“Qaamoleen lola hidhannoo adeemsisan deebii kennuu dhabuun komishinichatti danqaa ta’eera”- Komishinii Marii Biyyaalessaa

Finfinnee: Marii biyyaalessaa hundaa hirmaachise taasisuuf waamicha qaamolee hidhataniif dhiyeesserraa hanga ammaatti deebii dhabuun danqaa itti ta’uu Komishiniin Marii Biyyaalessaa ibse. Torbee ittaanutti naannolee sadiifi bulchiinsa magaalaa tokkotti ajandaa marii walitti qabuun akka eegalu ibsameera.

Komishinarri olaanaa komishinichaa Pirofeesar Masfin Arayaa sagantaa ajandaa walitti qabuu naannolee ilaalchisuun ibsa Roobii darbe gaazexeessitootaaf kennaniin akka jedhanitti, qaamoleen hidhattootaa waamicha Koomishinichi dhiyeesseef deebiin waan hin kennamneef haala nageenyasaanii (‘save pass’) komishinichi mootummaa waliin haasa’uuf yaadetti danqaa uumeera.

Akka ibsa isaaniitti, waggoota lamaan darbanitti hojii ajandaa marii biyyaalessaa walittiqabuu hojjetameen calallii hirmaattota sadarkaa aanaafi naannootti, naannolee 10fi bulchiinsa magaalaa lamatti xumurameera.

Calallii hirmaattotaatti aansuudhaan hojii ajandaa walittiqabuu magaalaa Finfinneetti xumuramuun ajandaaleen gara komishinichaa dhufaniiru. Ittaansuudhaan naannoolee sadii jechuunis Beenishaangul Gumuzi, Harariifi Gaambeellaa akkasumas Bulchiinsa Magaalaa Dirree Dhawaatti ajandaa walitti qabuun torbee dhufurraa eegala. Kanaafis, ogeeyyiifi komishinaroonni komishinichaa Adoolessa 10 irraa eegaluun bobba’aniiru.

Komishinichi qormaata kutaa 6ffaa, 8ffaafi 12ffaa akkasumas hojiiwwan garagaraa naannoleetti gaggeeffamaa jiran yaada keessa galchuu himanii; naannolee sadiifi bulchiisa magaalaa tokkotti ajandaa walittiqabuu hanga Hagayya 30tti xumuruuf hojiin eegale ittifufa jedhaniiru.

Naannoo Affaaritti ho’i qilleensaa ji’a Hagayyaafi Fulbaana gara jalqabaatti waan hammaatuuf ji’a Onkoloolessaa ajandaa walittiqabuun kan ittifufu ta’uu himanii; ta’us naannolee akka Amaaraafi Tigiraayitti hojii akka hafu ibsaniiru.

Naannoo Amaaraatti leenjiin qaamolee deeggartootaa muraasaaf kennamuu himanii; naannoo Tigraayitti sochiisaa eegaluuf bulchiinsa yeroo naannichaarraa mijaa’uu haalotaa eegaa jiraachuu ibsaniiru.

Barbaachisummaa marii biyyaalessaa afaanota garagaraan ummata biraan ga’uuf miidiyaaleerraa waan guddaatu eegama. Ta’us dhabbilee siyaasaa muraasaafi qaamolee hidhatanii bosana keessa socho’an hanga ammaatti waamicha koomishinichi dhiyeesseef deebii hin argatin jira. Yeroo ammaa dhaabbilee siyaasaa 50 ta’an marii biyyaalessaarratti hirmaachaa jiraachuu himanii; dhaabbileen siyaasaa muraasni waan hirmaataa hinjirreef akka hirmaataniif waamicha dhiyeessuu eeraniiru.

Qaamoleen hidhatanii lolaa jiran waamicha komishinichi dhiyeesseef deebii waan hinkennin jiraniif haala nageenyasaaniirratti mootummaa waliin haasa’uurratti danqaa uumeera. Kanaafis koomishinichi irra deebiin waamicha dhiyeesseera.

Gammachuu Kadiriin

BARIISAA SANBATAA Adoolessa 13 /2016

 

Recommended For You