“Labsii invastimantii mootummaan jijjiiramaa baase qonna mala aadaarraa gara warshaa nyaataa dhuunfachuutti akkan ce’u na taasiseera” – Obbo Gabree Gurmuu

Jaarraa tokkoo oliif qonnan bulaan lafasaarratti abbummaa dhabuun maqaa ciisenyaa jedhamutti moggaasuun qabeenyasaarratti irboo safaraa omishaasaa saamamaa qabiyyeesaarrattis hogganuu dhabuun deegaaf gadadoon waxalamaa tureera.

Sirni sirna nyaatee mootummaan jijjiiramaa bu’aa qabsoo hadha’aa qeerroofi qarree ta’e qonnaan bulaan lafasaarratti abbummaa akka qabaatu qabeenya horatee gara invastimantiitti akka cehu labsii baaseen qonna mala aadaarraa gara makaanaayizeeshinii qonna ammayyaa babal’isuu darbees qonnaan bulaan qabeenya horatee gara invastimantiitti akka ce’uuf haalli mijataa uumamaa tureera.

Imaammanni ce’umsa qonnarraa gara invastimantiitti taasifamu deeggaru kun akkaan babal’achuusaatiin guutummaa biyyaatti fayyadamummaan qonnaan bulaa dabalaa kan jiru yoo ta’u, keessumaa akka Oromiyaatti jijjiiramni qonnaan bulaa dinagdeen humneessuufi gara invastimantiitti ceessisuu godinaalee garagaraa keessatti galmaa’aa jiru kan nama jajjabeesssuudha.

Mootummaan jijjiiramaa gara aangootti dhufuun walqabatee xiyyeeffannoon damee qonnaaf kennamu dachaan waan dabaleef lakkoofsi qonnaan bultoota qonna ammayyaa fayyadamaniifi gara invastimantiitti ce’anii godinaalee gara garaatti heddummaachaa kan jiru yoo ta’u, barana akka Godina Shawaa Bahaatti qonnaan bultoonni 400 ol kaappitaala gurguddaa galmeessisuun invastimantiitti cehaniiru.

Obbo Gabree Gurmuu qonnaan bulaa jiraataa magaalaa Adaamaa yoo ta’an, Akka Godina Shawaa Bahaatti qonnaan bultoota gara investimentiitti ce’an 400 keessaa isaan tokko.

Dhalatanii kan guddatan Magaalaa Adaamaa, Kutaa Magaalaa Dambalaa, Aanaa Malkaa Adaamaatti. Maatiinsaanii ganamumaa ka’anii hojiilee misooma qonnaa kan akka xaafii, qamadii, qullubbii, timaatimaafi kuduraalee gara garaa omishuun jireenyasaanii gaggeessaa turaniiru.

Obbo Gabreen barnootasaanii cinatti maatiisaanii gargaaraa hanga barnootasaanii yunivarsitii xumuranitti harka tokkoon barnoota, kaaniin qonnaan maatii deggeraa injinariingii ijaarsaatiin eebbifamuu kaasu.

Ka’umsisaanii qonna mala aadaatiin gaggeeffamaa ture ta’uu kaasanii, galteewwan qonnaasaanii fooyyessuun omishaafi omishtummaasaanii dachaan dabaluun sadarkaa tiraaktara bitachuurra qaqqabuu ibsu.

Duubarra makaanaayizeeshinii qonna ammayyaa babal’isuun callaansaanii dachaan dabalaa fayyadamummaansaaniis guddachaa dinagdeen of ijaaruun qonnaan bulaa adda duree ta’aniiru. Adeemsa keessa laftisaanii lafa magaalaa jala waan galeef invastimantiin abbaa qabeenyaaf yoo dabarfamu imaammata invastimantii mootummaan jijjiiramaa baase bu’uura godhachuun beenyaa olaanaa isaaniif kennamuu danda’eera.

“Beenyaa nuu kaffalame sana osoo hinballeessiin baankiirraas itti dabalannee loodara bitachuun barnoota baradheen deeggaramee gara misooma ijaarsaaleerrattin bobba’e” kan jedhan Obbo Gabreen dinagdeensaanii dachaan dabalaa cimaa deemuu kaasu.

Hojiisaanii ijaarsaa cimsuun maallaqas argachaa kan dhufan qonnaan bulaan kun, lafasaanii haferratti gara invastimantiitti akka ce’aniif bu’uura buuseeraaf.

Kaappitaala gahaa galmeessisuun heyyama invastimantii lafasaaniirratti baafachuun warshaa dhuunfaasaanii banachuus eeranii, imaammanni invastimantii mootummaa jijjiiramaatiin hojiirra oole qonnaan bulaas ta’e abbootii qabeenyaa fayyadamaa taasisaa jira jedhu.

Isaanis qonnaan bultoota 400 akka Godina Shawaa Bahaatti invastimantiitti ce’an keessaa isaan tokko yoo ta’an, jijjiiramni mootummaa jijjiiramaatiin galmaa’aa jiru qonnaan bulaan lafasaarratti abbummaa akka qabaatu qabeenyas horatee invastimantiitti ce’uu akka danda’uuf haala mijataa uumuufii kaasu.

Warshaansaanii Magaalaa Adaamaa, Kutaa Magaalaa Dambalaa, Aanaa Malkaa Adaamaatti kan argamu yoo ta’u, warshaa nyaanniwwan gara garaa itti omishamaniifi maqaa “Gabree Gurmuu Food Complex” jedhama.

Yeroo ammaatti ijaarsi warshichaa guutummaatti kan xumurame yoo ta’u, walakkeessa 2017tti omishni akka jalqabamuufi qophaa’ummaan jiru olaanaa ta’uu kaasaniiru.

Warshaa nyaataasaanii kana keessatti daakuu boqqolloo, qamadii gabaaf dhiyeessuuf kanamalees paastaa, makoronii, buskutiifi daabboo omishuun gabaa tasgabbeessuufi dinagdeesaanii cimsuuf cichanii hojjetaa jiru. Warshaa nyaataatiin ala ijaarsi warshaa zayitii nyaataas xumuramaa kan jiru yoo ta’u, baasii humnaa olii omishaalee zayitii nyaataafi dhiyeessiilee akka paastaa, makoronii, daakuu, alaa galchuuf bahu biyya keessatti omishuun baraaruufi gabaa tasgabbeessuun lammiileef gahuu kan kaayyeffateedha.

Warshaaleen kunniin lameenuu walakkeessa bara hojii 2017 guutummaatti hojii kan eegalan yoo ta’u, warshaafi ijaarsawwan kanneen keessatti carraa hojii namoota hedduuf banuullee danda’aniiru.

Yeroo ammaa hojjettoota 107’f hojii dhaabbataa hojjettoota 220 oliifimmoo kan yeroo bananii hojjechiisaa kan jiran yoo ta’u, warshichi guutummaatti hojiitti akka galeen carraan hojii hojidhabdootaaf banamu dachaan akka dabalu kaasaniiru.

Ilaalcha kanaan dura tureen qonnaan bulaan xiyyeeffannoo dhabuun lafasaarratti abbummaa dhabee deegaafi hiyyumaan nyaatamaa turuu kan kaasan Obbo Gabreen, sirni jijjiiramaa amma hojiirra jiru eenyumtuu hojjetee akka of jijjiiruuf haala kan mijeessu ta’uu dubbatu.

Labsiin invastimantii hojiirra jiru abbaa qabeenyaan alatti qonnaan bulaan lafasaarratti akka misoomsu haala kan mijeessu waan ta’eef, lafti qonnaan bulaa invastimantiin yoo fudhatames beenyaa gahaa kennamuun of jijjiiruu akka danda’u kan taasisudha.

Kanaafimmoo nuti ragaadha kan jedhan Obbo Gabreen, akka Godina Shawaa Bahaatti qonnaan bultoota invastimantiitti ce’an keessaa tokko ta’uu eeru.

Galii hojilee misoomaa gara garaarraa argataniin daran fayyadamaa jiraachuu kaasanii, jaalala lammiisaaniif qaban ibsachuufis qe’ee qonnaan bulaa itti dhalatan keessatti mana barumsaa oolmaa daa’immanii sadarkaasaa eeggate qarshii miliyoona 35 oliin ijaarsisanii misooma barnootaa keessattis qoodasaanii bahataa jiru.

Qonnaan bulaan invastimantiitti ce’uun dinagdee dhuunfaasaa cimsuun ala wabii dinagdeefi hawaasummaa biyyaa akka ta’u kan isa taasisu waan ta’eef imaammatichi kan jajjabeeffamudha.

Dhaloonni darbe carraa barnoota ammayyaa dhabuusaatiin miidhamaa tureera. Kanaafuu, nuti warri bayyananne dhaloota duuba jiruuf haala mijataa uumuuf dirqamni lammummaa guddaa nurra jira kan jedhan Obbo Gabreen, bu’uuraalee misooma gara garaa keessatti harka ofii diriirsanii wabii hawaasa ofii ta’uun murteessaa ta’uus nikaasu.

Jaarraan amma keessa jirru qonnaan bulaan lafasaarratti abbummaa akka qabaatu misoomsees invastimantiitti akka ce’u haala kan mijeessu waan ta’eef ittifayyadamuun murteessaadha.

Keessumaa malli qonna duubatti hafaa humna qonnaan bulaa keenya nyaataa tureera kan jedhan Obbo Gabreen, hojiirra oolmaan makaanaayizeeshinii qonna ammayyaa fooyya’aa deemuun ammallee kan cimu ta’u dubbatu.

Guutummaa Oromiyaatti ittifayyadamni makaanaayizeeshinii qonna ammayyaa babal’ataa deemuusaatiin galiin callaas dachaan dabalaa jiraachuu argaa jirra.

Kun kutannaa mootummaan jijjiiramaa qonnaan bulaa fayyadamaa taasisuuf qabu olaanaa ta’uu agarsiistuu guddaadha. Gama misooma qonnaan bulaan ammallee mala aadaatiin qonna qotaa kan jiru hedduu ta’uu kaasanii, keessumaa aadaan qonna kilaastaraa gabbachaa deemuun barbaachisaa ta’uu ibsu.

Qonni kilaastaraa babal’achuun qonni keenya akka ammayyaa’u dhiyeessiiwwan qonnaa haalaan akka guutamaniif kanamalees ittifayyadamni teknolojii qonnaa akka gabbatu haala kan mijeessuudha.

Bu’uuruma kanaan qonni keenya ammayyaa’aa deemuun callaan keenya dachaan akka dabalu kan taasisu yoo ta’u, dinagdeen of ijaaruun ce’umsi gara invastimantiitti taasifamu akka milkaa’u kan taasisuudha.

Waalumaagalatti imaammata invastimantii mootummaan jijjiiramaa baasee hojiitti seenee jiru qonnaan bulaa kan jijjiiru, invastimantiitti kan ceessisu ta’uusaan qonnaan bultoonni hedduu fayyadamaa ta’aa waan jiraniif carraa kanatti fayyadamuun ofiifis biyya ofiifis bu’uura buusuuf cimsanii hojjechuun barbaachisaadha.

Obbo Gabreen akka Godina Shawaa Bahaatti qonnaan bultoota mala aadaatiin qotuurraa gara makaanaayizeeshinii qonna ammayyaatti ce’uurra darbuun warshaalee gara garaa dhuunfachuun tarree investimentii keessa kan hiriiran, lammiilee hedduuf carraa hojii uumuun alatti tajaajila hawaasaa gara garaas laachuun aantummaasaanii qabatamaan agarsiisaafi kutannaan hojjennaan jijjiiramuun akka danda’amu ifatti mul’isaniiru.

Waasihun Takileetiin

BARIISAA SANBATAA Hagayya 4 Bara 2016

Recommended For You