Fooyyessa sagantaa dinagdee gooroo

Itoophiyaan gara fooyyessa dinagdee gooroo guutuutti galuu Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad ibsan.

Kaayyoon ijoo fooyyeessichaas galii mootummaa guddisuu, baasiifi hirpha mootummaa bu’aqabeessa gochuu, sirna caasaa fandii sooramaarratti jijjiirama hojiirra oolchuu, dhaabbilee misoomaa mootummaa bu’aqabeessaafi dorgomaa gochuufi bulchiinsa liqii mootummaa bu’aqabeessaafi ittifufiinsa akka qabaatu mirkaneessuu ta’uun ibsameera.

Dhimma kana ilaalchisuun ibsi Waajjira Ministira Muummeerraa bahe akka ittaanutti dhihaata.

Jijjiirama siyaasaa bara 2010 hordofee mootummaan dinagdeerratti hojilee fooyya’iinsaa hedduu raawwateera. Waggoota jahan darbanitti rakkoolee buleeyyii furuuf fooyyessawwan gara garaa taasisaa tureera.

Rakkoowwan turanis dhiibbaa idaa, qaala’iinsa gatii, hoji dhabdummaa jijjiirama tirannaa adeemsa dinagdee, omishtummaa gadaanaa dameelee omishaa, raawwii gadaanaa pirojektota misoomaa, qisaasama qabeenyaafi idaawwan addaddaa dhaalaman ta’uun ibsameera.

Adeemsi fooyyessa imaammataafi seeraa kun dinagdeen biyyattii gara tasgabbiitti akka ce’u abdii haaraa fideera.

Sagantaan fooyyessa dinagdee mandhalee boqonnaa 1ffaan bara bajataa 2011 hojiitti gale bu’aawwan hedduu buusuun manii qabame milkeesseera.

Hojileen hafan jiraatanis madaallii eeggachuu dhabuu dinagdee sirreessuuf, dhiibbaa idaa salphisuu, humna omishaa biyya keessaa guddisuu, maddoota dinagdee bal’isuu, carraa hojii uumuufi rakkoowwan bu’uuraa sirreessuuf carraaqqii taasifameen bu’aan argameera

Itoophiyaan waggoota jahan darbanitti addunyaarratti tarree biyyoota guddina dinagdee saffisaa galmeessisuun eeraman keessaa tokko taateetti.

Bara 2010 hanga 2015tti guddinni waliigalaa biyya keessaa Itoophiyaa giddugaleessaan harka 7.1 gaheera. Kanaanis Itoophiyaan Afrikaarraa biyya dinagdee cimaa qabdu taateetti.

Manii guddina dinagdee waaraa milkeessuufis kutannoo qabdu mirkaneessiteetti. Itoophiyaan Gaanfa Afrikaarraatti biyya dinagdee dilbii isa guddaa galmeessiste taateetti. Humni galii walittiqabuu mootummaas fooyya’eera.

Waan hafeef immoo fooyya’iinsi dinagdee mandhalee marsaa 2ffaa hojiirra jiru kutannoo mootummaan jijjiirama fiduuf qabu kan mirkaneessudha.

Sagantaan kun utubaalee afurirratti kan ijaarameedha.

1ffaa, hammattoo imaammata tasgabbii dinagdeefi ittifufiinsasaaf tumsuufi fayyaalessa bu’uuressuu.

2ffaa, hojiilee kalaqaafi invastimantiif haala miijeessaniifi dorgomaa ta’an guddisuu.

3ffaa, omishaafi omishtummaa biyya keessaa jabeessuufi

4ffaa, tajaajila qulqullina qabu kennuuf dandeettii mootummaa guddisuudha.

Ajandaa fooyya’iinsa dinagdee cimsuuf; dameen dhuunfaa dursuun dinagdee hundagaleessaafi carraa hojii bal’inaan uumuu kan bu’uureffate ta’a.

Wayita sagantaan kun hojiirra ooluttis guddinni dinagdee olaanaafi tasgabbaa’aan, qaala’iinsi gatii muraasni ni jiraata jedhamee maniin qabameera.

Sharafa maallaqa alaa oliifi gadi ta’u sirreessuu, damee faayinaansii daran sirreessuu, qaala’iinsa gatii to’achuu, galii taaksii guddisuu, bu’aqabeessummaa invastimantii mootummaa fooyyessuu, idaa mootummaa waaraa mirkaneessuu, fayyaalessummaa dorgommii damee baankii cimsuufi daldalaafi invastimantiif haala mijeessuu.

Sadarkaa idiladdunyaatti sirna dinagdee ammayyaa’aafi dorgomaa ijaaruuf maniin qabameera.

Waggoota darban sagantaalee fooyya’iinsa dinagdee mandhaleef deeggarsa gochuufi maallaqa walittiqabuuf carraaqqiifi waliigalteewwan gara garaa taasifamaa turaniiru.

Waliigalteewwan kunneenis faayidaa biyyaalessaa kan eegan ta’uufi bu’aa lammiilee kan mirkaneessan ta’uu mirkaneessuuf beekumsaafi bilchinaan akka gaggeeffaman ta’aniiru.

Bu’uura kanaan kaayyoo fooyyessa dinagdee milkeessuuf waliigalteerra gahuun danda’ameera. Fooyyessi dinagdee kunis Dhaabbata Maallaqaa Addunyaa, Baankii Addunyaafi tumsitoota misoomaa biroon kan deeggaramuudha.

Kan hundeeffames sagantaa fooyya’iinsa dinagdee mandhaleefi karoora invastimantiifi misoomaa giddugaleessaarratti. Kaayyoowwaniifi maniiwwan imaammataa sagantaa fooyya’iinsa dinagdee gooroo:

  1. Madaala sharafa alaa sirreessuufi hanqina madaala kaffaltii biyya alaa yeroo dheeraa furuu;
  2. Hammattoo imaammata mallaqaa ammayyeessuun qaala’iinsa gatii hir’isuu.
  3. Saaxilamummaa idaa furuufi galii biyya keessaa guddisuun fedhiiwwan misoomaa keenya humna biyya keessaatiin bakka buusuun haala mijataa uumuu.
  4. Hirmaachisummaa, dorgomummaafi fayyaalessummaa damee faayinaansii cimsuu.
  5. Kenna tajaajila mootummaa fooyyessuun jijjiirama haala qilleensaa dandamachuufi wabii midhaan nyaata mirkaneessuun sirna dinagdee jabaa hirmaachisaafi ittifufiinsa qabu uumuu fa’i.

Maniiwwan olitti eeraman milkeessuuf dhaabbilee biyyaa keessaa cimsuufi qooda fudhattoota biyya keessaafi idiladdunyaa hojiirra oolmaa imaammata sagantaa fooyya’iinsa dinagdee gooroorratti hirmaachisuufi iftoomina uumuun danda’ameera.

Kunis imammata bahe kana hordofee carraawwan haaraa gama faayinaansii, daldalaafi invastimantii biyyi keenya akka fayyadamtu ni dandeessisa. Tumsi walta’iinsaafi qindoomni akkasii kun guddina dinagdee damee dhuunfaaf carraawwan bal’aa uuma.

Sagantaa fooyyessa dinagdee gooroo kanaan tarkaanfiiwwaniifi faayidaalee guguddoon irraa eegaman ilaachisee deeggarsa Dhaabbata Maallaqa Addunyaa, Baankii Addunyaafi tumsitoota misoomaa kanneen biroorraa argamu biyya keenyaaf bu’aawwan hedduu akka argamsiisu eegama.

Tarkaanfiiwwan imaammataa sagantaa fooyya’iinsa dinagdee gooroofi faayidaalee guguddoo eegaman:

Sirni sharafa alaa gabaarratti hundaa’e akka tilmaamamu. Adeemsi gurgurtaa sharafa alaa gabaarratti akka hundaa’u,

Hammattoowwan hordoffiifi deeggarsaa ni diriirsa. Kanaanis manneen hojii ministeerota dhimmichi ilaallatuufi gama dhaabbilee mootummaan hordoffiifi deeggarsi barbaachisaa ni taasifama.

Gama dhaabbilee dhimmi ilaallatuun raawwiin hojmaata imaammataa akka jiraatuuf mootummaan hoggansi fooyya’iinsa imaammataa cimaan akka jiraatu ni mirkaneessa.

Gama biraatiin mootummaan dhaabbilee dinagdee gooroo keessatti gahee olaanaa qaban, Baankii Biyyaalessaa, Ministeera Maallaqaafi Ministeera Karooraafi Misoomaaf deeggarsa taasisuun humna dhaabbilee kanneeni ni cimsa.

Dhaabbileen kunneen imaammata dinagdee gooroo baasuufi hojiirra oolchuun akkasumas hordofuufi qorachuun gahee olaanaa taphatu.

Haaluma walfakkaatuun sagantaa fooyyessa dinagdee gooroof deeggarsa walitti qabuuf qaamolee dhimmi ilaallatu hunda faana walittidhufeenya ifaa ni uuma.

Hojiiwwan kutaalee hawaasaa saaxilamoo ta’an deeggaruu dandeessisanis ni raawwata. Deeggarsi sagantaalee seeftineetii hawaasaa ni taasifamaaf.

Hojjattoota mootummaa galii gadaanaa qabaniif dhiibbaa yeroo gabaabaa fooyyessi dinagdee gooroo geessisuu malu to’achuuf deeggarsiifi fooyya’iinsi mindaa barbaachisaan yeroo murtaa’eef ni taasifama.

Daballii gatii boba’aa mootummaan harka walakkaan kan hirphu ta’a. Adeemsa fooyyessa dinagdee gooroo kanarratti qorannoon ittifufiinsa qabu ni taasifama.

Adeemsa fooyyessa dinagdee gooroo ilaalchisee rakkoo bulchiinsa gaariifi alseerummaa dinagdee keessatti mudatu to’achuuf mootummaan hordoffii cimaa taasisuun tarkaanfii ni fudhata.

Riifoormii dinagdee gooroo ilaalchisee dhimmoonni biroo bal’inaan gama Ministeera Maallaqaafi Baankii Biyyaalessaatiin kan ibsaman ta’u.

Kutaa qophiitiin

BARIISAA SANBATAA Adoolessa 27 Bara 2016

Recommended For You