Cinaaksan: Sababa rakkoo nageenyaatiin yeroo lamaa sadii qe’eesaaniirraa buqqa’anii gara Magaalaa Baabbileefi Harariitti godaanuuf kan dirqaman Jiraataan Aanaa Cinaksan Obbo Wazir Ahmad, maatiinsaanii jireenya tasgabbaa’aa dhabuudhaan adda bittinnaa’ee ijoolleenis barumsa addaan kutuuf dirqamuu ibsu.
Waggoota sadeen kanneen osoo hineegamne iddoon dur isaan rakkoo nageenyaatiif irraa dheessaa turan sun haala qonnaatiif mijattuu taatee akka argamtu hojii mootummaan naannichaa hojjateen yeroo ammaa gara mandara dhalootasaaniitti deebi’uudhaan hojii qonnaa keessa galuu ibsu.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa deeggarsa sanyii filatamaarraa kaasee hanga tiraaktara qonnaatti, akkasumas wayitii midhaan gahuttis kombaayinara ittiin haaman waan dhiheesseefiif qonnaan bulaa Oromoo qofa osoo hintaane, ummanni Sumaalee ollaasaanii misooma waliinii kanarratti qooda fudhachaa jiru.
Godina Harargee Bahaatti qonna gannaa bara kanaatiin lafa hektaara 538,905 misoomaa jiru keessaa hektaarri 459,555 kilaastaraan misoomaa jiraachuu ragaan Waajjira Qonnaa Godinichaa kan agarsiisu yoo ta’u, kana keessaas lafti hektaarri 57,900 kilaastara inisheetivii Qamadiitiin uwwifamee kunuunfamaa jira.
Aanaa Cinaaksanitti qamadii qonna gannaa kilaastaraan misoomaa jiruufi pirojekti jallisii Finnaa Marar qarshii miliyoona 500n hojjatame hawaasa naannichaa bal’inaan gara hojii misooma qonnaatti akka bobba’uuf carraa uumaa jiraachuu jiraattotni nidubbatu.
Waliigalatti godinichatti inisheetivii qamadii qonna gannaatin lafti hektaara 70 irratti facaafamee kunuunfamaa kan jiru yoo ta’u, kanarraayis caallaan kuntaalli miliyoonni 13 ol ni argama jedhamee kan eeggamu ta’uu Ittigaafatamaan Waajjira Qonnaa Godinichaa Obbo Geetaahun Nigaatuu ni dubbatu. Aanaa Cinaaksanittis immoo lafti hektaarri kuma 33 caalu kilaastara qamadiitiin misoomaa jira.
Rakkoo nageenyaa kanaan dura yeroo garaa garaatti uumamaa tureen maqaanshee kan ka’u Aanaa Cinaaksanis ammaan tana nageenya mirkaneeffachuun hojii misoomaa ho’aa keessa galuushee abdii haaraa uumaa jiraachuu jiraattonni ni ibsu.
Lafti duraan misooma malee ture yeroo ammaa haala mijataa uumuun sanyii filatamaafi galtee qonnaatiin deeggaramee hojii misoomaa ho’aa keessa jiraachuu kan himan ittigaafatamtichi, mootummaan naannoo Oromiyaas hojii qonnaa naannawichatti taasifamuuf deeggarsa hindaangeeffamne taasisaa jiraachuu dubbatu. Babal’ina hojii qonnaa naannawa daangaa bulchiinsaa kana deeggaruun, tiraaktara qonnaa dhiheessuun akka qotamu taasisuudhaan wayitii gahes kombaaynaraan kan haamamu ta’uu ibsaniiru
Inisheetiviiwwan qonnaa akka naannoo Oromiyaatti bocamanii hojiirra oolaa jiran jiruufi jireenya qonnaan bulaa bu’uurarraa kan jijjiiraa jiru ta’uusaatiif ragaan Aanaa Cinaaksan qofti gahaa ta’uus dubbataniiru.
Gareen Pirezdaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa, Obbo Shimallis Abdiisaatiin durfame tibbana, Godina Harargee Bahaa, Aanaa Cinaaksanitti qamadii qonna gannaan lafa hektaara kuma 2800 irratti kilaastaraan facaamee misoomaa jiru daaw’achuunsaa ni yaadatama.
Bayyanaa Ibraahimiin
BARIISAA SANBATAA Hagayya 18 Bara 2016