Aadaan marii laafuun Oromoo gatii kaffalchiisaa jira

Finfinnee: “Dubbii mariin fixu aalbeen walfixu” makmaaksi jedhamu aadaa Oromoo miti, hinturres. Oromoon saba mariitti amanu, waldhaga’uufi sirna Gadaatiin walseerratuudha.

Taateen waggoota shanii as sababa waldhaga’uufi waltuffachuun Oromiyaafi Oromoo gidduutti mudate gaaga’ama uumaafi uumama rifaasise qofa osoo hintaane Oromoo tuffachiiseedha. Gaaga’amni mudate kunis bu’aa laafuu aadaa mariifi waltuffii ta’uu namootni tibba darbe Gaazexaa Bariisaaf yaada kennan ibsaniiru.

Obbo Girjaa Boruu hayyuu aadaafi seenaa yoo ta’an, biyya Oromoon bulchaa jiru keessatti walhubannaan dhibee inni tokko isa kaan waraanuun akka sabaatti waan nama qaanessuudha jedhu.

Akkuma kutaalee Oromiyaa tokko tokkotti ta’aa jiru Gujiittis osoo jaarsa, jaartii, dargaggeessa yookiin dubartii hinjedhin qabanii ugguruun maallaqa gaafachuun, ajjeechaafi gudeeddaa raawwachuun, misooma ugguruun dinagdee laamshessuun gocha fokkataa, boquu Oromoo akkaan gad qabaa jiruudha. Taateen akkanaa aadaafi seenaa Oromoo keessa akka hinjirres dubbataniiru.

Aangoo argachuuf jecha bosona seenanii obboleessa ajjeesuufi hiraarsuun hinbarbaachisu jedhanii; Oromoon durii kaasee bu’uura sirna Gadaatiin aangoo dabalatee saba fedhiisaafi fedhii waliisaa guutaa as ga’e malee waraanaan aangoo walirraa akka hinmulqine yaadachiisaniiru.

Ammaan tana Gujii keessatti gochi gara jabinaa hin raawwatamne hin jiru. Albuuda dabalatee dacheen qabeenya uumamaan badhaate sababa rakkoo nageenyaaf misoomsuun danqaa ta’aa akka jiru himanii; akkuma “Warra walnyaatu gidduudhaa waa nyaatu” jedhamu rakkoo kana akka carraatti fayyadamuun daangaa ce’uun lafti Oromoollee saamamaa jira jechuun ibsan.

Waggaa 46 oliif barsiisaa kan turan Sheek Muusaa Suwaalaa gamasaaniin,‘Qabsoo waggoota dheeraan booda hiree keenya akka murteeffannu Rabbi mirga nuuf kenneera. Keessumaa 60moota keessaa kaasee saboota hedduutu cunqursaa maqsuuf dhagaa darbataa ture. Miilana Oromoon Rabbi faara tollaan waan isa ilaaleef ganama dhagaa darbatee galgala injifannoon gale. Injifannoon kun akka salphaatti ilaalamuu hinqabu” jechuun ifaaja kaleessaa yaadachuufi haalatti injifannoo har’aa tikfachuun danda’amurratti gorsa maanguddummaa gumaachaniiru.

Kaleessa Oromoon garbummaafi hacuuccaa keessatti sagalee tokkoon Rabbitti iyyachuu cinaatti tokkummaan qabsaa’ee erga injifatee booda waldhaga’uun didee bosonatti maquun eessaa akka dhufe hibboodha jedhanii; akkuma rakkoon kaleessaa tokko isa taasise har’as injifannoo argamee tokkummaan ceesisuu baannaan salphinni booda jiru hamaa ta’uu dubbataniiru.

Oromoon ofiisaarra darbee marii biyyaalessaa milkeessuufuu adda durummaan hojjechuu qabas jedhaniiru. “Yoo waljaalatanii, jaalala moosisan bineensi bosonaayyuu si jaalata” jechuun “Harar naannawasaaniitti jaalala dhala namaafi waraabessa jidduu jiru akka fakkeenyaatti kaasaniiru.

Aadde Masarat Biraanuu Godina Shawaa Kaabaa bakka bu’uun miseensa Caffee Oromiyaati. Akka isaan jedhanitti taateen duudhaafi aadaa Oromoo keessatti ta’ees dhaga’amees hinbeekne qaama hidhatee bosona keessa jiruun ummatarratti raawwatameera.

Ammaan tana akka godinichaatti fooyya’iinsi nageenyaa jiraatus sodaan jiru guddaadha. Kanaafuu, tarkaanfii olaantummaa seeraa cimsuu cinaatti yaaliin daandii nageenyaa cimee ittifufuu qaba jedhan.

Waaqshuum Fiqaaduutiin

BARIISAA SANBATAA Hagayya 4 Bara 2016

Recommended For You