Bakka ummatni waardiyyaa ta’utti nageenyi rakkoo hinta’u

Oromoon saba nagaa jaalatu yoo xuqan malee nama hin xuqne, amala leencaa qabudha. Sodaatee mirgasaa kabachiisuurraa hin dheessuu, darbaa fayyadamaa ta’uufis goolii hinkaasu, saba safartuu namummaa qabu sirna Gadaan yayyabameedha.

Yoo rakkoon gidduusaatti mudate gaaddisa jala taa’ee qaroominaan dubbii bitaafi mirga ilaaluun akka aadaa Oromootti furata. Akka tasaa ta’ee waldhabbii keessatti yoo lubbuun bade godaanisni miidhamaafi miidhaa akka lammata haaloof sababa hintaanetti sirna gumaatiin guduunfa. Angoos akkaatuma sirna Gadaatiin karaa nagaan waleebbisiee baallii walitti dabarsa.

Har’aa garuu kunniin hundi seenaa ta’ee qe’een Oromtichaafi Oromtittii gooliifi gaaga’amni dhuunfateera. Sirni cunqursaa waggoota 150 oliif saba guddaa ukkamse, xiqqeesseefi qabeenyasaa saamee wareegama Qeerroofi Qarreen allayyaa keessaa ba’uun hindandeenyetti darbameera.

Ta’us, waliigalteen dhabamuusaatiin Oromoon injifannoo argame dhandhamachuu dadhabee har’as akkuma kaleessaa qe’eessaarratti dhiigaa, qabeenyisaa saamamaafi salphataa jira.

Oromoon saba sirna Gadaatiin bulu, karaa dimokraatawaa aangoo walitti dabarsu erga jedhamee lallabamaa as geenyee har’a waldhaga’uufi walkabajuu dhabuun eessaa dhufe? Rakkoo har’a furmaata dhabee Oromoo gatii kaffalchiisaa jiru rakkoo haaraa Oromoo durii gidduutti ta’ee hinbeekneedhaa?

Gaaffiileen kunneen dhaloota har’aatiif hiibboo ta’uu bira darbanii ulfinaafi kabaja duudhaalee sirna Gadaa gaaffii keessa galchu. Oromoonis kan kaleessaarra qe’eesaarratti salphateera.

Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaas yaa’ii Caffee tibbanaarratti kanuma ibsan. “ABO Shaneen ummata Oromoo halkan meeshaa hiikkachiisa, Ormi ammoo Oromoo harka duwwaa guyyaa dhufee ajjeesuun qabeenyasaa saama. Oromoo gidirsaa, salphisaa, ajjeesaafi ajjeesisaa Oromoof qabsoofna jechuun yakka seenaa keessatti dagatamu miti” jechuun waan har’a ummatni Oromoo keessa jiru ibsaniiru.

Oromoon kaleessaa Kaabaa Kibbaa, Bahaa Dhihaa waldhaga’ee waliifi waliin du’ee aarsaa qaaliin booda jijjiirama har’aa gonfate malee, badhaasaan gara abbaa biyyummaafi hiree murteeffannaatti hindhufne.

Dargaggoonni hedduu fincila diddaa garbummaarratti wareegama harkasaanii waliirra qaxxaamursuun hanga afuurrisaanii dhumaa baatuttis sirna gabroomfataa dura dhaabbachuun falman galatni isaan Oromiyaa badhaatee siidaa yaadannoo taasisuufiirra kan darbe carraa dhufanii jiraatan hinqaban. Dhalootni carraa jireenyaa argatee har’a ga’es gama nageenyaafi misoomaan hojiiwwan kabaja wareegamtootaa olkaasu hojjechuun dirqama Oromuummaafi safartuu namummaasaa ta’uu qaba.

Obbo Shimallisis, Oromoon saba jijjiirama har’aaf adda durummaan aarsaa qaalii kaffaleefi jijjiiramaan boodas biyya kadhaa qamadii oolchuufi misoomawwan biroo hundeen lafa qabsiisuuf miira walqixxummaan cichee hojjetaa jiruudha jedhan. Diinni abjuun Arat Kiiloo bula malee qabatamaan abbaa biyyummaa Oromoo sarbee milkaa’uuf daandiin itti fagaatee jiraachuu hubachiisaniiru.

Haa ta’u malee, diinni Oromoo cabsuuf humna hinqabu jedhee taa’aa hinjiru. Akkuma kaleessaa tooftaa Oromoon Oromoo cabsuu baafatee wixxirfachaa jira. Haaluma kanaan ABO Shaneetti fayyadamuuf halkanii guyyaa ifaajaa akka jirus dubbataniiru.

Mootummaan waldhabbii ABO Shanee waliin jiru karaa nagaa furachuuf hanga Taanzaaniyaatti imalus mariin marsaa lammaffaa fashalaa’uunsaa ummata Oromoo, keessattuu baadiyyaa jiraatuuf gadda laphee nama cabsu ture.

Har’a haalli nageenya gola Oromiyaa kan waggoota shanan darbaniin yommuu walbira qabamu daran fooyya’eera. Fooyya’uun boqqonaa yeroof itti gammadan malee rakkoorraa bilisa jechuu waan hintaaneef hojii manaa hedduu barbaada.

Ammas taanaan ummatni Oromoo waltajjii hedduurratti osoo qaala’iinsi jireenyaafi dheebuun misoomaa jiruu waa’ee nageenyaa adda durummaan kaasaa jira. Mootummaan garaa bal’atee akkuma kana duraa ifaajjii nagaa buusuu cimsee akka ittifufus gaafataa jira. Boqqonnaa nageenyaa goolabuun gara misoomaatti fuula deebifatee ofiifi biyya jijjiiruun hawwii ummata Oromoo hundaati.

Mootummaanis gamasaatiin, qaamoleen hidhatanii nageenya booressaa jiran daandii nagaatti akka deebi’aniif karaa abbootii Gadaa, haadholii Siinqeefi jaarsolii biyyaa tattaaffii taasisu cinaatti hanga Taanzaaniyaa deemuutti kutannoo nageenyaaf qabu agarsiiseera.

Keessattuu kadhaafi gorsa abbootii Gadaafi jaarsolii biyyaatiin dargaggootni hedduun gara nagaatti deebi’uun leenjii haaromsaa fudhatanii hawaasatti makamaniiru. Har’as sadarkaalee garagaraatti karri nageenyaa banaa ta’uuu mootummaan irra deddeebiin ibsuu cinaatti waamicha nageenyaa taasisaa jira. Gama biroonis hojiin tarkaanfii olaantummaa seeraa kutaalee Oromiyaa garagaraa keessatti fudhachuu akkuma ittifufetti jira.

Mootummaan dirqama mirga lammiileefi heeraa kabachiisuu waan qabuuf malee olaantummaan seeraa kabachiisuu keessatti miidhaan qabeenyaa, badii lubbuufi rakkoon xiinsammuu mudatu salphaa miti.

Sagaleen qawwee dhala namaa mitii bineensa bosonaafi toora uumamaa biroo nagaa dhorka. Bakka olaantummaan seeraa hinjirretti ammoo ajjeechaan, saamichiifi alseerummaan horee dagaaga waan ta’eef gaaga’amni jiru dachaan dabala.

Haala amma jiruun akka Obbo Shimallis jedhanitti, kanaan booda kutaalee Oromiyaa muraasarraa kan hafe dirqamni nageenya kabachiisuu ummataaf kennama. Bakka rakkoon nageenyaa ulfaataa ta’etti qofa qaaamni nageenyaa bobbo’a, kanneen hafan ummatatu walijaaree nageenyasaa tikfata.

Waaqshuum Fiqaaduutiin

BARIISAA SANBATAA Adoolessa 20 Bara 2016

Recommended For You