‘Muqaddamaafi Manaazila’

Godina Harargee Lixaa, ummanni Aanaa Horsiisee Bulaa Gumbii Bordoddee dursa sanyii facaasan (‘Muqaddama’)fi waqxii sanyii (‘Manaazila’) akkaataa ittiin yeroo ilaalan qaba.

Ummanni Oromoo beekumsawwan garagaraa keessaa raaga haala qilleensa cimaa kan waggaa guutuu ittiin raagu waaqni lafa gammoojjii loon horsiisuufi lafa qotee waggoota baay’eef qarooma uumaan kenneef walitti daddabarsuufi walirraa dhaalaa har’a ga’eera.

Gadaan Oromoo deebi’ee Oromoon aangoo qabatee ministira muummee ta’uun aangoo qabachuusaatiin Gadaan toluufi barri kan badhaadhinaa ta’uu manguddoonni himaa turaniiru. Gadaa kun keenya ta’uu ummanni Oromoo hubatee waliin galee, waliin ta’ee diinasaa ofirraa ittisee misoomasaa guddifachaa mootummaa biyya bulchaa jiru waliin hiriiruu akka barbaachisu manguddootarraa dhaga’uusaanii dhaloota xixiqqaa guddachaa jiraniif dhaamaniiru.

Dursi sanyii akaakuuwwan garagaraa sadii qaba. Isaanis:

  1. Dursa sanyii midhaanii ykn ‘Muqaddama’ midhaanii
  2. Jalqaba (‘Muqaddama’) beeyladootaa ykn Muqaddama beeyladootaa
  3. Dursa sanyii namaa ykn ‘Muqaddama’ namaati.

‘Muqaddama’ jechuun jecha Afaan Arabaa yoo ta’u, afaan Oromootti yoo hiikamu eegala (dursa) sanyiin yeroo tokko keessatti itti eegalamu jechuudha. ‘Muqaddamni’ Gadaafi waggaa hunda keessatti hinjijjiiramu; waqtuma akka bara darbee sanaa naannawee ykn deebi’ee dhufuudhaan beekama.

‘Manaazilli’ jechuuniis jecha Afaan arabaa yemmuu ta’u, Afaan Oromootiin yoo hiikamu waqtii sanyiin keessatti tolu kan iddoo duraan ture irraa jijjiiramu jechuudha.

Dursa sanyii namaa ykn Muqaddama namaa

Dursa (jalqaba) sanyiin facaasan ga’uu wantoota qonnaan bulaa Harargee biratti akka itti hojjatamaa tureefi ammaas itti fayyadamaa jiraachuun namni naannawa kana keessa ture ni beeku. Dursa sanyiin facaasan ga’uufi ittifufiinsaan roobni jiraachuu akkasuma yabbuu (gobbuu) biqilli miidhaan facaafamee waqtii gaarii ta’een akka walqunnamu wantoonni akka milkiitti ilaalan nijiru.

Isaanis: Ulfaatina biyyoo oyruu keessaa ykn lafa qonnaa keessaa daraaraa mukaa, dheeka, dhaddacha, boonbii sanyii kan jedhamtu kan yeroo sanyiin ga’u ganamaafi galgala baay’inaan lafa qonnaa keessatti mul’achuun beekamtu, hidda midhaaniifi mukaas ni ilaalama. Hiddi aramaa hoola gabbis jedhama. Yoo hiddasaa jalatti firii godhate muqaddamni tole jedhanii milkaa’ina bara as deemuu raagu.

Yeroo kanatti milkiin midhaanii wantoota ilaalamu qaba. Waqtii ji’a Gurraandhalaarraa eegalee dursa miidhaan akka facaafamu manguddoonni dubbifne ni dubbatan. Dursa (Muqaddama) sanyiin facaasan ga’uu ji’a sadiin qoodamee qonnaan bulaa Harargee facaasan ji’a Gurraandhala, Eblaafi Waxabajjii keessaa jalqabii sanyiin facaafamu akka jiru manguddoonni ni dubbatu.

Ji’oota eeraman kanneen keessaatti torban ykn guyyoota halkaniifi guyyaa hatattamaan facaasan haala qilleensa ilaaluun beeku.

Jalqaba (muqaddama) beeyladootaa

Jalqaba (muqaddama) beeyladootaa barana fuula dura dursa (Muqaddama) roobni gaariin ta’e kan marga (kaloo) haalaan magarsee beeylada horsiisee bultootaa biratti manguddoonni umriinsaanii gadamoojjii ta’an muuxannoo ykn beekumsa umrii jireenyaasaanii keessatti horataniifi abbootiisaaniirraa dhaalaniin walittifiduun akka qorannoo ammayyaa (raaga haala qilleensaatti) ittifayyadamuun ittiin milka’aa jiru.

Beeyladoonnisaanii haala gaariifi furdatanii miidhaguun bara darbe gaanaa kaasanii rimaa fuudhanii walhoruun lakkuu lamaa hanga sadiifi akka ittifufiinsaan waggaa guutuu hanga barri itti naanna’uufi Gadaa sanas raaganii milkii ilaallachuun sa’a huqqates hingurgurinaa, korma gaarii ykn sanyii filatamaa ta’e loon keessa bobbaasaa jechuun waliif dhaamu.

Bara akka olitti tuqame kana keessatti, saanni, re’een, harreen, fardeen, gaala, hoolaafi lukkuun dhibeen kan hinmiidhamne ta’uufi roobni kan addaan hincinne ta’uu waliif himuun loonsaa qusatee bu’uu loonirraa argamu kanneen akka aannaniifi dhadhaa fayyadamuun inni qabu isa hinqabneef qoodee gammachuun waliin jiraachuun horsiisee bultoonni keenya tola waliif ooluun beekamu.

Yeroo kanatti saawwansaanii elmatanii aannan raafachuufi kaanis kanneen akka re’eefi hoola, gaalaafi loon qalatanii nyaachun ollaasaanii waliin qooddattanii jireenya gaggeeffatu.

Aannan dhugeefi dhadhaa fayyadamee badhaadhina qaama maatiisaa eeggatee, qancarummaafi nyaata madaalawaa waan qabaniif dhibeewwan garagaraarraa qaamnisaanii dandamachuu akka danda’u manguddoonni ni dubbatu.

Horsiisee bultoonni aanichaa iddoo loon baay’inaan itti horuufi aannan baay’inaan ittimirgisu (aannaan baay’inan argaamsiisuu danda’u) lafa ciisicha saawwaniif tolu jedhee waama. Iddoo sana halkan dhaqee akka ho’u, irraa dhaabbatee taa’ee yeroo garaagaraatti milkiin ykn raaga ilaala.

Dursa ykn muqaddama sanyii namaa

Dursi (jalqabbiin) sanyii namaa ykn muqaddama sanyii namaa ji’a Fulbaanarraa eegala. Muqaddamni sanyiin midhaaniifi beeyladootaa dursa tollaan waqtiin (manaazilli) Gadaafi barri quufaa dhufee waan nyaatamuufi dhugan quufa (bashbash).

Kanaaf, abbaafi haati ilmaafi durbasaaniif walitti heerumsiisuufi fuusisuuf lafa (iddoo) mana itti ijaaraniif galgalaafi guyyaas waaree bahanii iddoo ho’ituutti kan ciisa namaafi beeyladoonni itti horuu danda’amu lafa mijooftuu ilaaluun mana bultii keessatti ijaaran tolchuuf.

Cidha gaggeessuun bultii ilmaansaanii walitti ijaaruun soddoomuun kan duraanii caalaa walitti firoomanii ykn hiddoomanii walbira deemanii walilaaluun gaddaafi gammachuun waliin qooddachuun walkabaju.

Hawaasa horsiisee bulaa gammoojjii Gumbii Bordoddee biratti ilmi gaafa dhalatuufi fuudhu argaa maatii, firaafi ollaan yoo dhiira ta’e looniin akkuma dandeettiisaatti arganiin; yoo dubara taate immoo gaafa heerumtu kennaa argachuun yeroo walfuudhanii bultii ijaaranii aruuzaa bahanii gooftaafi giiftiin warra qabeenya qabu ta’anii beekkamu malee hiyyeessa hinta’an.

Kanaaf Gadaafi barri dursi (maqaddamni) tole jedhamee beekama. Bara akka jedhamee kana bara quufaa cidhaatu baay’ata. Warri walfuudhee abbaafi haadha qabeenyaa waliin ta’an. Kanneen immoo walirraa dhalchanii gammachuun waliin jireenya badhaadhaa ta’e keessatti ilmaansaanii guddifachuun jireenyasaanii waliin geggeessu.

Abdumaalik Ahmad Daawwee Waajjira Kominikeeshinii Aanaa Gumbii Bordoddeerraa

 BARIISAA SANBATAA Adoolessa 13 /2016

Recommended For You