Finfinnee: Daandii Walisoorraa Wancii geessu hordofee sigigi lafaa mudachuu akka danda’u Qorataan Injiinariingii Hayidiroo ji’oloojikaalaa Yunivarsitii Finfinnee Baay’isaa Raggaasaa (PhD) hubachiisan. Balaa sigigaa xiqqeessuuf kaartaan sigiga mul’isu (‘Hazard zonation map’) akka biyyaatti qopheessuun fala ta’uus ibsaniiru.
Doktar Baay’isaan ibsa Wiixata darbe Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin akka jedhanitti, daandii Walisoorraa Wancii geessu hordofee yunivarsitichi barattoota waraqaa eebbaa qopheessan walta’uun qorannoo salphaa adeemsiseen bakkeewwan eeramanitti sigigi lafaa mudachuu akka danda’u adda baaseera. Yunivarsitichi kutaalee biyyattii balaa sigigaaf saaxilamoo ta’an sababa hanqina bajataarraa kan ka’e qorannoon adda baasuu hindandeenye.
Ta’us barattoota waraqaa qorannoo qopheessan fayyadamuudhaan daandiiwwan hojjetaman tokko tokko hordofuun qorannoo balaa sigiga taasisaa jira. Hanga ammaatti qorannoo taasiseen bakkeewwan balaa sigigaaf yaaddoo hinqabneefi qaban muraasa adda baasuun danda’ameera. Daandii Walisoorraa Wancii geessu akkasumas naannawaa haroo Wancii dabalatee sigigi mudachuu akka malu bu’aan qorannoo yunivarsitichi barattoota waliin ta’uun gaggeesse mul’iseera. Kanaaf, naannawaa kunneenitti xiyyeeffannaan kennamuu qaba jedhaniiru. Akka ibsasaaniitti, sigigi lafaa sochii lafa olka’aa tokkorraa gara gadiitti walcaalmaa humnoota lafa walqabee tursuufi adda baasu gidduutti gaggeeffamuun kan uumamuudha. Harkisi dachee humnoota lafa dhiibanii adda baasan waliin ta’uudhaan humnoota lafa walitti qaban wayita caalan lafti sigigaata.
Lafti akka walhinqabanne taasisuudhaan kanneen lafa sigigaachisan olka’iinsa lafaa, akaakuu biyyee (dhagaa, cirracha), bokkaa samiirraa roobuufi lafa jala guutee ol dabalu, kirkira lafaafi ulfaatina dabalataa bakkasanarratti dabalamu akka fakkeenyaatti kaasaniiru. Gochoota namtolchee keessaa ijaarsa daandii gaarreen addaan qooduun gaggeeffaman balaa sigigaaf sababa akka ta’an ibsaniiru.
Burqaan duraan hinjirre gaarreen jalaa yoo burqe, lafti baqaquu, mukkeen hundeesaaniitti duufanii guddachuun ogeessa ji’olojiin yoo adda ba’e mallattoo sigiga lafaatti fudhatamuun eeggannoon barbaachisaan taasifamuu qaba.
Sigigi lafaa lubbuu namaafi qabeenya balleessuurra darbee Laggeen daandiirraa jal’isuudhaan balaa lolaafi faalama bishaanii qaqqabsiisuu akka danda’u himanii; waliigala balaa sigiga lafaa xiqqeessuuf kaartaan mul’istuu balaa sigiga (hazard zonation map) fala ta’uu ibsaniiru. Akka hojjetamuufis qamolee dhimichi ilaallatuuun xiyyeffannaan akka itti kennamu gaafataniiru.
Akka waliigalaatti, balaa sigiga lafaa teknooloojiin hambisuun kan hindanda’amne ta’uus xiqqeessuun nidanda’ama. Kanaafis, kaartaan mul’istuu balaa sigigaa barbaachisaa ta’uu eeraniii; kaartichis lafa qonnaafi qubannaa akkasumas magaalota bakka balaan sigiga zeeroo ta’etti hundeessuuf gumaacha olaanaa qaba.
Bakka sigigi mudachuu mala jedhamee yaaddoo ta’etti hawaasi argamu wayita balaan sigigaa mudatu lubbuu baraaruuf battalasanatti fiiguun balaa boodaan jiruuf kan saaxilu ta’uu hubannoo uumuun barbaachisaadha. Mootummaanis dhimma kana hubachuun qorannoo kaartaa mul’istuu balaa sigiga lafaa akka qophaa’uuf xiyyeeffannaa kennuufii qaba jedhaniiru.
Gammachuu Kadiriin
BARIISAA SANBATAA Hagayya 4 Bara 2016