Finfinnee: Misoomni Koriidarii guddina turiizimii magaalotaa saffisiisuu keessatti shoora olaanaa waan qabuuf magaalota hunda keessatti babal’isuun barbaachisaa ta’uu Komishinarri Komishinii Turiizimii Oromiyaa Aadde Lalisee Dhugaa ibsan.
Aadde Laliseen ibsa torbee darbe Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin akka jedhanitti, inisheetiiviiwwan dura bu’ummaa Ministeera Muummee Doktar Abiyyi Ahmadiin hojiirra oolaa jiran kanneen akka Maaddii Biyyaaf, Maaddii Dhalootaaf, Itoophiyaa Qulqulluufi Misoomaa Koriidarii dadammaqiinsa turiizimii biyyattii keessatti shoora olaanaa gumaachaa jiru. Keessumaa inisheetiiviin misooma koriidarii biyyoota Awurooppaa Kibbaa (Ingiliz, Faransaay, Xaaliyaan, Ispeen)fi biyyoota Iskaandineeviyaatti guddina turiizimii magaalaa daran olkaasuun waggaatti galii doolaara biliyoonaan lakkaa’amu akka argatan isaan taasiseera.
Itoophiyaatti aadaan turiizimii biyya keessaa laafaa ture kutannoo mootummaan pirojektonni akka Wancii, Gorgoraa, Halaalaa Keellaa hojjetamuun aadaan daawwannaa ummata biyyattii akka dabalu ta’uu himanii; misooma koriidarii Finfinnee, Bishooftuufi Adaamaatti hojjetamaa jiran guddina turiizimii magaalaa (‘Urban tourism’) saffisiisaa jiraachuu dubbataniiru. Ammaan tana misoomni koriidarii jiraattota magaalaafi magaalaan alaa kumaatamaan lakkaa’aman hawwataa akka jirus ibsaniiru. Keessumaa aadaan daawwannaa dargaggoota biyyattii dabalaa dhufuu ibsaniiru.
Akka isaan jedhanitti, Oromiyaan magaalota hedduu qabaattus haalli pilaaniisaaniifi bu’uraaleen misoomaa qaban guddina turiizimii magaalaaf mijataa miti. Misoomni koriidarii sadarkaa naannootti magaalota kanneen akka Bishooftuu, Adaamaafi Shaashamanneetti eegalame hudhaalee jiran furuun guddina turiizimii magaalaa waan saffisiisuuf magaalota biroo keessattis cimee ittifufuu qaba.
Itoophiyaan qabeenya uumamaa badhaatuu ta’uun alatti biyya seenaa umurii dheeraa qabdu taatus bakkeewwan hawwata turiizimii qixa sirriin misoomsuufi beeksifamuu dhabaniin beekamtiinis ta’e galiin damichaa gadaanaa ta’uu himanii; hojiin misooma koriidariifi Maaddiin Biyyaaf rakkoo kana furuu keessatti gumaata guddaa akka qabu dubbataniiru.
Itoophiyaan argama dhala namaa qofa osoo hintaane madda hawwata turiizimii ta’uunshee waltajjii idiladdunyaa garagaraarratti qindoominaan beeksifamaa jiraachuu eeranii; milkaa’inasaafis daandiin qilleensa biyyattii biyyoota 130 ol keessaa waajjira waan qabuuf akka carraatti itti fayyadamuunis barbaachisaadha. Imbaasiiwwan Itoophiyaa biyya alaa jiranis beekamtii biyyattiin qabdu gadaanaa ta’uu hubatanii hojii beeksisuurratti akka hirmaatan dhaamaniiru.
Hojiin qindoominaan hojjetamu akkuma jirutti ta’ee gama bakkewwan hawwata turiizimii Oromiyaa beeksisuu keessatti biyyoota Bahaa Fagoofi Kaariibiyaa keessatti bal’inaan hojjetaa jiraachuu himanii; hojii kana hordofee yaa’iinsi daawwattootaa dabalaa dhufuus yaadachiisaniiru.
Waaqshuum Fiqaaduutiin
BARIISAA SANBATAA Hagayya 4 Bara 2016