abdii ta’uu keessaa bahee akka diinaatti ilaalamaa tureera.
Bu’uuruma kanaan warraaqsa walirraa hincinne taasifameen sirni hattuufi saamtuu aangoorraa kaafamuun booda mootummaan jijjiiramaa faayidaa eebbifamtootaa giddugaleeffatee socho’u waan ijaarameef eebbifamtoonni abdii kutannaa keessaa bahuun ofirra darbanii biyyasaaniif wabii akka ta’aniif hojii barbaacha dhiisanii uummachuun akka of geeddaraniif tattaaffii taasifamaa tureen fayyadamaa kan jiran tokko lama miti.
Tibbana wayita dhimma hojiitiif gara magaalaa Adaamaa deemnetti eebbifamtoota hojii uummatan tokko tokko kan dubbisne yoo ta’u, waggoota sadii oliif jireenyi itti dukkanaa’ee duuba kana deeggarsa mootummaafi abbootiin qabeenyaa taasisaniifiin eebbifamtoonni gurmaa’an maashinii mismaara galfachuun guyyaatti mismaara kiiloogiraama 500 ykn kaartoonii dhibba tokko omishuun hirkattummaa seenaa gochuun dinagdeen of humneessaa gabaas tasgabbeessaa jiru.
Nus turtii isaan waliin dabarsineen eebbifamnee waggoota sadiif yeroo keenya qisaasessaa turre, faanni keenya hojii barbaacha mudhukeera. Amma garuu deeggarsa mootummaan jijjiiramaa nuu taasiseen maashinii mismaara omishu galfannee maqaa waldaa Omishtoota Mismaaraa Waliif jedhu moggaafachuun mul’anni jijjiiramaa nukeessatti biqilaa jira jedhu eebbifamtoonni kunniin.
Dargaggoo Nuuraa Jamaal Hojigaggeessaa Waldaa Omishtoota Mismaaraa Waliif yoo ta’u, dhaabbata barnoota olaanaarraa Injinariingii Makaanikaalaan eebbifamee waggoota lamaa oliif hojii barbaacha faannisaa mudhukuu kaasa.
Kaayyoonsaa erga eebbifamee booda waajjira mootummaatti mindeeffamee jiruufi jireenyasaa gaggeessuu yoo ta’u, haalli jiru akkaataa inni yaadeen mijataa ta’ee argamuu waan dideef akka dhabee rakkina keessa turuu hima.
Akka ibsasaatti yaanni hojii uummachuu jedhu takkaa keessasaa kan hinturre yoo ta’u, jireenya hiriyyootasaa gurmaahanii hojii uummatanii ofirra garagalee ilaaluun mul’ata hojii barbaaduu keessasaa jiru gara hojii uummachuutti akka jijjiirratuuf jireenyi isa dirqisiisa.
Bu’uuruma kanaan fakkaattotasaa dhaabbilee barnoota olaanaarraa Makaanikaal Injiinariingiin eebbifaman waliin mari’achuun Magaalaa Adaamaatti gurmaa’anii imala of ta’anii hojii uummachuu eegaluu dubbata.
Fedhiifi barnoota eebbifamtoota kanneenii kan adda baase Kantiibaan Magaalaa Adaamaa isaan jijjiiruuf deeggarsa mootummaan taasisu cinatti abbootiin qabeenyaas hirmaannaa akka taasisan waan waamicha taasiseef mul’annisaanii akka lafa qabatu taasiseera.
Eebbifamtoota 12 ta’anii gurmaa’an kanneenif abbaan qabeenyaa Warshaa Qorqorroo Adaamaa maashinii mismaara omishu yoo dhiyeessu, bulchiinsi magaalaammoo bakka hojiifi mana hojii maashinichi itti hojii eegalu mijeessuufii danda’aniiru.
Yeroo ammaatti Dargaggoo Nuuraan hiriyyootasaa waliin omisha mismaaraa kana saffisiisaa kan jiran yoo ta’u, boqonnaa sammuu guddaa argachuu kaasa.
Faanni kaleessa hojii barbaacha waggoota lamaa oliif jooraan mudhukee ture qalbiifi yaanni isa jalaa badee ture deeggarsa mootummaan jijjiiramaafi abbaan qabeenyaa isaafi hiriyyootasaaf taasiseen miillisaa lafa qabatee ititee galii dheebochaa ture dhandhamuu eegaleera.
Akka ibsasaatti maashiniin mismaaraa kun guyyaatti mismaara kiiloogiraama 500 ykn kaartoonii dhibba tokko kan omishu yoo ta’u, innis abbaa lakkoofsa shanii hanga kudha lamaati.
Maashiniin kun Itoophiyaatti bal’inaan kan hinbaratame ta’uus ibsee, carraa argate kanatti fayyadamee ofis ta’e biyyasaa gargaaruun takkaan gabaa biyya keessaa tasgabbeessuufi bal’inaan omishuun sharafa alaa argamsiisuuf fedhiifi kaka’umsa guddaan hojjetaa jira.
Waldaansaanii erga hundaa’ee ji’a sadii ol lakkoofsisuus kan eere hojigaggeessichi, maashinichi humna guutuun hojiitti gallaan fedhii dhiyeessii mismaaraa baay’ee olka’aa ta’e milkeessuun akka danda’amullee ibseera.
Omishni mismaaraa kun lakkoofsota hundaan bal’inaan akka irratti hojjetamuuf xiyyeeffannoon kennameefii hojiitti kan seename yoo ta’u, hanga gabaa wajjin walbaranitti muraasa omishaa dinagdeesaanii bayyanachiisaa gabaas tasgabbeessuuf hojiitti seenaniiru.
Hojidhabdummaan yeroosaanii waggaa sadii hincaalleefi isaan jalaa nyaataa ture amma hojiirra oolee irraa nyaatamaa jira jedhee; miirri kutannaa jiraannaan eeggattummaan seenaa akka ta’u hubachiiseera.
Eebbifamtoonni har’allee hojii barbacha mudhukaa jiran dhaabatanii of ilaaluu akka qaban kan hime Dargaggoo Nuuraan, hojii barbaaduun qorqalbii, humna, dandeettii, hamileefi abdii waan dadhabsuuf miira kutannaan hojii uummachuutti seenuun of jijjiiranii osoo yeroon isaanirratti hinhojjetiin yeroosaaniitti hojjechuun of jijjiiruu akka qaban gorsa.
Sochii kutannaa hojii uummachuuf eebbifamtoonni qaban cinatti deeggarsi mootummaa jijjiiramaatii mul’achaa jiru kan nama jajjabeessu ta’uullee himee, eebbifamtoonni carraa kanatti fayyadamuun eeggattummaa seenaa gochuu akka qaban dubbata.
Dargaggoo Galaanaa Gadaas akkuma hiriyyaasaa kana dhaabbata barnoota olaanaa mootummaarraa Makaanikaal Injiinariingiin eebbifamee waggoota sadiif hojii barbaacha jooraa yeroosaa qisaasessaa turuu yaadachiisa.
Haata’u garuu hojii hubannoo uumuu IMXn isaaniif kennameen miira hojii barbaaduu keessaa bahee hojii uummachuutti akka fuulleffatu isa taasiseera. Innis hiriyyootasaa waliin gurmaa’ee omisha mismaaraa kanatti bobba’uun galii achirraa argatuun mogolee kaleessaafi dheengadda hojii barbaacha jooraan qal’atee ture itichee lafa dhaabuu eegaluu hima.
Maashinii mismaara omishu kanaan galii jireenyisaa itti bayyanatu ciminan irratti hojjetamnaanimmoo biyyaafillee bu’aa kan buusu waan ta’eef hojii gaariidha jedha. Maashinni kun humna guutuun hojiitti galee walitti hidhamiinsi gabaallee yoo mijateefitti namoota biroofillee carraa hojii uumuu kan danda’uudha.
Rakkoon walitti hidhamiinsa gabaa hudhaa waldichaa ta’e akka furamuufis mootumman xiyyeeffnnoo kennuu akka qabu eeree; kanaan dura gabaa wajjin waan walhinbarreef harkifannaan akka jirudha kan kaase. Haata’u garuu takkaa baramnaan kan itti abdatamu ta’uu kaasuun carrichi ijasaanii akka bane dubbata.
Eebbifamanii hojii barbaaduun hammam akka ulfaatu isa argeefi maatii eebbifamtootaaf dhiisuun ga’aadha. Wiirtuulee beeksisni itti maxxanfamurra jooruun mogoleetu nama salphata.
Hamileetu nama caba, jiraachuutu nama jibbisiisa. Kanaafuu deeggarsa mootummaan jijjiiramaa hojidhabeeyyiif keessumaa carraa hojii akka uummataniif taasisaa jiru kun kan jajjabeeffamuu qabuudha jedha.
Fedhiin waajjira mootummaa keessa galanii hojjechuu namoota baay’ee deega keessatti hambiseera kan jedhe dargaggoon kun, mindeeffamanii hojjechuurra dinagdee dhalootaa kan cimsu hojii uummachuu qofa jedha.
Of ta’anii hojjechuun galii addaa akka argatan nama taasisa. Kanamalees dinagdeen akka of ijaaraniif haala kan mijeessu waan ta’eef miira hojii barbaaduu keessaa bahuun hojii uummachuun aadeeffatamuu qaba.
Walumaagalatti aadaan hojii ummachuu gabbachuun miirriofitti amanummaa akka gabbatu, dinagdeen ofii akka humnaa’u ofirra darbaniis warreen biroof abdii akka ta’an kan taasisu waan ta’eef isa barataniin qofa osoo hintaane deeggarsa mootummaa jijjiiramaafi muuxannoo horatanitti fayyadamanii hojii uummachuun ofiifis biyyaafis bu’aa kan buusu waan ta’eef haa aadeeffatamu.
Waasihun Takileetiin
BARIISAA SANBATAA Hagayya 18 Bara 2016