Itoophiyaa Kibbaatti balaan sigiga lafaa ammayyuu yaaddessaadha

Finfinnee: Naannoo Itoophiyaa Kibbaa, Godina Gofaa, aanaa Gazee Gofaatti balaan sigiga lafaa lubbuu namoota 223 ol galaafate godinaalee naannichaa hedduuttis yaaddoo ta’eera.

Balaan sigiga lafaa haala kanaan dura hinbaratamneen Itoophiyaa bakkoota hedduutti mudachaa jiraatus kan Naannoo Itoophiyaa Kibbaa godaannisa hamaa ta’uun seenaa keessatti yaadatama.

Ittigaafatamtuun Biiroo Kominikeeshinii Naannichaa Aadde Sannaayit Solomoon Roobii darbe namoota balaa sigiga lafaa jalaa baraaramaniif deeggarsaa taasifamuufi hojii deebisanii dhaabuu ilaalchisee Gaazexaa Bariisaaf wayita yaada kennan, godinaalee naannichaa hedduu keessatti sigigni lafaa mudachuu akka mallattoolee mul’achaa jiraachuu ibsaniiru.

Godinaalee naannichaa kanneen akka Goofaa, Walaayittaa, Gaamoo, Geedi’oo, Gaardullaa, Haariifaa keessatti  akka Gazee Gofaa bal’aa ta’uu baatus sigigni lafaa mudachaa jiraachuu eeranii; Oomoo Kibbaafi godinaalee biroottis sigiga lafaatiin ala balaan lolaa hamaan mudachuu waan maluuf Waajjirri Hoggansa Sodaa Balaa Naannichaa ummata balaa jalaa baraaruuf sochii olaanaa taasisaa jira. Haaluma kanaan Godina Walaayyitaafi kanneen birootti lubbuu hedduu balaa jalaa baraaruun danda’amuu yaadachiisaniiru.

Akka isaan jedhanitti, naannichatti godinaalee yaaddoo balaa sigiga lafaa qaban keessaa namoota 626  ta’an giddu galawwan yeroo ja’atti walittiqabuun deeggarsi nyaataa, uffataa, xiinsammuufi yaalaa fayyaa taasifamaafii jira.

Namoota giddugalawwan kunneenitti walitti qabaman 626 keessa abbootii warraa 88 Gazee Gofaarraa kan fuudhaman yommuu ta’u, kanneen hafan garuu godinaalee sodaa sigiga lafaa qaban keessaa kan walitti qabamanidha.

Namoota kunneen dhibee daddarbaa mudachuu malu jalaa baraaruuf ogeessotni fayyaa heddumminaan to’annaafi hordoffii taasisuun cinatti mootummaan naannichaa namoota kunneen ji’a sadii keessatti dhaabbiin qubsiisuuf ejjennoon hojjetaa jira.

Akka Gazee Gofaa balaa dhaqqabsiisuu baatus sigigni lafaa bakkeewwan heddeutti mudataniiru. Kanaan boodas rooba cimaa hanga baatii Onkolooleessaatti roobuu raagni haala qilleensaa akeekeen godinaaleen sagantaa dursanii akeekkachiisuun adda ba’an of eeggannoo cimaa akka taasisan ibsanii; sochii mootummaan naannichaa namoota balaa kanaan qe’eesaaniirraa buqqa’an deebisanii dhaabuuf taasisaa jiru ummatni Itoophiyaas tumsa taasisaa jiru cimsee akka ittifufu  dhaamaniiru.

Waaqshuum Fiqaaduutiin

BARIISAA SANBATAA Hagayya 4 Bara 2016

Recommended For You