Guddinni bajata Oromiyaa dheebuu misoomaa hawaasni naannichaa qabu waliin saffisaan dabalaa jira. Caffeen Oromiyaa dheebuu misoomaa naannicha keessa jiru dandamachiisuuf Wiixata darbe bajata naannichaa bara 2017 qarshii biliyoona 285.19 ol raggaasiseera.
Bajanni kun kan bara 2016tiin yommuu walbira qabamu qarshii biliyoona 63.6n caalmaa qaba. Maddi bajatichaa irra jireessaan naannichumaa kan walitti qabamu ta’uun naannichi ittifayyadama maallaqaafi galii maddisiisuun sadarkaaN irra ga’e calaqqee guddinasaa kan mul’isuudha.
Hogganaan Biiroo Maallaqaa Oromiyaa Obbo Tolasaa Gaddafaa bajata kana ilaalchisee ibsa yaa’ii Caffeerratti kennaniin akka jedhanitti, bajatni ramadame guddina guddaa agarsiiseera. Ta’us Oromiyaan naannoo daran bal’oo fedhii misoomaa bal’aa qabdu waan taateef bajatichi yoo xiqqaate malee hinguddatu.
Haa ta’u malee, potenshaalli galii naannichaa olaanaa ta’us galii duguuganii funaanuurratti hanqinni jiru hanga bajataarratti rakkoo uumeera. Bara dhufu galii naannichaa guddisuun qarshii biliyoona 205.5 sassaabuuf karoorfameera. Kunuu potenshaala jiru waliin yommuu walbira qabamu xiqqaa ta’uu qofa osoo hintaane duguuganii sassaabuurratti hanqinni jira.
Deeggarsa bajataa mootummaan federaalaa naannichaaf taasisu qarshii biliyoona 74.4 qofa ta’us kanneen hafan garuu galii naannicharraa walitti qabamaniidha. Bajata bara 2017’f ramadame keessaa harki caalu (%87) pirojektota ijaarsarra jiran xumursiisuuf kan oolu ta’a.
Pirojektonni dhibbantaa 13 haaraa ta’anirraa kan hafe caalaansaanii pirojektoota buleeyyii waan ta’aniif bara 2017 yoo xiqqaate %90 xumuruun tajaajilaaf oolchuuf xiiqii addaatiin akka hojjetamu Obbo Tolasaan ibsaniiru.
Haaluma walfakkaatuun bajatni guddaan sektaroota hawaasaaf ramadameera. Bifuma kanaan rakkoo bishaan dhugaatii naannichaa furuuf bajataa idileefi marmaartuun qarshiin biliyoona 11.2 Biiroo Bishaaniifi Inarjii Oromiyaaf, rakkoo fayyaa hawaasaa furuuf qarshii biliyoona 11 sektara fayyaaf, rakkoo daandii furuuf qarshii biliyoona 9.44 Biiroo Daandiiwwaniifi Loojistiksii Oromiyaafi gaaffii horsiisee bulaa naannichaa hundeerraa furuuf qarshii biliyoona 9.2 Biiroo Misooma Jallisiifi Horsiisee Bulaa Oromiyaatiif duraa duubaan ramadameera.
Kana malees, cuunfaan wayita ilaalamu bajata qarshii biliyoona 285.19 ol bara bajataa naannichaa bara 2017 keessaa, baasii marmaartuu naannootiif qarshii biliyoona 38, baasii kaappitaalaa naannootiif qarshii biliyoona 67 ol, deeggarsa aanaafi bulchiinsa magaalotaaf qarshii biliyoona 178 oliifi ittiin eeggannoo naannootiif qarshiin miliyoona 600 ramadameera.
Xiyyeeffannaa mootummaafi rukkinni hojii aanaaleerra jiraachuun hubatamee bajatni dhibbantaa guddaan jechuun 62.7 aanaaleef ramadamaniiru. Kunis hawaasni tajaajila barbaadu heddumminaan kan argamu aanaaleerratti.
Kan bara darbeen yommuu walbira qabamu daballiin bajataa aanaalee, keessatti sektara nageenyaafi hawaasummaarratti olaanaa yommuu ta’u sadarkaa naannootti daran xiqqaadha. Nageenyaafi sektara hawaasummaaf xiyyeeffannaan kan kennameef dhimma jiraachuufi jiraachuu dhabuu ta’uus Obbo Tolasaan hubachiisaniiru.
Miseensonni Caffee baroota darban sababa rakkoo nageenyaafi bulchiinsa gaariin walqabatee qisaasamni bajataa akka jiru akkasumas godinaalee tokko tokkotti gaaffiin bu’uuraalee misoomaa irra deddeebiin ka’aa akka jiru qeeqaniiru.
Caffeen matumtisaa qaama aangoo guddaa qabuufi hojirra oolmaa bajataafi dhimmoota naannichaa hordofuufi to’atu ta’ee bajatni bara 2017 isaaf ramadame xiqqaa ta’uus kaasaniiru. Bara 2016tti sababa hanqina bajataaf leenjiin hubannoo uumuu yaadame hedduun hafuusaafi hanqinni loojistiksii hojii hordoffiirratti dhiibbaa uumaa turus bajata baranaanis hojii quufsaa hojjechuun akka hin danda’amne yaadachiisaniiru.
Bakka tokko tokkotti baasii seeraafi hojmaata faayinaansiin hindeeggaramne hordofuu dhiisuun qisaasamni maallaqaa qarshii biliyoonaan lakkaa’amuu mudateera. Gama biroon ramaddii bajataa kanarratti pirojektota akkamiifi eessatti argaman xumuruuf akka oolu qixa sirriin lafa kaa’uu dhabuun akkasuma wagga waggaan pirojektota buleeyyii jechuun maal jechuu akka ta’e gaaffii miseensota Caffee ture.
Faca’iinsi pirojektotaas bakka hedduutti walfakkaataa waan hintaaneef haqa qabeessummaansaa mirkanaa’uu akka qabu kaasanii, keessumaa ijaarsa daandiin walqabatee rakkoo faca’iinsaa qofa osoo hintaane harkifannaan akka jiru miseensonni Caffee qeeqaniiru.
Obbo Tolasaan wayita deebii kennan akka jedhanitti, sababa hanqina qabeenyaa jiruun addunyaa kamirrattuu fedhiifi dhiyeessiin wal hin gitu. Oromiyaan ammoo biyya guddoo waan taateef qoqqobbii misoomaa kaleessa irratti taasifamaa tureen walqabatee fedhiin misoomaa hawaasni calaqqisiisaa jiru daran bal’aadha.
Fedhii jiru dhawataan guutuuf madda galii babal’isuu, galii qixa sirriin kaffaluufi walitti qabuun barbaachisaadha. Bajata Caffee ilaalchisee Caffeen mataa ta’us qaama fayyadamummaa hawaasaaf dursa kennudha. Ta’us sadarkaa barbaadameen ga’aa ta’uu baatus akkuma sektaroota biroo daballiin bajataa xiqqaan taasifameeraaf.
Hundaa ol, bajata ramadame kaayyoo ramadameef oolchuun dirqama hundaa ta’uu qaba. Bajatni naannichaa “Akka affeerraa iyyeessaa malee akka buuffee sooressaatti kan ilaalamu miti” jechuun fakkeenyaan hubachiisan. Kana jechuun fedhii jiruun yommuu ilaalamu hanqinni ammayyuu jira waan ta’eef bajata qoodame kana kaayyoo yaadameef miira ittigaafatamummaan oolchuu malee akka fedhiitti kan hojiirra oolfamu miti jedhaniiru. Bajatni ramadame kun qixa sirriin hojiirra akka ooluuf sirni to’annoofi hordoffii cimaan akka taasifamu dubbataniiru.
Dhimma pirojektota buleeyyii waggaa waggaan ka’u ilaalchisee akka jedhanitti, fedhii misoomaa hawaasni waggaa waggaan kaasu bu’uura godhachuun waggaa waggaan pirojektiirratti pirojektii haaraan ni eegalama. Baay’inni pirojektotaa dabalaa dhufuu qofa osoo hintaane gatiin meeshaalee ijaarsaa dabalaa dhufuusaan bajata guddaa gaafateera.
Naannichi pirojektota haaraa kan dabalu yoo ta’e sadarkaa waa kaffaluu dadhabuurra waan ga’uuf barana ciniinnatee pirojektota ijaarsarra jiran yoo xiqqaate dhibbantaa 90n ga’uun ummata biraan ga’uuf xiiqiin hojjetamaa jira.
Ijaarsa pirojektii eegaluu qofa osoo hintaane xumuruun ejjennoo mootummaa jijjiiramaati. Kanumarraa ka’uun akka kana duraa bakkawwan hundatti dhagaa bu’uuraa baay’inaan kaa’uurra pirojektota ijaarsisaanii eegalame xumuruuf dursi kan kenname. Bu’aa pirojektonni ijaaraman hawaasaaf kennan ilaalcha keessa galchuun akkuma faayidaasaaniitti duraa duubaan ijaaramaa kan jiraniif. Kunis pirojektonni haaraan bal’inaan hinijaaraman jechuu osoo hintaane humna bajataatiin kan eegalame xumuruuf haaraa bal’inaan ijaaruuf madda galii haaraa burqisiisuuf yaadameeti.
Sadarkaa naannichaatti pirojektonni qarshii biliyoona 79.44 ijaaraman kumni 20 ol barana hanga dhuma baatii Waxabajjiitti eebbisaanii ittifufeera. Kun sadarkaa naannootti hiika guddaa qaba.
Waliigalaan ammoo pirojektonni qarshii biliyoona 110.9n ijaaramaa jiran kumni 31 ol naannichatti argamu. Fedhiin misoomaa ummatni qabu daandii, buufata fayyaa, mana barumsaafi bishaan dhugaatii qofa osoo hintaane gara yunivarsitiifi daandii xayyaaraatti guddateera. Gaaffiin bu’uuraalee misoomaafi dhaabbilee tajaajila hawaasummaa kunneenis fayyaalessaafi kan jaarraa keessa jirru ilaallatuudha.
Jijjiiramni rogawwan maraa birqabaan (‘relatively’) jiraatus potenshaalli galii maddisiisuu Oromiyaa naannicharra darbee biyyaafuu kan ga’uudha.
Hangi Oromiyaan bajatni qabameefi galiin funaanuuf yaadame xiqqaa ta’uun hubatamuu qaba kan jedhan ammoo Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaati. “Jijjiiramni dinagdee amma mul’achaa jiru tiifuudha, roobni cimaan dhufaa jira” jechuun egereefi hanga Oromiyaa ibsaniiru.
Ummata dheebuu misoomaa olaanaa qabuuf pirojektii xiqqaa xumuruun badhaasaafi rooba tiifuun machaa’uun dhaabachuu akka qabus hubachiisaniiru. Waan xiqqoo hojjetanii ittiquufanii rafuun hojii Oromiyaa madaalu qofa osoo hintaane kaayyoo badhaadhina mitis jedhan. Hojiin kana boodaa baay’ina, qulqullinaafi saffisaan dabaalanii hojjechuun dhaloota gabaa addunyaarratti dorgomaa ta’e uumuun dirqama hundaa ta’uus cimsanii dubbataniiru.
Akka isaan jedhanitti, yeroo mara pirojektii bajata mootummaatiin ijaaramu hawaasa dhaalchisuu osoo hintaane hawaasa pirojektii mataasaatiin hojjetatu uumuuf bakkeewwan ijaarsa pirojektiitti hubannoofi kalaqa hawaasaa gabbisuun murteessaadha.
Waaqshuum Fiqaaduutiin
BARIISAA SANBATAA Adoolessa 20 /2016