Dargaggoo Lalisaa Daani’eel Guutamaa Naannoo Oromiyaa, Godina Qellem Wallaggaa, Magaalaa Dambi Dollootti dhalatee guddate. Barnootasaa sadarkaa tokkoffaafi lammaffaa bakkuma dhalootasaatti baratee xumure.
Barnootasaa digrii tokkoffaafi lammaffaa Falaasamaan Yunivarsitii Finfinneerraa eebbifamuun Yunivarsitii Dambi Dollootti bariisummaan mindeeffamee hojjechaa jira. Dargaggoon kun yeroo ammaa hojii tola ooltummaafi tajaajila hawaasummaarratti hirmaachuun Naannoo Sidaamaa, Aanaa Alataa Wandootti dargaggoota naannawaa waliin ta’uun tajaajila gara garaa kennaa jira. Gaafdeebii Gaazexaan Bariisaa dargaggoo kana waliin keessumaa dhimma tajaajila tola ooltummaafi hawaasummaarratti taasise akka armaan gadiitti dhiyaateera.
Bariisaa: Hojii tola ooltummaarratti akka hirmaattuuf maaltu sikakaase?
Lalisaa: Barsiisaan Yunivarsitii tokko dirqamoota sadii qaba. Isaanis baruufi barsiisuu, qo’annoofi qorannoo adeemsisuufi hojii tola ooltummaa hojjechuudha. Kanaafuu tola ooltummaan hojii dirqama narraa eegamuudha. Akaakuun barnootaa baradhes hojii tola ooltummaan walqabata. Tola ooltummaan hojii namni barate tokko beekumsaafi ogummaa horateen kaffaltii tokko malee hawaasa tajaajiluudha. Hojiin kun qo’annoofi qorannoo rakkoolee hawaasummaa furan adeemsisuus of keessatti qabata.
Hojiin tola ooltummaa namni kamuu raawwachuu danda’u ammoo tajaajilli hawaasummaa jedhama. Tajaajilli hawaasummaa namoota rakkatan gargaaruu, harkaqal’eeyyiif mana ijaaruu, namoota daaran daara baasuu, namoota beela’an nyaachisuu, namoota dhukkubsatanii mana yaalaa dhaquu dadhabanii daandiifi manasaanii ciisan gara mana yaalaatti geessuun yaalchisuu, namoota balaa uumamaafi namtolcheef saaxilaman gargaaruufi tajaajiluu of keessatti qabata.
Hojii tola ooltummaa kanarratti utuu hinhirmaatiin dura leenjii marsaa 10ffaa Ministeerri Nageenyaa Yunivarsitii Hawaasaatti ji’a tokkoof kenne fudheera. Leenjichi mataduree ‘Sagantaa Tajaajila Tola Ooltummaa Dargaggoota Biyyaalessaa Itoophiyaa (‘Ethiopia national voluntary youth service program’ jedhuun kennameera.
Bariisaa: Qabiyyeen leenjii Yunivarsitii Hawaasaatti isiniif kennamee maalirratti xiyyeeffata?
Lalisaa: Leenjiin Yunivarsitii Hawaasaatti daraggootaan dargaggootaaf kenname dargaggoonni akkamitti tajaajila tola ooltummaa akka kennaniifi jiruufi jireenyasaanii jijjiiruu akka danda’anirratti hubannoo bal’aa akka argannu taasiseera. Leenjichi matadureewwan guguddaa sadiifi kaayyoowwan ijoo sadii kan qabu yoo ta’u, qabiyyeensaa ammoo hojii tola ooltummaarratti xiyyeeffata.
Kaayyoowwan leenjichaa keessaa tokko nageenya waaraa karaa dargaggeessa yaada gaarii (sammuu qaroome) qabuun mirkaneessuudha. Hojiin nageenya waaraa mirkaneessuu kun dargaggeessa xiinsamuu gaarii qabu baay’inaan horachuudhaan dhugooma. Sadarkaa yaadaan namni bakka lamatti qoodama. Isaanis namoota uumamaan waan gaarii yaadaniifi kanneen waan hamaa yaadaniidha. Yaadonni hamaan gara gochaatti yeroo jijjiiraman balaa guddaa fidu.
Uumamaan namoonni waan gaarii gochuutti gammadaniifi waan gaarii gochuuf aarsaa guddaa kaffalan jiru. Namoonni akkasii namoota yaada gaarii qaban (positive thinker’ jedhamu. Faallaa kanaa ammoo uumamumaan namoonni waan hamaa yaaduufi gochuutti gammadan, waanti hamaan yoo raawwatamu kalfan jiru. Namoonni akkasii uumamaan namoota yaada hamaa qaban (‘negative thinker’) ta’aniidha.
Nageenya walittifufiinsa qabu mirkaneessuuf dargaggoota yaada gaarii qaban baay’inaan horachuun barbaachisaadha. Leenjichi ijaarsa karaa nageenya waaraa mirkaneessuun danda’amurrattis hubannoo bal’aa nuuf kenneera. Nageenya waaraa mirkaneessuuf sammuu dargaggootaa misoomsuufi dhaloota hojii kamirrattuu dorgomaa ta’e baay’inaan horachuun barbaachisaadha. Dhaloota dorgomaa ta’uuf ammoo naannawaa mijataa (‘comfort zone’) keessaa ba’uun dirqama ta’a.
Rakkoo nu mudate keessaa ba’uuf jalqaba rakkinicha adda baasuu qabna. Isa booda filannoowwan furmaata ta’u jennee yaadnu hunda tarreessuu qabna. Filannoowwan furmaataa tarreeffanne keessaa kanneen daran furmaata ta’uu danda’an adda baasuun qabatamaan hojiirra oolchuudhaan qabatamaan jijjiirama fiduu akka dandeenyu leenjicharraa hubanneerra.
Ijaarsi sabaas karaa nagaafi waliigaltee biyyaalessaa raawwatamuu akka qabu leenjicharraa hubanneerra. Kun ammoo waliigaltee biyyaalessaa mirkaneessuu keessatti gahee olaanaa qaba. Waliigaltee biyyaalessaa uumuun ammoo dhaloota dhimma biyyaarratti kaayyoofi ejjennoo walfakkaataa qabu horachuuf gargaara akka leenjicharraa hubannetti.
Biyyoota boodatti hafoo keessa gad jedhanii isa biraa tarkaanfachiisuun hinjiru. Yaada hamaa gochatti jijjiiruun mallattoo duubatti hafummaati. Yaadni hamaan akka amantiittis fudhatama hinqabu. Kaayyoon leenjichaa inni guddaan yaada hamaa ykn boodatti hafaa ta’e yaada gaariin bakka buusuufi aadaa nageenyaa sammuu namaa keessatti ijaaruun nageenya waaraa mirkaneessuudha.
Bariisaa: Hubannoofi barnootni leenjicharraa argatte hojii tola ooltummaa raawwachaa jirturratti hangam sigargaareera?
Lalisaa: Hubannoofi barnoonni leenjicharraa argadhe hojii tola ooltummaan raawwachaa jiruuf galaa naa ta’eera. Hojii tola ooltummaa kana damee barnootaa baradheetiinis ta’e humnaafi yeroo koo aarsaa gochuun hojii hawaasa tajaajilu kennaan jira. Hojii tola ooltummaa kana ja’oota ja’aaf hojjechuuf Ministeera Nageenyaa waliin waliigaltee taasifneerra. Bakkan itti ramadamee hojjechaa jiru ergan dhufee ji’a lama xumureera.
Hojii tola ooltummaa kana karaa lamaan kennaa jira. Inni jalqabaa kallattii barnoota kootiin yoo ta’u, lammaffaa ammoo hojiilee tajaajiloota hawaasaa mirkaneessan kamirrattuu hirmaachuudhaani. Kallattii damee barnoota kootiin ergan bakka kana dhufee qo’annoofi qorannoo rakkoolee hawaasa naannawaa qabatamaan furan hojjedhee xumuree bu’aa qorannochaa qaama dhimmi ilaallatuuf dhiyeessuuf qophii xumureera.
Hojiin koo ittaanu dargaggoota naannawaafi qaamolee qooda fudhattootaa biroo waliin ta’uun namoota harkaqal’eeyyiif mana ijaaruu, kan daaraniif uffata walittiqabnee uffisuu, warra waan nyaatan hinqabneef nyaata walittiqabnee deeggaruu, bakka rakkoon daandii jirutti daandii ijaaruufi biqiltuuwwan dhaabuufi kunuunsuudha.
Nuti dargaggoonni Ministeera Nageenyaatiin leenjinee asitti ramadamne dargaggoota naannawaa kakaafnee hojii tola ooltummaarratti hirmaachuun dura rakkooleen hawaasa naannawaa maal akka ta’an qorannee adda baafanne. Isa booda qaamolee rakkoolee adda bahaniif furmaata kennuu danda’an adda baafanna. Isa booda gara qaamolee dhimmichi ilaallatuufi dargaggoota naannawaa hirmaachisuun rakkoolee qorannoon adda bahan furuutti seenna.
Hojiin biqiltuu dhaabuufi kunuunsuu akkasumas hojiileen tajaajila hawaasaa mirkaneessan guyyaa guyyaan raawwachaa jirra. Hojiin kun ulfaataa ta’us fedhii guddaafi miira gammachuutiin hojjechaa jirra.
Bariisaa: Tola ooltummaa daangaa naannoo ce’e kennuun hariiroo hawaasaa cimsuufi aadaa saba biraa baruu keessatti faayidaa akkamii qaba?
Lalisaa: Tajaajila tola ooltummaa daangaa naannoo ce’e kennuun hariiroo hawaasaa daran cimsuufi aadaa saba biraa akka barru taasisuu keessatti gahee olaanaa qaba. Bakka itti dhalatanii guddatan dhiisanii naannoo biraa deemanii hojjechuun utuu hojii kamuu hinfilatiniifi hintuffatin gadijennee akka hojjennu gochuun ilaalcha hojii tuffachuufi filachuu keenyaa cabsuuf gargaara.
Hojii tola ooltummaatiif bakkawwan gara garaatti ramadamnee hojjechuun beekumsa, ogummaa, muuxannoofi aadaa keenya hawaasa naannawaa sana jiraatuuf akka qoodnuufi kan isaanii ammoo akka irraa qooddannuuf nu gargaara. Akkasumas afaaniifi haala jiruufi jireenya hawaasarraa waan hedduu akka barannuuf keenyas akka qoodnuufiif gargaara.
Leenjii Ministeerri Nageenyaa Yunivarsitii Hawaasaatti nuu kenne waan gaarii akka yaadnuufi raawwannuuf sammuu keenyatti waan fe’eera. Qabiyyeen leenjichaa gabaabumatti aadaa nageenyaa ijaaruu, nageenya waaraa mirkaneessuu, dhaloota mindeffamee hojjechuurrattis ta’e hojii dhuunfaasaa ummatee hojjechuurratti dorgomaa ta’e baay’inaan horachuu, ijaarsa sabaa karaa waliigaltee biyyaalessaa mirkaneessuufi dhaloota qaruurratti xiyyeeffata.
Bariisaa: Hojii tola ooltummaarratti hirmaachuun faayidaa maalii qaba?
Lalisaa: Hojii tola ooltummaarratti hirmaachuun gammachuufi boqonnaa sammuu namaa kenna. Yeroo hawaasa keessa jiraanuufi naannawa jiraannutti waan gaarii hojjennu keessa keenyatti nagaafi gammachuu guddaa arganna. Tola ooltummaan dhala namaa rakkate gargaaruu qofa utuu hintaane bineensotaafi uumama biroo eeguufi kunuunsuus of keessatti hammata.
Tola ooltummaan nama hojii tola oolees ta’e nama hojii sanaan gargaarameef gammachuu guddaa kenna. Tola ooltummaan nama birattis ta’e Waaqa biratti hojii jaallatamaafi eebbifamaadha. Bineensa laaqii keessatti qabamee ba’uu dadhabe achi keessaa baasanii bilisummaan akka socho’u gochuunillee tola ootummaadha. Hojiin kun sammuu namaa keessatti gammachuufi nagaa guddaa uuma. Tola ooltummaa sammuu garee gargaaruufi gargaaramuu keessatti gammachuu guddaa uuma waan ta’eef hundumtuu hojicharratti utuu hirmaate gaariidha ergaa jedhun qaba.
Bariisaa: Dhumarratti dargaggootaaf ergaa yoo qabaatte?
Lalisaa: Dargaggoonni waan humna qabaniif waan barbaadan hojjetanii agarsiisuu danda’u. Dargaggoonni hojjetanii ofiifi maatiisaanii akkasumas biyyasaanii jijjiiruuf karoora qabatamaan hojiitti jijjiiruu danda’an baafatanii hojiirra oolchuu qabu. Namni mindeeffamee hojjetu qarshii kan argatu ji’atti. Hojii dhuunfaasaa kan hojjetu garuu guyyaa guyyaan bu’aa qarshii argatuu lakkaa’a waan ta’eef dargaggoonni mindeeffamanii hojjechuurra hojii dhuunfaasaanii uummachuurratti akka xiyyeeffatanan gorsa.
Natsaannat Taaddasaatiin
BARIISAA SANBATAA Hagayya 4 Bara 2016